Afrikaan Kibbaa furtuun mana hidhaa Mandeellaa caalbaasiin akka hin gurguramne dhorkite

Maxxanfame

Afrikaan Kibbaa furtuu kutaa addaa Neelsan Mandeellaan itti hidhamanii turanii caalbaasiin gurguruun akka dhaabbatu gaafatte.

Oddoolli Rooben(Robben Island) bakka Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Neelsan Mandeellaan waggoota 18'f itti hidhaman yoo ta'u, yeroo baayyee manni hidhaa kun maqaasaanii waliin ka'a.

Caalbaasiin kan gaggeeffamuuf ture Amajjii dhufu kana keessa, kan gaggeessu ammoo Guernsey's auction house kan jedhamudha.

Namni carataaf dhiyeessu yookiin namni furtuu kana gurguru ammoo Waardiyyaa duraanii mana hidhaa Neelsan Mandeellaa Christo Brand.

Ministirri Aadaa Afrikaa Kibbaa Nathi Mthethwa garuu dhimma kanarratti qaamni mootummaa waliin mari'ate hin jiru jedhan.

"Furtuun kun qabeenya uummata Afrikaa Kibbaa hundaati. Qabeenya nama dhuunfaa miti,'' jedhan qondaalli kun.

Qaamni caalbaasii gaggeessu Guernsey's caalbaasiin Amajjii 28 gaggeeffamuuf karoorfame galmi isaa godambaa fi siidaawwan naannawa awwaala Mandeellaa marsanii argaman ittiin misoomsuuf ta'uu dubbatan.

Furtuun kutaa Mandeellaan itti hidhamanii meeshaalee caalbaasiin gurguramuuf dhiyaatan keessaa isa tokkodha.

Meeshaaleen biroon bobbocaa fi halluu Mandeellaan harkaan miidhessa-The Lighthouse, Oddoola Rooben mataashee, bishkiliitii(bicycle) akka oofaniif eeyyamamaafii turee fi raakeetii teenisii isaan ittiin taphataa turaniidha.

Qabsaa'aa gameessi Afrikaa Kibbaa Nelsan Mandeellaan waggoota 27 mana hidhaatti dabarse keessaa waggaa 18 Oddoola Rooben keessatti hidhame.

Waardiyaa kutaa isaan itti hidhamanii kan ture Aab Brand boodarra michuu Mandeellaa ta'e.

Mandeellaan akkuma Afrikaan Kibbaa sirna cunqursaa appaartaayidii jalaa walaboomuu eegaltuun bara 1990 mana hidhaatii ba'e.

Sirni appaartaayidii uummata gurraacha cunqursaa tures wayita isaan bara 1994 filannoo gosa hunda hirmaachise gaggeessan goolabame.

Mandeellaanis pireezdantii gurraacha jalqabaa Afrikaa Kibbaa ta'an.

Neelsan Mandeellaan marsaa tokko qofa bulchanii bara 1999 aangoorraa bu'an.

Gameessi mallattoo gurraachotaa fi kabaja Afrikaa Kibbaa ta'e kun bara 2013 umriisaa waggaa 95tti du'aan addunyaa kanarraa boqote.