Ajajaan duraanii ergama addaa Somaaliyaa-AMISOM hoogganaa poolisii naannoo Amaaraa ta'an

Madda suuraa, FDRE Defense Force
Gamtaa Afrikaa jalatti ergama addaa nageenya Somaaliyaa kabachiisuuf ramadame (AMISOM) ajajaa kan duran Lt. Jeneraal Xigaabuu Yilmaa Komishinara Poolisii Naannoo Amaaraa ta'uun muudaman.
Waggaa tokkoo fi ji'a shan darbaniif ajajaa olaanaa Qajeelcha Poolisii Nananoo Amaaraa ta'uun kan hojjetaa turan Dr Zalaalam Mangistee ammoo gara itti gaafatamummaa isaanii duraaniitti deebi'uun ibsameera.
Ajajaa haaraa Lt. Jeneraal Xigaabuu Yilmaa kan muudan Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa ta'uun poolisiin naannochaa Facebook isaarratti ibseera.
Humna poolisii, naannoo waggoota sadan darbaniif walitti bu'iinsa keessa ture, nananoo Amaaraa hoogganuuf itti gaafatamummaa kan fudhatan Lt. Jeneraal Xigaabuu Yilmaa, qondaala waraanaa gameessa waggoota 40 caalaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa keessa tajaajiluun muuxannoo qabaniidha.
Lt. Jeneraal Xigaabuu Yilmaa wayita mootummaan hidhattoonni naannoo Amaaraa keessa socho'an, Faannoo, karaa humnoota qindaa'oo ''Tsimdo'' jechuun waamuu humnoota Tigraay waliin hariiroo tolfataniiru jechuun himatutti itti gaafatamummaa kana fudhatan.
Garee hidhataa Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa (AFBN) jechuun of waamu kan ajaju Zammane Kaasee gaaffii fi deebii gaazexaa Faransaay Temps jedhamu waliin taasiseen ''humnoota Tigraay dabalatee humnoota biroo waliin qindoomina uumuun ji'oota saddeetiif mari'achaa turuu,'' ibse.
Hidhattoonni ''Gumuz, Bartaa, Somaaliyaa fi Oromoo,'' qaamolee qindoomina uuman jedhaman keessatti argamu.
Naannochatti sochii hidhattootaa qolachuuf tattaaffii taasifamu adda durummaa kan hoogganu Raayyaa Ittisa Biyyaa yoo ta'u, gareen kora bittinneessaa caasaa poolisii naannochaa jalatti argamus ni hirmaata.
Ajajaa haaraan poolisii kun gara itti gaafatamummaa kanaatti dhufuusaanii dura hoogganaa olaanaa Qajeelcha Fayyaa Raayyaa Ittisaa ta'uun tajaajilaa turan.
Akkasumas hoogganaa olaanaa Qajeelcha Loojistikii fi miseensa kaawunsilii Raayyaa Ittisaa ta'uunis tajaajilaniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Lt. Jeneraal Xigaabuu tajaajila biyya keessatti kennaniin ala ergama nageenyaa naannawa Gaanfa Afrikaas hoogganuun tajaajilaniiru.
ALI Guraandhala 2011 hanga Hagayya 2012 ajajaa AMISOM ta'uun tajaajilaniiru.
AMISOM ergama Gamtaan Afrikaa nageenya Somaaliyaa eegsisuuf bobbaase yoo ta'u deeggarsa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin kan hundaa'edha.
Kaayyoon gooroo isaa yaaddoo nageenyaa hidhattoonni Al-Shabaab Somaaliyaa irratti haguugan irraa qolachuudha.
Bitootessa 1999 irraa eegalee waggoota 15 ta'aniif kan ture ergamni kun, Bitootessa 2014 yeroo ergamaasaa xumuree jaarmiyaa Egama Ce'umsaa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) jedhamuun bakka buufame.
Egamni ce'umsa Somaaliyaa kunis bara 2017 irraa eegalee jaarmiyaa ergama deeggarsaa fi tasgabbii qabate ''AWUSOM'' jedhamuun bakka buufame.
Yeroon turtii AWUSOM Muddee dhufu xumurama.
Kora biyyoonni gamtaa kanaaf loltoota gumaachan Adoolessa darbe Yugaandaa, Kaampaalaatti taa'an irratti Lt.Jeneraal Xigaabuu Yilmaa Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaataniiru.
Lt. Jeneraal Xigaabuu Yilmaa qonddalota waraanaa gameeyyii dhiheenya kana biyyattiin ajajoota poolisii gochuun muudde keessaa nama lammaffaadha.
Bitootessa darbe Poolisii Finfinnee akka hoogganan Ministira Muummee Abiy Ahmadiin kan muudaman Lt. Jeneraal Asraat Daneeroo Ajajaa Olaanaa Humna Lafoo Raayyaa Ittisaa akkasumas Hoogganaa Olaanaa Qajeelcha Odeeffannoo Raayyichaa turan.
ALI Bitootessa 2017 irraa eegaluun Hoogganaa Olaanaa Qajeelcha Poolisii Naannoo Amaaraa ta'uun tajaajilaa kan turan Komishinar Jeneraal Zalaalam Mangistee gara itti gaafatumummaa isaanii duraanii jechuunis Itti Aanaa Komishinara Poolisii naannochaatti deebi'uu ragaan Poolisii naannochaa ni mul'isa.
















