Waraana Yukireen: Manni Maree Nageenyaa UN maalidha, attamiin hojjataa?

Maxxanfame

Biyyoonni Gamtooman (UN) dhimmoota addunyaaaf furmaata barbaacha Waraana Addunyaa lammaaffaan booda biyyoota addunyaa walitti fiduun kan hundeeffameedha.

Manni Maree Nageenyaa UN, qaamni nagaafi tasgabbii addunyaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaan kennameef, yeroo jalqabaatti kan walgahii taa'e bara 1946tti ture.

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasifte hordofees, pirezidaanti Volodmiir Zelenskii haasaa mana marichaatiif taasisaniin tarkaanfii waraanni Raashiyaa fudhataa jiru dhaabsiisuuf ''tarkaanfii atattamaa'' akka fudhatuuf gaafatee ture.

Haata'u malee haalli dhaabbatichi itti hojjatu wayita taateen idil-addunyaa mudatuutti deebii atattammaa kennuuf rakkisaa taasiseera.

Miseensoonni isaa 15- kan shanan isaanii dhaabbataa fi kudhan dhaabbata kan hintaane- qoqqophaa kaa'uuf ykn nagaafi tasgabbii idil-addunyaa deebisuufi eegsiisuuf humnatti akka fayyadamu aangoo kennuu ni danda'u.

Garuu yeroo hedduu ammoo, sababii sagaleen miseensoota dhaabbataa kanneen dhimmoota addunyaa irratti ilaalcha faallaa qabaniin, kennamuuf murtee cimaan hin fudhatamu.

Kanaafuu, Manni Maree Nageenyaa UN kun attamiin hojjata?

Miseensoota dhaabbataa

Mana maree Nageenyaa UN keessatti biyyoonni shan miseensoota dhaabbataati. Isaanis Ameerikaa, UK, Raashiyaa, Chaayinaafi Faransaay.

Waraana Addunyaa lammaffarratti erga Jarmaniifi Jaappaan injifatanii, manni marichaa hundeefamee kaasee jijjiramni aangoo taasifameera.

Haata'u malee haalli siyaasa qabatamaa haaraa irratti jijjiramni jiraatulleen erga 1946 as haala biyyootaa irratti jijjiramni hin jiru.

Teessumni Chaayinaa jalqabarraa motummaa biyyaaleessaa Chi'aang Kaa'i-shekiin hogganamuun kan qabame ture.

Erga qabsoo 1949 booda ammoo, motummaan isaa gara odoola Taayiwaaniintti deebii'uutti, hanga bara 1971tti Gumiin Waliigala UN abbummaa teessuma gara Riippablika Ummattoota Chaayinaa (PRC)tti geedaruuf murteesse.

Akkasumas teessoon Raashiyaas hanga bara 1991 keessa diigamuutti jalqaba Gamtaa Sooviyeetiin qabamee ture.

Mirga sagalee sagaleen kuffisuu (veto)

Dhimmi cimaan waa'ee miseensoota dhaabbataa shanan kanneen tokko, dhimma mana marichaatiin irratti mari'atamaa jiru kamuu sagaleen kufiisuu danda'u.

Kana jechuunis osoo tokkoon isaanii waan irratti mari'atamaa jiru mormanii, raggaasifamuu hin danda'u jechuudha. Haata'u malee, yoo miseensi dhaabbataa sagalee kennuu irraa of qusate ammoo seerichi raggaasifamu danda'a.

Kunis keessattuu wayita biyyoonni sagalee sagalee diiguu danda'an kallattii ykn il-kallattiin waraana keessatti hirmaatan kan akka waraanaa Yukireen ammaatti kanaatti baayyee barbaachisaa ta'a. Fedhii wal morman akkasii kanas haalli ittiin dhorkuun danda'amurratti seerri hin jiru.

Bara 2020 keessa, yaandi aangoo deegarameef sagalee sagaleel kuffisuu dhorkuuf dhiyaatee ture biyyoota 100 ol deegaramee ture.

