Raashiyaan bifa haaraan weerara gaggeessuf qophaa'aa jirti - Yukireen

Maxxanfame

Raashiyaan bara faranjootaa haaraa kanatti waraana lafoo guddaa qindeessuun weerara haaraa gaggeessuf qophaa'aa akka jirtu Yukireen himatte.

Pirezidantiin Yukireen Volodmir Zeleniskii fi aangawoonni olaanoon biyyattii qophiin Raashiyaan gootu akka salphaatti ilaalamuu hin qabu jedhan.

Haleellaan Raashiyaan itti qophaa'aa jirtu kun kallattii naannoo Doonbaas, karaa Bahaatin ta'uu akka danda'uu fi hanga magaala guddoo biyyatti Kiiv to'achuutti kan kaayyefate ta'uu jeneraalonni waraanaa Yukireen akeekan.

Xinxaltonni biyyoota Lixaa garuu Raashiyaan humna lafootiin Yukireen to'achuuf dandeettiin isheen qabdu saffisaan dadhabaa akka dhufe himu.

Qondaala waraanaa olaanaa Biriteen kan ta'an Admiiral Sar Toonii Radaakin, Raashiyaan keessumaa hanqina rokkeettii waan qabduuf bifa haaraan Yukireen irratti weerara yoo bante ofuma ishee akka miidhamtu dubbatan.

Ministeerri Ittisaa Yukireen Oleeksii Reznikoov irra deddeebiin miidiyaatti akka himanitti Raashiyaan bifa haaraan Yukireen weeraruuf ragaaleen quubsaan jiraachuu himan.

Kuni ammoo bara haaraa 2023 ji'a Guraandhalaa keessa ta'uu akka malu himan.

Yeroo kanatti Raashiyaan loltoota haaraa 600,000 Yukireen akka lolaniif waamte keessaa 300,000 kan ta'an leenjii isaanii ni xumuru jedhame.

Barruun the Economist dhiyeenya akka gabaasetti haleellaan Raashiyaa kun hanga ji'a Amajjiitti ta'uu danda'a.

"Raashiyaan loltoota haaraa 200,000 qopheessaa jirti. Ammas Kiiv weeraruudhaaf akka yaalii godhan shakkii hin qabu," jechuun dubbatan gaggeessaan humna waraanaa Yukireen Jenaraal Zaluziniin.

Yukireenis ta'ee Raashiyaan bara haaraa faranjootaa kanaaf waraana akka dhaaban jedhamanis lamaan isaanituu yaadicha hin fudhanne.

Waraana kana mariin fixuufis ammatti wanti jedhame homtuu hin jiru.

Yukireen keessumaa haleellaa qilleensarraa itti dhufu qolachuuf humna farra ittisa haleellaa qilleensarraa cimsattee jirti.

Garuu ammayyuu deeggarsi meeshaalee waraanaa ammayyaa akka ishee barbaachisu biyyoota lixaatti iyyataa jirti.

Mudde 15, gaggeessitoonni Gamtaa Awurooppaa bara haaraa kanatti deeggarsa yuuroo biliyeena 18 Yukireenif kennuuf walii galanii jiru.

Akkasumas Raashiyaarraa qoqqobbii dabalataa kaa'uf walii galan.

US gama isheetiin Jarmanitti loltoota Yukireen 15,000 ta'aniif leenjii waraanaa gahaa ta'e akka kennitu beeksifte.