Namichi Maqaleerraa Finfinne galuuf ji'a tokko imale maal hima?

Bajajaajii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Gaaffii fi deebiin kun waraanni Tigraay bifa haaraan eegaluu torban tokko dursee hojjetame.

Salamoon ( maqaansaa odeessa kanaaf jedhamee jijjiirameera) magaalaa naannoo Tigraay kan taate Maqalee kan beeku ALI bara 2005 irraa eegaleeti.

Magaalaan kun wayita inni gara hojiitti seenu harka diriirsitee simatte.

Waggoota saglan darbaniif gaddaa fi gammachuushee waliin hirmaatee keessa jiraataa ture.

''Maqalee hojiif kanan deeme bara 2005, achitti hojii hojjechaa tureera,'' kan jedhu Salamoon, hanga bara 2014 achuma turuu ibse.

Bara 2005 booda wanti hin mudanne maaltu jira. Nageenya, waraana, abdii, dukkana, abdii kutannaa...waan hedduun mudateera, mudataas jira.

Waraana dura haala ture ''jiruu gaariidha'' jedhee ibsa Salamoon.

Waraanni mootummaa fedraalaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamaa jiru garuu haalota hunda jijjiireera jedhe.

''Waraanni waan hunda barbadeessa. Wantoonni hedduun cuccufamaniiru. Kanaan hojjettoonni mootummaa guddoo miidhaman,'' jedhe Salamoon.

Sochiin hunduu dhaabbatee ture, tajaajilli ibsaa, baankii, geejjibaa...hunduu hin turre. Mindaanis adda cite.

Kun gadadoo waraanni kun qaqqabsiise hordofee rakkina mudateedha.

Namoota akka Salamoon gidduu gala biyyaarraa hojiif garas imalaniif ammoo rakkoonsaa akkaan hammaataadha.

''Rakkoo guddootu nu mudate,'' jedha Salamoon mataansaa.

Waraana booda jiruu Maqalee qormaataan guutame

Waraana Kaaba Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojiin Salamoon haala kam keessatti tajaajila kennuuf kan isa dirqamsiisuudha.

Waraanicha dura hojiisaa hojjechaama ture. Tibba waraanaas hojiimarra ture. Waraana boodas hojiisaarraa adda hin baane.

Hojii hojjetee inuma kaffalamaaf, garuu waraana booda hojjetus hin kaffalamuuf ture.

Waraanicha hordofee haalli jireenyaa magaalaa Maqalee akkaan qaala'eera.

Kiraa manaa, gatii nyaataa fi baasiiwwan biroon bakka akkaan dabalatanitti Salamoon hojiisaa itti fufuuf hedduu qorame.

''Haala kanaan jireenya itti fufuun danda'amaaree?'' gaaffii jedhuuf ''darbee darbee gargaarsi kennamaa ture, maallaqa muraasas argachaa turre. Qamadii fi zayitii muraasa nuuf qoodaa turan. Kunis darbee darbeeti. Ji'a sadi yookiin afuritti al tokko nuuf kennama. Hiriyoota keenya hojii dhuunfaa qaban irraa maallaqa fudhataa fi liqeeffataa jiraachaa turre,'' jechuun deebisa Salamoon.

Addunyaan waa'ee qaala'iinsa jireenyaa dhaadhessuu erga eegalee bubbuleera, raajii Maqalee keessa jiru garuu namuu dagateera jedha Salamoon.

''Namni hedduun maallaqa hin qaban. Maallaqa kan qaban qubaan lakkaa'amu. Namoota hojii daldalaa keessa jiran, kanneen maallaqa ol kaawwatanii turan irraa kan hafe hojjettoonni mootummaa maaliin akka jiraatan anayyuu bitaa natti galeera.''

Jireenyi qaala'us, jireenyi inuma itti fufa. Haalli Maqalee amma jijjiirameera.

''Beenzilli leetiriin tokko birrii 700 hanga 800 gurgurama. Sochiinillee hagas mara miti. Xiqqoo kan sosocho'an daldaltoota waa harkaa qaban malee kanneen galii giddugaleessaa fi gadi aanaarra jiran socho'uu hin danda'an,'' jedhe Salalmoon.

Maallaqni waan hin jirreef sochiitti gufuu ta'a kan jedhu Salamoon, kanarraa kan hafe gama nageenyaa fi tasgabbiin hagas mara sodaan hin jiru jedha.

Kun garuu waraanni bifa haaraan eegaluu torbee duradha.

Sochiin akka duraa ta'uu baatus jireenyi itti fufuu waan qabuuf darbee darbee inuma jira jedha Salamoon.

Garuu sunuu abbaa humna qabuufi jedha.

''Kanaan dura Maqaleerraa gara Wuqroo deemuuf geejjibni birrii 30 hanga 40 ture amma 300 hanga 400 galeera.''

Namni waan nyaatullee kan argatu yeroo hunda osoo hin taane darbee darbeeti kan jedhu Salamoon kanneen fira Finfinnee yookiin alaa qaban maallaqa ni argatu, garuu dhibbeentaa 35-40 kutuuf dirqamu jedhe.

Imala Maqalee gara Shaggar

Salamoon hojiinsaa haalotaan hin daanga'u, waraana, nageenya, kaffaltii, tola...haala hunda keessatti namummaaf jecha hojjeta.

Ji'oota 10 mindaa malee hojjete, egaa hunduu xumura qaba mitiiree?