Akka yaada dhiyaate kanaatti, miseensoonni mana maree Nagaa shanan wayita ''ajjeechaan jumlaa'' raawwateetti sagalee diiguu irraa fedhiifi waloon akka of qusatan eegama.

Biyyoonni akka Ispeen fa'i akka aangoo sagalee kufiisu diisaniif gaafataniiru.

Miseensota dhaabbataa kan hin taane

Biyyoonni 10 waggaa lama lamaan akka miseensa Mana Maree Nageenyaa UN dhaabbataa hin taaneetti ni filatamu. Biyyoonni miseensaa UN bakka bu'an hundinuu yaa'ii waliigalaarratti sagalee kennuu ni danda'u.

Kaayyoonisaas miseensoota Eshiiyaa shan ykn Afriikaa shan, kan Ameerikaa Kaabaa lama, Awuroppaa bahaa tokkoo fiAwuroppaa lixaa ykn naannoolee biraa irraa miseensoota lama, miseensoota dhaabbataa hin taanee jidduutti madaallii aangoo eeguuf ture.

Hanga Ebla 2022tti, miseensoonni dhaabbataa kan hintaanee, Indiyaa, Ayiraandi, Keeniyaa, Meeksiikoo fi Nooroween ittigaafatamummaan isaa hanga dhuma Muddee 31'tti xumuramu yoo ta'u, kanneen akka Albaaniyaa, Biraazeel, Gaaboon, Gaanaa fi Yunaayitid Araab Imireetsi bara 2023 keessa dhuma.

Biyyoonni miseensummaa mana mareetiif fedhii qabu, kunis tarii sababii kabaja qabu ykn carraa dhimmoota fedhii biyyaleessaa isaanii ilaalatu kaasuuf qaban ta'u danda'a. Biyyoonni muraasnis kaadhimamtoota saanii waggaa baayyeen dura beeksiisuun si'ominaan sagalee kennuuf.

Kan dhaabbataas ta'e dhaabbataa kan hin taane, miseensoonni Mana Maree Nageenyaa hundi- yeroo baatii tokkoof marsaadhaan aangoo dura-taa'ummaa ni qabaatu.

Babal'ifachuu

Haata'u malee biyyoonni waggoota 75 darban keessa aangoonsaanii dabalees, haalli miseensummaa Mana marichaa addunyaa hunda bakka hin bu'uu jechuun cimsanii qeequu.

Gareen hojii kan Gumii Waliigalaa UN jalatti bara 1993 keessa hundeeffamee haalicha irratti fooyya'insa muraasaa kan taasise yoo ta'u, kaadhimatoota ta'u qaban irratti garuu waliigalteen hin gahamne.

Biyyoonni akka G4 jedhamuun beekaman- Jaappaan, Jarmanii, Indiyaafi Biraaziil akkasumas Gamtaan Afriikaa kanneen miseensa dhaabbataa ta'uuf yeroo dheeraaf hojjatamaa jiraniidha.

Bara darbe walgahii waliigalaa UN irratti, bakka bu'oonni G4 ''mariiwwan keessatti kallattii haaraan akka dabalamuuf'' akka hojjatamu gaafatanii ture.

Isaanis manni marichaa akka ''haala qabatamaa siyaasa addunyaa ammaa haala calaqisiisuun, Eeshiyaa, Afriikaa fi Ameerikaa Kaabaa irraa bakka butoonni baayyeen akka jiraataniif'' waliigalamee ture.

Yaandi Eejjannoo Afriikaa Walloo jedhuufi manni marichaa akka bakka bu'oota hedduufi dimokraasii'' qabatuu gaafatan, bara 2005 keessa labsiiwwan lama 'Ezulwini Consensus and the Sirte Declaration' keessatti hammataman.

Badhaafamaan Noobeelii fi Hogganaa Olaanaan UN Koofii Anaan jijjirama dhabuun eejjannoo manni marichaa addunyaa keessatti qabu akka dadhabsiisuu akeekkachiisanii ture.

Tarkaanfii fudhachu

Jalqabarratti Manni Maree Nageenyaa waraana hidhannoo dhorkuuf gahee olaanaatu kennameef. garuu ammoo wal dhabdeen kaayyoosaa jalqabaatiif akka furmaata dippilomaasii gaafatu taasise.

