Gargaarsa namoomaa Tigraay qaqqabsiisuun addaan cite -UN

Konkolaattota deeggarsa fe'anii imalarra jiran

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Gargaarsa namoomaa Tigraay qaqqabsiisuuf taasifamaa ture waraanni Kaaba Itoophiyaa akka haaraatti torban darbe jalqabuu hordofee addaan cituu isaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Waraanni Hagayya 25, 2022 akka haaraatti jalqabee naannoo Amaaraa bakka Tigraay waliin wal daangessutti babal’ate kun rakkoo namoomaa jiru hammeessa jedhamee sodaatama kan jedhe UN, muddama amma dhalate kana qaamoleen wal lolaa jiran akka qabbaneessaniifis waamicha taasisuu itti fufeera.

Dhaabbatichi gargarsa namoomaa Tigraay keessatti akka malee barbaachisaa jiru geejjiba daandiin qaqqabsiisuun walakkaa torban darbee irraa kaasee addaan cituu ibsuun, hojjetoonni gargaarsaa xiyyaaraan deddeebisuunis dhaabbachuu isaa himeera.

Kana malees, maallaqni callaa ittiin hojii hojjetanis gadhiifamaa akka hin jirre eereera UN.

Dubbi himaan UN dhimma kana irratti ibsa kenneen, “Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbileen miti-mootummaa michuu keenya ta’an yeroo haalli mijataan jiraatutti gargaarsa namoota miidhamaniif dhiyeessuu itti fufna,” jedhe.

UN fi dhaabbileen gargarsaa biroon naannoo Tigraayitti gargaarsa dhiyeessaa turuu himuun, qaamoleen walitti bu’insa keessa jiran ammas karaa gargaarsa namoomaa ittii dhiyaatu akka mijeessaniif waamicha taasiseera dubbi-himaan UN kun.

“Qaamoleen walitti bu’insa kana keessa jiran atattamaan gargarsi namoomaafi hojjetoonni gargaarsaa dhorkaa tokko malee guutummaa Kaaba Itoophiyaa akka qaqqabuuf akkaataa seera namoomaa idil-addunyaatiin haala akka mijeessaniif irra deebiin waamicha dhiyeessina.”

Dhaabbatichi ibsa Hagayya 30, 2022 baaseen, namoonni daangaa naannolee Amaaraa fi Affaar bakka waraanni itti gaggeeffamaa jirurraa buqqa’uu akka hin oolle eeruun, Kaaba Itoophiyaatti gargaarsi namoomaa ammallee akkaan yaaddessaadha jedheera.

Naannoo Amaaraatti saatiin ittiin socho’uun danda’amu daangeffamuun godinaalee Gondar Kaabaa Dabaarkitti; Walloo Kibbaa Daseetti; Walloo Kaabaa Waldiyaatti galgala  saatii 1:00 hanga barii saatii 12:00tti sochii kamiyyu akka hin jiraanne labsameera.

Kun ammo sochii namoota naagaa, tajaajilawwan fayyaa yeroo barbaachisutti argachuufi hojii daldalaa irrattis dhiibbaa uumuu isaa UN ibsa isaa kanaan eereera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa, walitti bu'insawwan kutaawwan biyyattii gara garaa keessatti mul'atanii fi buqqaatii hongeen dheerate qaqqabsiise, lakkoofsi uummata gargaarsa hatattamaa  barbaadanii akka dabalu taasiseera.

Bara kana keessa qofa uummanni miliyoona 20 ta'an gargaarsi namoomaa akka isaan barbaachisu Ddhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ifa godheera.

Waraanni amma akka haaraatti jalqabe kun rakkoowwan kanneen daran hammeessuu akka danda’uufi mancaatii guddaallee qaqqabsiisuu akka danda’u xiinxaltoonni ni ibsu.