Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ragaa ittisaa Obbo Taayyeen lakkaawwatan keessaa lama mana-murtiitti dhiyaatan
Deetaan Ministira Nagaa duraanii Obbbo Taayyee Danda'aa ragaa ittisaa lakkaawwatan keessaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi Kantiibaa Adaanech Abeebee dhiyaachuu baatanis, namoonni lama Adoolessa 7, mana murtiitti dhiyaatanii ragaa bahaniiruuf.
Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Obbo Abarraa Nigus BBCtti akka himanitti, Obbo Taayyeen Mana Murtii Federaalaa dhaddacha Lidataa dhimma shorokeessummaafi heera biyyaa ilaalutti dhiyaatan.
Obboo Taayyeen mana murtiitti dhiyaachuunsaanii ragaa sarbama mirgaa amma dura wayita mana hidhaa turan isaaniifi maatii isaaniirra gahe, akkasumas haala qabiinsa isaanii ammaarrattis komii dhageessisuu Obbo Abarraan himaniiru.
Kanaa dura Obbo Taayyen akka ragaaa ittisaatti Ministira Muummee Abiy Ahimadiifi kantibaa magaalaa Finfinnee Adde Adaanach Abeebee mana murtiitti dhiyaachuu dhabuusaanirratti komii dhageessisuu BBCtti himaniiru.
Bara darbe to'atamanii ji'ootaaf erga hidhamanii booda hidhaatii bahanii himannaawwan irratti dhiyaate ala taa'anii hordofaa kan turan Obbo Taayyeen, Waxabajjii 2, 2025 poolisii Federaalan mana jireenyaasaanitii qabuu himu abukaatoonsaanii Obbo Abarraa Nigus.
Kaleessaa, Adoolessa 7, maan murtiitti dhiyaachuunsaanii ragaa ittisaa waammatanii ture dhagahuuf ture.
Meeshaa waraanaa seeran ala qabatanii argaman jechuun himannaa irratti banameen wal-qabatee Obbo Taayyen ragaa ittisaaf MM Abiyyifi Adde Adaanach Abeebee waammachuusaanii hordofee apoolisiin federaalaa qondaalota mootummaa kana akka dhiyeessu manni martii ajajee turuu himu Obbo Abarraan.
Ragaaleen ittisaa lamaanuu mana murtiitti akka hin dhiyaanne kan himan abukaatoob Obbo Taayyee, "Deebii Poolisiin mana murtiif kennes nutti hin himamne. Manni Murtii dhimma kanarratti deebiin argame maal akka ta'e akka ibsu gaafannus, wanti nuu deebisan hin jiru.
Ragaaleen ittisaa Obbo Taayyee maalif akka dhiyaachuu dhaban akkasumas poolisiin federaalaa maalif dhiyeessuu akka dadhabbeefi ajaja mana murtii MM Abiyyifi Adde Adaanacha biraan gahuufi dhiisuu gaafatanis deebii osoo hin argatin akka hafan himu Obbo Abarraan.
"Silaa deebii Poolisiirratti hundaa'uun yaadni dhiyeessuu mallu osoo hin kennin hafne. Ragaaleen kunnii beellama itti aanu kan gaafa Adoolessa 11tti qabamerratti akka dhiyaatan manni murtichaa haala iftoomina hin qabneen murteesseera," jedhan.
Ragaaleen ittisaa dhiyaachuu dhabuun alattis Obbo Taayyen komiiwwan biroo mana murtiif akka dhiyeessan himu abukaatoonsaanii.
Kanaan dura yeroo to'atamanii turan sarbamni mirga namoomaa irratti raawwachuu ilaalchisee komii mana murtiif dhiyeessine jedhu.
"Tokko amma dura wayita jalqaba to'atamanii turan sarbamni mirgaa isaanirratti raawwataman turan. Kunniin ajaja manni murtii dabarseen dhaabbata mirga namoomaan qoratamee, qulqullaa'ee gabaasa dhiyaaturratti deebii kennina jennee ture."
Sarbama mirgaa Obbo Taayyefi maatiisaanirratti raawwate jedhan irratti manni murtii ajaja kennuuf kaleessa, Adoolessa 7tti beellamee akke ture kan kaasan Obbo Abarraan, garuu gaafachuu akka hin dandeenye himan.
"Obbo Taayyeefi maatiisaaniirratti sarbamni mirgaa sadiifi afur qaqqabe irratti manni murtii ajaja kennina jehuun ture kan amma dura adda bane. Amma isas gaafachuu hin dandeenye. Haala ifa hin taane bira darbameera," jedhan.
Himata isaanii ilaalaa kan ture Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa himatawwan sadii Obbo Taayyeen ittiin himataman keessaa himata lama ofirraa ittisuun osoo isaanirraa hin eegamne bilisa akka ta'an ALI Adoolessa 30, 2016 murteessee ture.
Eegasii booda mirgi wabii isaaniis eegamee mana hidhaatii bahuun himata tokkicha dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa qabachuu ilaalu irratti mana murtiitti deddeebi'anii himatasaanii hordofaa turan.
Haa ta'u garuu, Abbaan Alangaa himatawwan lamaan Obbo Taayyeen irraa bilisa jedhaman oliyyannoo itti gaafachuun, Manni Murtii Waliigalaa himanni lamaan himatichi akka itti fufu Waxabajjii darbe ajaje.