Gaazexessitoonni ‘meeshaalee Baayidan hatuu akka dhaaban’ gaafataman

Madda suuraa, BRENDAN SMIALOWSKI
Gaazexessitoonni meeshaalee yaadannoo (souvenirs) ta’an xiyyaara Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan keessaa hatuu akka dhaabaniif akeekkachiifni kennameef.
Tibba lakkoofsa taasifameetti, Humna Qileensaa Tokko (Air Force One) keessaa erga Joo Baayidan Guraandhala keessa doowwannaa taasisaniin booda kutaa pireesii keessaa meeshaalee hedduun baduun adda baafame.
Uffanni boraatii, bircuqqoo fi saahinaawwan warqiin sararaman meeshaalee jetticha keessaa baduun himame keessaayi.
Waldaan gabaaftoota Waayiti Hawuus xiyyaara keessaa meeshaalee fudhachuun dhorkaa ta’u akeekkachiise.
Baatii darbe keessa, waldaan gaazexessitootaa ergaa karaa imeelitiin ergeen, gochaan kun kan maqaa gaazexessitoota pirezidanticha waliin imalan xureessu waan ta’ef atatamaan dhaabachu qaba jedheera.
Darbee darbee gaazexessitoonni gabaasaaf wayita pirezidanticha waliin imalaniitti, chakoleetiin M&Ms asxaa pirezidantichaa qabu ni akka yaadannootti ni kennamaaf.
Haata’u malee, meeshaalee akka fallaanaa, shukkaa fi fooxaa mallattoonni Air Force One ofiirraa qaban hayyama malee fudhachu akka waan barameetti fudhataa turan jedhu gaazexessitoonni.
Gabaazaa Sagalee Ameerikaa Waayit Hawuus kan ta‘e Miihsaa Koomaadovskii, xiyyaara pirezidantichaarraa irraa meeshaalee baayyee fudhachu amana.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Meeshaalee kanneen walitti qabuu keetti seeran cabee omaa hin qabu. Eenyuunis kan salphiisuun miti,’’ jechuun BBC Newstti hime, meeshaalee xiyyaara Baayidan keessaa fudhate keessaa tokko kan ta’e meeshaa dhugaatii atsixaa Air Force One qabu agarsiisaa.
Akkasumas gaazexessaan kun chakooleetii M&Ms mallattoonni Baayidan irra jiruus akka qabu dubbata.
‘‘Xiyyaarri Air Force One kan akka waajjira Pirezidantii Ameerikaa samiirraatti ibsamu, kan darbiiwwan sadiitti hirame yoo ta’u, bal’ina iskeer meetira 372 qaba.
Xiyyaarri Booying 747-200B kunis haalli inni itti hojjatameefi meeshaaleen tolfameef tarree xiyyaara waraanaa keessa akka galu taasiseera.
Xiyyaarri kunis qilleensaarratti ofiisaatiin haleellaa ofiirraa ittiisuu danda’a. Raadarii diinaa ukkaamsuu danda’a. Osoo helaalleen miisaa’eelaa irratti agaa’ame, dhoohiinsa cararii ifaafi ho’a olaanaa qabu gadi dhiisuudhaan kallattii miisaa’ela irratti agaa’amee jijjirsiisa.
Kana malees xiyyaarri ‘AirForce One’ kun osoo qilleensarra jiruu boba’aa guuttachuun yeroo balaatti sa’aatii hinmurtoofneef balalii’u ni dandeessisa. Meeshaaleen qunnamtii xiyaaricharratti tolfaman, pirezidantichi addunyaa kami irrattu ajaja akka kennuuf isa dandeessisa.
Teessoon pirezidantichaas kutaa xiyyaarichaa fulduraa keessatti kan argamu yoo ta’u, bakkeen gaazexessitootaa ammo kutaa dhumaa xiyyaarichaa keessatti argama.















