Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeshaaleen dhuunfaa Neelsan Mandeellaa gabaaf dhiyaachun dheekkamsa kaase
Meeshaalee dhuunfaa Neelsan Mandeellaa bara lubuun jiru itti fayyadamaa ture 70 gabaaf akka hin dhiyaanne mootummaan Afrikaa Kibbaa dhorkaa jira.
Meeshaalen kunneen waraqaa eenyummaa, kennaawwan garaa garaa gaggeessitoonni biyyoota addaa addaa bara inni lubbuun jiru kennaniif huccuuwwan uffataa ture fa'aadha jedhame.
Meeshaalee kanneen intalasaa Makaziwee Mandeellaa jedhamtutu UStti gurgurtaaf dhiyeessa.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa garuu meeshaalen Mandeellan itti fayyadamaa ture qabeenya biyyaalessaati jechuun gurgurtaan kun akka hin gaggeeffamneef yaalaa jira.
Akkaataa seera biyyattiitti meeshan hambaa biyyaalessaati jedhame tokko Afrikaa Kibbaa keessaa hin bahu.
Ejansiin Hambaalee Afrikaa Kibbaa, hambaalee biyyattii tiksuuf itti gaafatamumma qabu, gurgurtaan meeshaalee Neelsan Mandeellaa itti fayyadamaa ture akka hin gaggeeffamneef iyyachuu beeksise.
Ministira ispportii, aadafi aartii kan ta'an Ziizii Kodwaa meeshaalee dhuunfaa Mandeellan itti fayyadamaa ture gabaaf akka hin dhiyaanne akka taasisan himan.
"Legasii Pirezidaantuu duraanii Mandeellaa tursiisufi muuxannoon jireenyasaatii eegamee dhalootaf akka taa'u gochuun murteessadha," jedhan.
Bara 2021 jalqaba meeshaalee Mandeellan itti fayyadamaa ture yaada gabaaf dhiyeessuu jedhu mootummaan kuffisee ture.
Haa ta'u garuu intalli Neelsan Mandeellaa mootummaa mana murtiitti himattee waggaa lama booda isheef murtaa'e.
Ji'a darbe meeshaalee Mandeellan itti fayyadamaa ture gabaaf dhiyeessuu akka dandeessu isheedhaf mure Mani Murtii Olaanaa Afrikaa Kibbaa.
Ministiira ispportii, aadafi aartii kan ta'an Ziizii Kodwaa garu murtee mana murtii kennameetti oliyyannoon waan gaafatameef meeshaalee kana fuudhanii biyyaa bahuun akka hin danda'amne eeru.
Gurgurtaa meeshaalee Neelsan Mandeellaa kun UStti gaafa Amajjii 22tti karoorfame.
Meeshaleen kun osoo gabaaf hin dhiyaatin dura UStti gatiin baheefii jira jedhame. Manni gurgurtaa Niwu Yoorkitti argamu gatii qopheessee jira.
Meeshaa Mandeellan dandeettii dhageettii ittiin gabbifatu (hearing aids) tokko dolaara 20,000 gatiin baheefii jira. Tishartii tokko ammoo hanga dolaara 70,00-tti gatiin baheefira.
Yaada mootummaan dhiyeesse kana ilaalchisee maatin Mandeellas ta'ee Faawundeeshiniin Mandeellaa homaa hin jenne.
Lammiilen Afrikaa Kibbaa heddu meeshaalen Neelsan Mandeellaa itti fayyadamaa ture gabaaf dhiyaatee harka nama biraa akka hin galle mootummaan ittisuu akka qabu yaada kennaa jiru.
Kaan ammoo kun dhimma maatin Mandeellaa murteessuu qabaniidha jedhu.
Mandeellan bara 2013 waggaa 95ti du'e. Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa dimokiraasin filame jalqabaas ture.