Waraannii yoo itti cime, Manni Maree Nageenyaa akka dhukaasni dhaabatuufi nageenya eegsiiftoota bobbaasuuf hojjata.

Akka furmaata dhumaattis biyyoonni UN qoqqoophaa akka kaa'aniif ajajuu danda'a. Akkasumas kan diduurratti tarkaanfii waraanaa ajajuus ni danda'a.

Miseensoonni UN hundinu murteewwan Mana Maree Nageenyaaf aboomamuuf dirqama qabu.

Qeeqa

Manni Maree Nageenyaa osoo balaan akka mudachuuf jiru barameelleen, kan akka duguggaa sanyii Rwaandaa bara 1994, hanga waan hamaan qaqabuutti tarkaanfii hin fudhatu jedhamuun qeeqama.

Murtee dabarsuuf harkifachuufi aangoon sagalee sagaleen kuffiisuu jechuunis, biyyoonni fi michoonnisaanii yeroo tokko tokkoo osoo aangoon hin kennamneef tarkaanfii waraanaa seera qabeessa jedhan ni fudhatu jechuudha.

Duulli haleellaa nato bara 1999 Yugozilaaviyaa keessatti raawwatame osoo mana maree nageenyaatiin hin mirkanaa'iin ture.

Biyyoonni Nato- keessatti Ameerikaan bara aangoo Biil Kilintan- tarkaanfiin fudhatame himannaa duguggaa sanyii ummata Albaaniyaa Kosoovoo irratti humnootii Yugozilaaviyaatiin fufhatame jedhuun ibsamee ture.

Raashiyaan ammoo osoo mana maree nageenyaatiin hin mirkanoofne tarkaanfiin fudhatamu sirriiyuu balicha cimsa jechuun mormiti.

Akkkasumas weerarri bara 20033ti US-UK Iraaqi irratti raawwatanis osoo addatti Mana Maree Nageenyaatiin hin mirkanaa'iin dura ture.

Seerri 1441 mana marichaatiin raggaasifamees Iraaqi akka hidhannoo hiikataniifi meeshaalee waraanaa sakkata'uun waliin akka ta'an gaafata. Garuu ammoo miseensoonni dhaabbataa muraasni, Faransaayiifi raashiyaa dabalatee, seerrii 1441 tarkaanfii waraanaa US-UKf fudhataniif hayyamusaarratti waliin hingallee ture.

taate gara biraatiin ammoo, Manni Maree Nageenyaa tarkaanfiiwwan murteessoo hedduu fudhateera.

Bara 2006 fi 2015 jidduutti, sagantaa ishee nikuulaaraa ilaalchisuun teknolojiiwwan meeshaa waraanaa nikulaaraa fi hidhannoowwan ilaalchisee qoqoophiiwwan cimaa kaa'ee ture.

Erga bara 2006 as, akkasumas sagantaa waraanawwan nikulaaraa ishee ilaalchisuun Kooriyaa Kaabaa seerawwan hedduu dabarseera. Isaanis gurgurtaa meeshaalee waraanaa fi meeshaalee loltummaa, waliigalte saayinsii dhorkuufi namoota dhuunfaa sagantaa gabbisa nikulaara Kooriyaa Kaabaa keessatti hirmaatan adabuu irratti kan xiyyeefatan ture.

Bara 2001 keessa, Liibiyaa irra balaliinsii akka hin jiraanneefa ajajee ture. Kunis motummaan Gaadaafii akka kufuuf gargaaree ture.

Bara 2012 keessa ammoo Jidduugala Bahaatti michuu Raashiyaa cimaa kan ta'e- pirezidaantii Siiriyaa Baashaar al-Asaad irratti seerri qoqqophii Mana Marii Nageenyaa cimaan akka hin kaa'amneef Raashiyaafi Chaayinaan ni morman.

Kanaafu ammatti murtoon weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee ilaalchisuun Mana Maree Nageenyaatti dhiyaatu kamuu Raashiyaadhuma mataasheetiin kufiisamuu danda'a.