'Aannan laastikiin elmuun aadmalee' - Gadaa Gujii Roobaleen maal fa'itu lallabame?

Odaa, bokkuu ykn horooroo fi rifeensa dubraa

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Jila kanaan guyyaa guyyaatti yuuboonni seera adda addaa lallaban
    • Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo
  • Maxxanfame

“Gujiin okolee qaba aadaa.

Gujiin loon hariirtiin qalata aadaa.

Waddeessa hariirrata aadaa.

Gujiin aadaa qaba aadaa.

Niitii namaa jala deemuun aadmalee.

Abbaa Gadaa hin tuqanu seera.

Intalti gosa ofii hin heerumtu aadmalee…”

Akkas akkas jechaa yuubni Gujii ardaa jilaatti seera lallaban.

Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujiin, Abbaan Gadaa Harmuufaa Jiloo Maandhoo, turtii waggaa saddeetiin booda baallii isaanii Gadaa Roobaleetti dabarsaniiru.

Jila Godina Gujii ardaa jilaa Me’ee Bookkootti raawwate kanaan, Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Bunaa baallii fudhachuun waggoota saddeet ittaananiif bulchu.

Sirna aadaa torban tokkoof ture kanaan guyyaa guyyaatti yuuboonni seera adda addaa lallaban.

Gareen aangoo fudhate, warri Roobalee, waggoota saddeettan dhufan seera lallabame hojiirra oolchuuf, yeroo seerri tumamu qalbiin caqasaa turan.

Jaarroleen lallaboota kanneen akka ilmaafi intalaa, jaarsaafi jaartii, ka nageenyaa fi araaraa, ka uffataafi qaama namaa, ka buusaafi wodoo fi kaanis dabarsan.

Lallabni maali?

Jaarsoo Dullachaa Bonayyaa, hayyuu yaa’a Roobaleeti.

Hayyuu Jaarsoo akka jedhanitti, lallabni abbootiin umriin jaaran seeraafi aadaa dhaloota ittaanuuf dabarsanidha jechuun Me'ee Bokkoorraa BBCtti himan.

"Namni hundi akka dhagayu, nami diqqaa fi guddaan akka dhagayu, nami yuuba tahe lallabbii dabarsa. Ilmee diqqiyyoof dabarsa, ilmeen kunis dabarsii sana fudhattee hojiirra oolchiti."

Hayyuu yaa’a Roobalee Jaarsoo Dullachaa Bonayyaa horooroo qabatanii gaaddisa jalatti

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Jaarsoo Dullachaa Bonayyaa, hayyuu yaa’a Roobaleeti

'Muki gaaddisa Gujiiti' - lallaba mukaa

Hayyuun Roobalee Jaarsoo, waa'ee seera tumuu ykn lallabuu kana kan nutti himan gaaddisa jala taa'anii ture.

Waa'ee lallaba mukaa wayita gaafannetti, "muki kan addunyaa qabeeru isa," jechuun uumamni hangam barbaachisaa akka tahe cimsanii dubbatu.

"Muki gaaddisa, namni muka jala taa’a – gaaddisa. Muka ciranii ennaa balleessani, qilleensi galee biyyee balleessa.

"Muki gaaddisa Gujii waan taheef, muka kana hin murinaa. Kan jigsitan birattillee kaan dhaabaa jedhee yuubi Gujii in lallaba."

Dabaluunis: "Dhala duubaatiif badiin, hongeen akka itti hin dhunne, muka kaan dhaabaa," jechuun jila kanaan lallabamuus dhaaman.

'Waan loonii loonumaan itti elman'

Lallabi Gujii gama loonii fi aannaniin jirtu akkas jetti:

"Loon horatan aadaa,

Yoo horatan okoleetti elman aadaa.

Laastikitti elmuun aadmalee,

Jaarikaanitti naquun ykn raasuun aadmalee.”

Hayyuu Jaarsoo waa'ee tumaa kanaa ennaa ibsan: "Okoleen gogaa looniirra bahe duruu, gogaa loonii hodhanii, waan loonii loonumaan itti elman," jedhu.

"Laastikiin ammoo waan biraa waan teeteef, elmanii ennaa itti naqan, aannan sun keessaa goga, in bada.

