Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan akkamiin gara Mana maree Mirgoota Namoomaa UN deebi'uu dandeessi?
Raashiyaan erga bara darbe Ebla keessa Yukireen weerartee Mana maree Mirgoota Namoomaa UN keessaa baafamte. Amma himannaawwan mirga namoomaan walqabatan sirreessuun jaarmiyaa kanatti deebi'uu barbaaddi.
Dippiloomaatonni biyyattii mana maree kana waggaa sadan itti aananiif dursuuf filannoorratti hirmaachuu akka barbaadan ibsaniiru.
Filannoon Mana maree Mirgoota Namoomaa kun ji'a dhufu gaggeeffama.
BBCn xalayaa Raashiyaan aangoo mana maree kana dursuu ittiin gaafattee fi UNtti galchite argateera.
Akka ragaa kanaatti Raashiyaan dhiittaa mirga namoomaa ittiin himatamtuuf furmaata ga'aa barbaaduun akka sirreessitu waadaa seenteetti.
Manni maree Mirgoota Namoomaa UN kan warri lixaa dantaasaanii bakkaan ga'achuuf qofa itti fayyadaman ta'uu akka hin qabnes gaafatteetti Raashiyaan.
Raashiyaan kana kan gootuuf himannaa dhiittaa mirga namoomaa Yukireen fi daangaa mataashee keessatti raawwattuun irratti dhihaataa jiru jalaa bahuufi.
Dhiittaa mirga namoomaa Raashiyaan daangaashee fi Yukireen keessatti raawwataa jirturratti, Wiixata kaleessaa Komishiniin Qorannoo mirgaa dhimma Yukireen himannaa dhiheesseera.
Dura taa'aan kimishinii kanaa Eriik Moose, balleessaan Raashiyaan ittiin himatan kun yakkoota waraanaa raawwataa jirtu keessaa muraasa jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bakka bu'uun dhiittaa mirga namoomaa Raashiyaa keessatti mudatu kan qoratu Maariyaanaa Kaazaroovaa akka gabaasetti, sarbamiinsi mirga namoomaa Rashiyaa keessatti akkaan hammaataa jira.
Yakki gudeeddii, dararaa, reebicha, hidhaa fi haleellaan lammiilee nagaarra ga'u hammaachuu ibse qorataan UN kun.
Waajjirri muummeen isaa Genevaa kan ta'e Mannimaree Mirgoota Namoomaa UN miseensota 47 qaba, filannoon waggaa sadiin gaggeeffama.
Filannoo Onkoloolessa 10, 2023 gaggeeffamuuf jedhurratti Raashiyaan Albeeniyaa fi Bulgaariyaa waliin teessoo biyyoota giddugaleessaa fi baha Awurooppaaf kennameef dorgomti.
Biyyoota kunneeniif teessoo lamatu kenname, teessoo kana argachuuf dorgomuu qabu.
Filannoo Niwu Yoork keessatti gaggeeffamu kanaan biyyoonni miseensa UN 193 sagalee kennu.
Dippiloomaatonni achi jiran Raashiyaan duula filannoo cichoominaan gaggeessaa jirti jedhan.
Sagalee hedduu argachuuf biyyoota xixiqqoo midhaan nyaataa fi meeshaa waraanaan bitaa jirti jedhan.
Haala kanaan Raashiyaan gara Mana maree Mirgoota Namoomaa kanatti deebi'uunshee waan hin oolle.
Raashiyaan Ebla keessaa Mana maree Mirgoota Namoomaa keessaa wayita baafamtu, biyyoonni 93 akka baafamtuuf sagalee kennanii turan. 24 ni morman, 58 ammoo callisa filatan.
Raashiyaan murtee kanaaf UN fi warra lixaa komatti, jaarmiyaaleen mirga namoomaa UN ammallee Raashiyaan Mana Maree Mirga Namoomaatti deebi'uuf ulaagaa hin guuttu jedhan.
''Osoo isheen Yukireen waraanaa jirtuu Raashiyaa deebisuu jechuun dhiittaan mirga namoomaa akka raawwatamu jajjabeessuudha.
Akkasumas UN Raashiyaa deebise jechuun waa'ee mirga hin dhimmamu jechuudha,'' jedha gabaasi jaarmiyaaleen mirga namoomaa waliin baasan.
UKn Raashiyaan gara Mana Maree Mirgoota Namoomaatti deebi'uu akka balaaleffattu ibsiteetti.