''Homaa harkaa hin qabnu. Galiis hin qabnu. Namarraas liqeeffadhee itti fufuu hin dandeenye. Boodarra ammoo maatiin kiyya sagalee kiyya dhabanii dhiphachuu yogguu eegalan dhiiseen ba'e. Haala hojii yoon ilaalu ba'uullee hin feenen ture. Uummanni rakkoo keessa jiru gargaaruuf fedhan qaban ture. Garuu maatiin kiyya akka hin dhiphanneef jedheen Amajjii darbe ba'uuf murteesse,'' jedha Salamoon.

Yeroon geenyaan manasaa waggaa sagalii gatee ba'e.

Jalqaba Maqaleedhaa gara Allaamaaxaa imale, (Maqalee-Maayicaw-Kooram-Allaamaaxaa)

Kan konkolaataan imalef birrii 700 kaffaleera, Allaamaaxaatti guyyoota lama dabarse, achirra gara Waajaa imale.

Gara Waajaa konkolaataadhaan imale.

Waajaa hanga Qobboo imalli ture salphaa miti, daandiin kun bakka waraanni federaalaa fi humnoonni TPLF walgaarreffataa wal cinaa jiraataniidha.

Daandii kanarra geejjibni waan hin jirreef imaluun akkaan cima.

''Waajaa irraa hanga Qobbootti miilaan, kaan ammoo gaariidhaanin imale. Daandiirratti waraqaa eenyummaa kan Finfinneetu na dabarse. Isa agarsiisaan imale. Hojiif Maqalee akkan turee fi waraana baqadhee akkan ba'aa jiru Raayyaa Ittisaaf himaan Qobboo gale,'' jedha.

''Kellawwan irrattis humna Tigraay waan jedhamutu jira. Isaanis na ilaalan, waraqaa eenyummaa kiyya ilaalan, bakka dhalootaa kiyya ilaalanii gaaffii natti cimsan. 'Jireenya keef gaafatamummaa fudhuu darbi' naan jedhan. Isa boodan raayyaa ittisaatti harka kennadhe.''

Iddoowwan kunneen hundatti sakatta'iinsa guutuutu jira.

Raayyaan ittisaas na simatee erga na sakatta'ee booda buufata poolisii Qobboo na bulche jedhe Salamoon.

Kan itti aanu mooraa baqattoonni dhalattoota Tigraay ta'an keessa qubataniidha-Jaaree jedhama. Haayiq osoo hin gayin argama.

''Namoota Maqaleerraa gara giddugala biyyaa imallu hunda (dhalattoota Tigraay dabalatee) nageenya keenyaaf akkasumas qulqulleeffachuuf jecha yoo xiqqaate sa'aatii 24f as nu tursan,'' jedha Salamoon.

''Mooraa kana keessa homtuu hin jiru. Baayyee nama nuffisiisa. Achitti baayyee miidhamne. Haalli nyaataa, qulqullinni, iddoon ciisichaa hundi kan dhala namaaf ta'u miti. Duuba eenyummaa keenya nu qoratani. Hojjetoota mootummaa fi ogeeyyii ta'uu keenya ibsinaan nu gadhiisan.''

Qobboorraa gara Finfinnee

Maqaleerraa Finfinnee galuuf gara ji'a tokkoo itti fudhate. Iddoo imalaaf ka'e ga'uuf imaltuu miila, gaarii fi konkolaataa keessummeesseera.

Galaa fi bishaan harkaa hin qabu, waan galaaf ta'u maallaqa muraasa qabatee ture.

Salamoon imala Maqaleedhaa hanga Allaamaaxaa jiru kophaasaa eegale.

Magaalaa Qobbootti namoota beeku afur argate. Afranuu kanneen isa dursanii Qobboo galaniidha.

Daandiirratti naannoo Tigraay keessaa hin baatu dhorkaan jedhu isa hin mudanne. Raayyaan Ittisa Biyyaas maaliif dhuftan jedhee of duuba hin deebifne.

Salamoon waggoota sagal Maqalee ture keessatti qabeenya horateera, garuu harka duwwaa ba'e.

''Uffata mataasaa qomee lama, tiishartii lama, kofoo lama qofan fudhee ba'e. Kaan hiriyoota kiyya achumatti dhalatanii guddataniif kenneen ba'e,'' jedha.

Salamoon kanaan dura namoonni qabeenyasaanii gurguratanii ba'an akka turan dubbatee ture.

Namoonni kunneen maallaqa kana namoota Maqalee jiraniif kennanii ba'u, Finfinnee wayita ga'an maatiin isaanii maallaqicha deebisuuf.

Maallaqa 'Hawaalaa' guddaa kaffaluun namoonni maatii fi firootasaaniif Maqaleetti haala kanaan maallaqa ergu.

Gama kaaniin namoonni gara Tigraay imalanimmoo jiruu jedhamee kan gaafatame salamoon, ''Sadarkaa odeeffannoottin dhagaha malee anaan na hin mudanne,'' jedhe.

Salamoon amma maatiisaan walga'eera, miira turemmoo akkas jedhee ibsa.

''Maatiin koo hin amanne. Waanan du'e itti fakkaatee ture. Wayitan deebi'u hin amanne. Waanti haasa'amuu fi waanti Tigraay keessatti ta'aa jiru waan walargu natti hin fakkaatu. Achitti namni dhalataa Tigraay hin taane hundi waan ajjeefamu itti fakkaatee ture, kanaaf achitti waanan du'e itti fakkaate,'' jechuun ibse.

Salamoon haalli mijateefii gara hojiisaatti deebi'us, Maqaleen ammallee sammuusaa keessaa hin badne.

Ammallee osoo nageenyi bu'ee gara Maqalee deebi'ee hojiisaa itti fufee akka fedhu hime.