Namichi namoota ollaasaa shan waa'ee isaa dubatu jechuun ajjeese

Madda suuraa, Reuters
US Teeksas keessaitti namichi waa'ee koo maaltu isin galche jechuun ollaasaa maatii tokko keessaa nama shan ajjeesee baduu poolisiin hime.
Maatii ajjeefaman kana keessaa tokko daa'ima ta'uus hime poolisiin.
Namni maqaansaa Firaansiskoo Oropeez, ganna 38, jedhamu dhugee machaa'ee osoo meeshaa dhukaasuu shaakaluu warri ollaasaa "maaloo ijoollee raffisaa jirraa meeshaa dhukaasuu dhiisi" jedhanii kadhatu.
Firaansiiskon garuu meeshicha ollaadhumasaatti deebisee rasaasa itti roobsun maatii tokko keessa nama shan gara jabinaan fixe.
Poolisiin akka jedhetti maatin ajjeeffaman hundisaanii Hoduraas irraa kan dhufan yoo ta'u, mucaan waggaa saddeetii keessatti argamti.
Namoota shan du'an keessaa dubartoonni lama ijoollee xixiqqoo of jala kaa'anii osoo oolchuf jedhanii irratti ajjeefaman.
Yeroo poolisiin bakkicha gahu ijoolleerra ciciisanii ajjeefamnii jiru, ijoollen isaan jala jiran garuu lubbuun akka oolan dubbata ajajaan poolisii bakka haleellan itti gaggeeffamee Gireeg Keepars.
"Akka yaada kootti ijoolleesaanii oolchuf jedhanii natti fakkaata. Namoonni du'an hundi isaanii mormasaanii ol rasaasan rukutaman,' jechuun akka lubbuun hin oolle itti yaadamee mataa keessa rukutamuu ibse.
Namni ajjeechan shakkame Firaansikoon amma miliqee barbaadamaa jira. Nama shan ajeesee miliqe kan jedhus himanni irratti banamee jira.
Namni kun bosona naannichatti argamu keessa dhokachuu akka hin oolle ibsuun saroota foolii suuftee nama qabuuf leenjiteefi diroonii fayyadamuun barbaachatti akka jiru beeksise poolisiin.
Poolisiin akka jedhetti gaafa Jimaataa gara halkan sa'aatii 5:30tti namichi wayii dhukaasaan akka isaan jeeqaa jiru iyyanni ollaa namichaarraa akka qaqqabe himuun halkan sana ijoollee raffisaa waan jiraniif Firaansiskoo rasaasa dhukaasuu akka dhaabu gaafachuu akka hin oolle ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajajaan poolisii Gireeg Keepars akka jedhetti ollaan namichaa akka inni dhukaasan isaan hin jeeqne yeroo gaafatanitti, inni ammoo: "Balbala koo fuulduratti yoon dhukaase maaltu isin galche? Mana koo keessatti waanan barbaade gochuu nan danda'a" jedhee deebiseef.
Erga jarri manatti deebi'anii booda, Firaansiskoon ol deebi'ee rasaasa guuttattee mana jaraatti seenun rasaasa itti roobsuu eegale.
Yeroo inni dhukaasa bani namoonni 10 mooraa sana keessa kan turan yoo ta'u warri jajjaboon battaluma sanatti yoo du'an mucaan waggaa saddeetii ammoo hospitaala erga geessee du'uu beeksise poolisiin.
Namoota kudhan kana keessaa ijoollee xixiqqoon lubbuun hafaniiru.
Ollaa namoota kanaa kan taate Veronikaan akka jettutti yeroo dhukaasni banamu dhageessus namichi kun yeroo hunda dhukaasa shaakala waan ta'eef akkuma amalasaati jettee dhiifte.
"Ollaa kanatti yeroo hundumaa dhukaasati jira waan ta'eef baramaadha. Poolisiin yeroo hunda waamama, garuu waanti godhame homtuu hin turre.
"Kanaaf kaleessa dhukaasa dhagaheerat, garuu akkuma yeroo kaaniti jedheen dhiise. Kuni ni ta'a jedhee yaadee hin beeku,' jetti.
Taaten kun osoo hin uumamin guyyoota sagal duras Teeksas keessatti dhukaasa banameen namoonni sagal madaa'anii turan.
Torban lama duras Alabaamaa keessatti dhukaasa banameen ijoollen afur du'uunsaanii ni yaadatama.
Akka qoraannoon Wiirtuu Ittisaafi To'annoo Dhibee US agarsiisutti biyyattii keessatti du'aatii daa'immaniifi dargaggootaf sababni ijoon dhukaasan kan wal-qabatuudha.












