Paayileetonni UK maallaqa guddaa Chaayinaa kennituun bitamaa jiru- Ministeera Ittisaa UK

Madda suuraa, Getty Images
Paayileetonni UK soorama bahan beekumsaa fi muuxannoo qaban waraana Chaayinaaf akka qoodaniif maallaqa guddaadhaan hawwatamaa jiraachun himame.
Hanga ammaattis paayileetonni UK 30 ta’an gara Chaayinaa deemun miseensota waraana Chaayinaa leenjisaniiru jedhama.
Kana hordofuun UK'n paayileetonni ishee duraanii waraana Chaayinaa wajjin akka hin hojjanne akeekkachiisa kennuuf tika bobbaaftee jirti.
Angawoonni biyyoota lixaa akka jedhanitti, yeroo dhiyoo as paayileetota biyyoota lixaa maallaqa guddaa kaffalanii adamsuun cimee itti fufeera.
Oduu himaan Ministeera Ittisaa UK akka jedhanitti paayileetota filachuu fi leenjisuun seera UK amma jiru kana akka hin cabsine yoo himan, aangawwoonni biyyattii fi biyyoota biroo sochii Chaayinaan taasisaa jirtu kana dhaabsisuuf yaalaa jiru.
“Maallaqa guddaatu kennamaafii jira. Maallaqni baay’ee nama kakaasa, tokko tokkoof ammoo hanga dolaara 270,000 tti kennamaaf,” jechuun biyyoota lixaa keessaa angawaan biyya tokkoo dubbatan.
Paayileetonni UK soorama bahan kun akkaataa itti paayileetonni fi xayyaaronni waraanaa biyyoota lixaa hojjatan barsiisuf kan karoorfamee fi tarii waraana Chaayinaan gara fuulduraatti Taayiwaan waliin taasiftuuf baay’ee murteessadha jedhama.
UK'n waa’ee paayileetonni ishee Chaayinaa deemun leenjii kennaa jiraachuu kan barte bara 2019tti. Weerarri COVID-19 erga eegalee gara Chaayinaa deemun rakkisaa waan tureef yaalin paayileetota UK garas imaluu xiqqatee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paayileetonni Chaayinaan maallaqa guddaa dhangalaasun irratti xiyyeeffatte kunneen xaayyaarota waraanaa ammaayyaa kanneen akka Taayifuun, Jaaguwaars, Haariyeers fi Torneedoo fa’aa warra balaliisanii beekaniidha.
Chaayinaan paayileetota UK amma tajaajila kennaniif maallaqa gahaa ramaddee hawwattus hanga ammaa affeerraa Chaayinaa kana kan fudhate hin jiru jedhama.
Paayileetonni xayyaara waraanaa ammayyaa F-35 jedhamuu hanga ammaa kan hin hirmaanne ta’anis Chaayinaan garuu ammayyuu isaan barbaadaa jirti jedhame.
Paayiletonni UK soorma bahanii fi waraana Chaayinaa leenjisan jedhaman hedduun isaanii umurii 50 keessa yoo ta’an waraana keessaa soorama erga bahanii bubbuleera.
Kan UK qofa osoo hin taane Chaayinaan paayiletota biyyoota michuu UK ta’an kan biroo maallaqa guddaadhan bituudhaf irratti xiyyeeffattee hojjataa akka jirtutu himame.
Oduu himaan Ministeera Ittisaa UK, “Paayileetota Humna Waraana UK soorama bahan Waraana Chaayinaa akka leenjisaniif yaalii sossobbii Chaayinaan gochaa jirtu dhaabsisuuf tarkaanfiwwan murteessoo ni fudhanna” jechuun ibse.
“Namoonni humna waraanaa keessa tajaajilaa jiranii fi tajaajilanii soorama bahan hundinuu Labsii Icciitii Eeguutif kan bitamaniidha. Itti fayyadama kontiraata icciitii eeguu fi icciitii dabarsanii kennuu dhiisuu keessa deebin ilaalaa jirra…” jechuun dabalataan ibse.












