Poolisiin Naayijeeriyaa namoota waldaatti ugguramanii 'dhufaatii Iyyasuus lammataa' eegan baraare

Poolisii Naayijeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Poolisiin Naayijeeriyaa daa'imman dabalatee namoota 77 waldaa keessatti ugguramanii 'dhufaatii Iyyasuus lammataa' eegaa turan baraare.

Taateen kun kutaa biyyaa Kibba-Lixa biyyattii Ondoo jedhamu keessatti yoo ta'u, namootni baraaraman kunneen gariin baatilee hedduuf kan achi turanidha.

Akka dubbi himaan Poolisii jedhutti, namootni kunneen Iyyasuus Eebla darbe keessa akka deebi'ee dhufuu itti himamee, taatee kana ijaan arguuf jecha hojii fi baruumsa gatanii achitti walitti qabaman.

Haati tokko ijoolleen ishee jalaa baduu fi waldaa san keessa jiraachuu akka hin oolle erga gabaaste booda poolisiin waldichatti kan bobba'e.

Yakka namoota gareen butanii ugguruutiin shakkamtoota waldaa 'Whole Bible Believers' irratti himata banuuf akka jedhu poolisiin ibseera.

Paastariin waldaa kana Deeviid Anifowooshee fi itti aanaan isaa to'annoo jala oolfamanii jiru. Namootni achii baraaraman yeroo gara buufata kunuunsaa mootummaatti geeffaman.

"Qorannoo jalqabaa poolisiin godheen Paastarii gargaaraan Waldichaa Piitar Asumoosaa Eebla keessa Iyyasuus akka dhufu, amantoonnis isa simachuuf gara samiitti akka butaman namoota kanatti hime" jetti qondaalli miidiyaa poolisii Naayijeeriraa Fanmilaayoo Odunlaamii.

Booda dhufaatiin Iyyasuus kun gara Fulbaanaatti akka jijjiirameefi hangasitti namoonni kun dursitoota waldichaaf abboomamanii akka eegan hubachiise.

Walumaagalatti poolisiin daa'imman 26 fi dargaggeeyyii 8 fi ga'eessota 43 baraaruu himte.

Akka amantaa Kiritiyaanaatti Iyyasuus Kiristoos yeroo lammataaf deebi'ee ni dhufa. Yeroo kana amantoonni gara samiitti ol butamu amantiin jedhus jira.

Haleellaa Ondoo keessatti waldaa biraa irratti raawwatameen booda hordoftonni amantaa Kiristaanaa yaaddoo guddaa keessa jiru.

Haleellaa qawwee fi boombii Waxabajjii 06 waldaa kaatolikii 'Seent Firaansiis' magaalaa Owoo keessa jiru irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 50 ajjeefamanii turan.

Aanga'oonni mootummaa federaalaa Naayijeeriyaa gareen 'Islamic State' Lixa Afrikaa keessa sosso'u ajjeechaa jumlaa kana raawwachuu akka hin oolle shakku.