Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen cimsitee mormituus Raashiyaan pirezidantii Mana Maree Nageenya UN taate
Raashiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti pirezidantii akka hin taaneef Yukireen cimsitee mormitulleen hin milkaa'in hafte.
Yukireen Raashiyaa dura teessuu akka hin taaneef miseensonni mana marichaa akka kuffisaniif gaaffii dhiyeessitee turte.
Aangoo dura taa’ummaa mana maree nageenyaa kan biyyoota miseensota kudha shan qabu kana wal jijjiruun kan fudhatan yoo ta’u, aangoon dura taa’ummaa kunis baatii tokko qofaaf tura.
Raashiyaan yeroo dhumaatiif wayita aangoo dura taa’ummaa kan fudhatte Guraandhala 2022 keessa yeroo Yukireen irratti weerara raawwatttee ta’un ni yaadatama.
Amma manni marichaa haaluma dabaree kanaatiin kan durfamu yoo ta’e, Manni maree Nagaa UN biyya yakka waraanaatiin manni murtee yakka addunyaa (ICC);n ajaja irratti baaseen durfama jechuudha.
Manni murti Yakka Idil-addunyaa (ICC)n Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akka to'atamaniif ajaja kan irratti baasee torban lamaan dura ta’unsaa ni yaadatama.
Yukireen dhimma kanarratti komishee dhiyeessituus, Miseensa Dhaabbataa mana marichaa kan taatee Ameerikaan ammo Raashiyaan aangoo dura taa’ummaa kana yoo fudhattee akka hin mormine beeksiftee jirti.
Ameerikaadhaan alatti miseensoonni mana marichaa dhaabbataa kan biraas Ingiliiz, Faransaay fi Chaayinaa fa’idha.
Aangoon dura taa’ummaa mana marichaa kuni gahee olaanaa qabaachu baatulleen, Motummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasiilii Neebeeniziyaa, to’annoo meeshaa waraanaa dabalatee dhimmoota hedduu ilaaluudhaaf karoora akka qaban madda Oduu biyya isaanii Taasitti himaniiru.
Kanaan ala toora siyaasaa addunyaa haaraa ta'e irratti akka mari'atamus dubbataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Dimitiroo Kuleebaa gama isaanitiin Raashiyaan teessoo dura taa’ummaa qabachuunshee, ‘‘qoosaa nama aarsuudha’’ jechuun ibsan.
‘‘Adeemsa caasaa nageenya sadarkaa addunyaa irrattis rakkoo ta’u kan mul’isuudha’’ jechuun yaaddeessaa akka ta’e himan.
Gorsaan Pirezidantii Yukireen Miikaahiiloo Poodoliyaak gama isaanitiin, tarkaanfichi ‘‘kan seera addunyaa cabsuudha.
''Biyyi weerara raawwatte, kan seeroota namoomaafi yakkaa cabsitu, kan sanada mootummoota Gamtoomanii hin kabajne, biyyi yaaddoowwan niikulaaraaf xiyyeeffannoo hin kennine, dhaabbata nageenya ijoo addunyaa hogganuu hin dandeessu,’’ jedhan.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin bara darbe manni Maree Nageenyaa adeemsa isaa akka fooyyeessuu ykn ‘‘guutummaan akka bittinaa’u’’ gaaffii dhiyeessanii turan.
Kanaafis sababiin isaanii, Raashiyaan weerara Yukireen irratti raawwatteef tarkaanfii gahaa hin fudhatamnee kan jedhu yoo ta’u, Raashiyaanis miseensummaa ishee irraa akka dhorkamtuuf gaafataniiru.