Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaayyoon Faawundeeshinichaa ‘Hambaa Haceen nuuf kaa'ee deeme jiraachisuudha’- Aadde Faantuu Damisoo
Sirni Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 bara 2022 akka adeemsifamu haati warraa Artiist Haacaaluu Hundeessaafi walitti qabduun Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoo himte.
Koree badhaasa ‘Haacaaluu Hundeessaa Award’ Waxabajji 29, 2022 gaggeeffamu ilaalchisuun qophii jiru miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Hojiilee ijoo Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa keessaa inni tokko aartii jajabeessuu akka ta’e kan himte Aadee Faantuun, “Aartii jajjabeessuu yemmuu jennu waldorgommii iftoomina qabufi sadarkaasaa eeggate; miira waldorgommii cimaa uumun sadarkaa aartii guddisuudha,” jette.
Sirni badhaasaa yeroo jalqabaaf bara kana adeemsifamu kanarrattis sirbootni Afaan Oromoo dameelee garagaraa kudhaniin dorgommiif dhiyaataniiru.
Sirbootni kunis guyyaa artiistichi itti ajjeefamee Waxabajjii 22 hanga Bitootessa 22 uummataaf kan dhiyaataniddha.
Adeemsi sagalee kennuu gama toora marsariitii maqaa artiistichaatin banameetin adeemsifamaa kan jiru yemmuu ta’u guyyoota Waxabajjii 18 bara 2022 akka xummuramus Aadde Faantuun himteetti.
Filannoon gama ergaa gabaabaatin adeemsifamu immoo Waxabajjii 19 bara 2022 akka eegalu dubbatte.
Filannoon badhaafamtootaa %70 murteessitootaan %30 immoo sagalee ummataan kennamuun akka ta’es dubbataniiru.
Gama biraatin bara kana sirbootni Afaan Oromoon dorgommiif dhiyaatanis gara fulduraatti hojiileen muuziqaa afaanota ardii Afriikaa keessatti dubbatamaniin hojjetaman hirmaachisuuf karoorri akka jiru haati warraa Artiist Haacaaluu Hundeessaafi walitti- qabduun Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoo himteetti.
Badhaasichi gara fulduraaf hojiilee muuziqaan dabalataan dameelee aartii biroo kan hirmaachisu akka ta’es ibsicharratti himameera.
Waa’ee Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa…
Erga hundeeffamee waggaa tokko akka ta’e kan himame Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa hojiilee aartiin dabalataan hojiilee misooma hawaasummaa garagaraa kan hojjetudha jedhameera.
Kaayyoon Faawundeeshinichaa “hambaa Haceen nuuf gatee deeme bara baraan jiraachisuudha” kan jettu haati-warraa artiistichaa Aadde Faantuu Damisoo, Faawundeeshinichi giddugala aartii maqaa Haacaaluu Hundeessaatin akka hundeessu himaniiru.
Giddugalli kunis iddoo artiistonni itti leenji’an akka ta’e dubbataniiru.
“Sagantaalee misooma hawaasaa fidan kanneen akka mana barumsaa, dhiyeessii bishaan qulqulliuufii kkf irratti ni hojjeta,” jedhan.
Kana malees, lammiilee balaa uumamaafii namtolcheen miidhaman gargaarunis hojiilee Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa keessaa isa biraa ta’uun himameera.