Poolisiin namticha miilli lama irraa murame ajjeese qoratamaa jira

Maatiin Antonii Low ajjeefamu isaatiif poolisii himatan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Antonii Loow nama ganna 36 yoo ta’u, Gurraacha Ameerikaa gaafa Amajjii 26, bara 2023 Loos Anjelaasitti ajjeefameedha.

Poolisiin namticha wiilchariin (maashinii qaama miidhamtoonni ittiin sosso'an) deemu fi haaduu gatuu dide jedhee himatu kana ajjeese qondaaltota Kaaliforniyaatiin qoratamaa jira.

Poolisiin akka himetti, Antonii Loow nama tokko erga haaduun waraane booda wayita bakka sana qaqqaban isaaniis haaduun sodaachise.

Haati isaammoo ‘’ilmakoo ni ajjeeesan’’ jedhanii poolisii himatan.

Qorannoon ajjeechaa Antonii kan eegalame poolisiin nama biraa Tiyrii Nikolaas jedhamu Menfis, Teenisitti ajjeesun qorannoon irra deebiin wayita eegalame kanatti.

Wayita Antonii Loow bakka Hantingtoon Paarkitti ajjeefamu namni hordofaa ture tokko ta’i sana kaameraan waraabee ture.

Viidiyoon sun waldhabbii poolisii fi Antoonii Loow gidduu ture hanga tokko kan agarsiise yoo ta’u, Antoonii Loow wanta dheeraa calaqqisaa tokko baatu agarsise.

Viidiyoon waraabame kun garuu wayita dhukaasni banamu hin agarsiisu.

Dippaartimantiin Poolisii Haantingtan ibsa Amajjii 30, bara 2023 baaseen akka ibsetti, poolisiin namni waraanamu hordofuun tarkaanfii fudhate.

Shakkaman sun [Antonii Loow] wiilchariirraa bu’ee nama miidhaa irraan gahe sana haaduu iinchii 12 dheeratuun laphee keessa waraanuun gara wiilcharii isaatti deebi’uudhaan bakka ta’iin kun itti raawwateerraa baqate.

Namni waraaname sun ‘’sombii isaa miidhamuun, qaama isaa keessatti dhiigni dhangala’ee du’aaf jireenya gidduu jira’’ jedha ibsi poolisii.

Wayita poolisiin Antonii Loow to’atetti, qaama miidhamaan kun ‘’ajaja afaaniin poolisiin kenne diduun gara isaatti deemuu ykn haaduu gara isaatti darbachuuf dorsiise,’’ jedha ibsi poolisiin baase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin akka ibsetti, Obbo Antonii Loow dhukaasni yeroo murtaa’eef isa laamshessuuf yaalame ture jedhe.

Poolisiin Hantingtan Paark kan ta’an Lintaal Hugo Reynagan, Loos Anjelas Taayimisitti akka himanitti qorattoonni yakkaa viidiyoo yeroo dhukaasni banamu agarsiisu iddoo daldalaa dhiyeenyatti argamurraa waraabame kan argatan yoo ta’u, viidiyoo kana ifatti gadhiisuuf karoora hin qaban.

Poolisonni Hantingtan Paark garuu kaameeraa uffannaa isaaniirra hin qaban ture.

Poolisoonni lamaan ajjeechaa Antonii Loow keessa qooda qabanirratti qorannoon gaggeeffama jiruuf jecha hojiirraa boqonnaa baafaman.

Ammatti maqaan poolisoota sanaas ifatti hin eeramne.

Kibxata darbe maatiin Antonii Loow fi rogeeyyiin poolisonni Loow ajjeesan akka gaafataman gaafatan.

‘’Ilmakoo miila hin qabne, wiilchariin deemu ajjeesan,’’ jedhan haatii Antonii Loow kan ta’an Dorotiiin ibsa wayita kennan.

Dubbi himaan maatii Antonii Loow Loos Anjelas Taayimsitti akka himanitti, Loow wayita ajjeefamutti dhibee sammuun dararamaa ture.

Obboleettiin isaa, milli Antonii Loow kan irraa murame bara darbe Teeksaasitti waldhabbii poolisii fi isa gidduutti ture booda jetteetti.