Paatirik Veeraan leenjisaa garee biyyaalessaa Senegaal tahe

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa duraanii beekamaan Arsenaal Paatirik Veeraan leenjisaa garee biyyaalessaa Senegaal tahuun qacarame.
Veeraan leenjisaa Senegaal Paappe Tiyaaw bakka bu'uun qacarame.
Taphataan duraanii Arsenaal kun dhiyeenya kileba Xaaliyaanii Jeenoyaa jedhamu irraa gaggeeffame.
Erga Arsenaalii bahee Maanchister Siitiif taphataa turee achumatti soorama bahe.
Akkaadaamii Maanchister Siitii umurii 21 gadiis leenjisaa ture.
Sana booda gara Ameerikaatti imaluun leenjisaa kileba Niw York Siitii tahe. Erga achii gadhiisee ammoo kileba Faransaay Niis jedhamu leenjisaa ture.
Gara Ingiliziitti deebi'uunis leenjisaa Kiristaal Paalaas tahuun hojjetaa tureera.
Veeraan Faransaayiif taphoota 107 irratti hiriiree taphateera.
Paatirik Veeraan Senegaal magaalaa Daakaritti dhalate. Umuriin isaa yeroo waggaa saddet tahu maatii isaa waliin Faransaay galanii achitti guddate.