Yoo okoleetti elman, saani in mirga… Okoleen aadaa Gujiiti."

Lallabni Yuubaa barana lallabame kun waggaa saddeetiif kan turu ogguu tahu, bara gadaa ittaanu gogeessa Muudanaatti baallii hanga dabarsanitti hojiirra oola.

Lallaba rifeensa dubraa

Dubartoota sadii rifeensa gosa akka akkaa dhahatan

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

"Rifeensi dubartii bosona dubartii waan ta’eef hin haaddattu.

Haaddattu aadmalee.

Dubartiin rifeensa mirin, oldhaabuun aadmalee."

Hayyuun gogeessa Roobalee amma baallii fudhatee kan tahan Jaarsoo Dullachaa, "Intalti mataa qaddi, kaayoo qaddi," jedhu.

"Intalti mataa gadi buufatti, quttoo qabdi. Intalti durraa faaya mataarra kaayatti, dubra kan jedhan sana achiin beekan. Heerumtee hinjirtu abbaa warraa hinqabdu jechuudha.

"Lallabbii kana guddaan yuubaa sun dabarsa. [Dubartoonnis] yaada kana fudhatanii, yaadi kun qajeela, nageya, jedhanii fudhatu."

Lallaboota biroo barana dabran keessaa: (maddeen garagaraa irraa)

  • Gujii mana walirratti hin gubu seera
  • Gujiin wal himata malee wal hin ajjeesu seera
  • Rakkatanu hayyuutti himatanii seera
  • Intala heerumsiisu malee hingurgurani seera
  • Intalli ofiif dhaquun aadmalee
  • Butiin aadmalee
  • Soddaan woyyu
  • Abbaan warraa haadha warraaf woyyu
  • Haati warraa abbaa warraaf woyyu
  • Niitii namaa jala deemuun aadmalee
  • Abbaa Gadaa hin tuqanu seera
  • Farda Abbaa Gadaa hin yaabbatanu seera
  • Bineensa bosonaa ajjeesuun aadmalee
Hayyuu Jaarsoo Dullachaa Bonayyaa, gogeessa Abbaa Gadaa Roobalee Jaarsoo Dhugooti

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Hayyuu Jaarsoo Dullachaa Bonayyaa, gogeessa Abbaa Gadaa Roobalee Jaarsoo Dhugooti

Kan seera cabse adabbii qabaa?

Seera tumanii yookis lallabanii ka'anii akkamiin hojiirra oola, jennee gaafanne hayyuu kana.

"Nami seera kana cabse hayyuutti himatan," jedhu hayyuun yaa'a Roobalee kun.

"Seera cabseera, kormaa-goromsa itti mura. Addee tanaan muraa kana fudhatee yakka kanarraa deebi’ee akka kanaan bula."

Lallabi kun saba adda kan hin foone tahuus himan hayyuun kun.

"Ati Amaara, Daraasa, Kambaataa, Hadiyyaa,… hin jedhu. Nama hunda qabatee eebbisee, eebbaan dabarsa Gujiin.

"Gadaa 75 hardha irra geenne tana, lallabbii kanaan dabarsaa… quufa qaba, leetoo qaba. Dhala duubaalleef akkanaan dabarsa."

Hayyuun kun dabaluun: "Baallii waggaa saddeetii kana adoo waraanni hin jiraatiin, tolaan walirraa fuudha," jechuun sirni Gadaa kan nagaa akka tahe dubbatu.

Naamusa lallaba Yuubaa

"Qophise"

"Toggise"

"Qoxxise"

Yaa'ii Gadaa Gujii keessatti erga yuboonni dubbii seeraa lallabuun, dabareen dubbatanii booda jechoota sadii dubbatu.

Yuubni tokko oggaa labsii labsuu jalqabu 'qophise' (nan jalqaba) kan jedhu yommuu ta'u, erga labsee xumurummoo 'toggise' (na gaha) jedha.

Gama biraan, yaada miseensa yaa'aa tokko kan mormu yoo ta'e 'qoxxise' jedha.

"Gujiin aadaa qaba aadaa…

Aadaa tanaan bulee le’a aadaa.

Aadaan tanaan horee bula aadaa."

_________________

Gabaasa dabalataa - Amansiisaa Ifaa, Me'ee Bokkoo irraa