Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karoorri koolugaltummaa UK 'yaaddessaa' fi seera idil-addunyaa kan cabsuudha- UN
Mootummoota Gamtoomanitti Ejansiin Baqattootaa (UNCHR), seerri koolugaltootaa Mootummaan UK dhiyeessee ''baayyee yaaddeessaa'' fi kanneenuma ulaagaa guutan illeen dhorkuu kan danda'udha jedhe.
UK'tti bakka bu'aan dhaabbata UNCHR, Viikii Taanenti BBCtti akka himaniitti, tarkaanfiichi seera idil-addunyaa kan cabsuufi chaanaalii qaxxaamuruu dhaabuun barbaachisaa hin turre jedhan.
Ministirri Mummee UK Riishi Sunaak, ''ka'anii qabsaa'udhaan seera baasuufi rakkoo seeraa kamuu injifachuuf qophiidha,'' jedhan.
Warri Paartii Leebarii garuu karoorichi balaa waan qabuuf caalaa dhimmicha harbeessa jedhan.
Guyyaa Kibxata kaleessaa mootummaa UK seeraa haaraa koolugaltummaadhaaf karaa seeraan alaatiin gara sana imalan kamuu dhorkuu ifa taasiseera.
Namni karaa seeraan alaatiin UK seenee kamuu akka hindeebine kan dhorkamuu fi lammii Biritish argachuu akka hin dandeenye hima.
Tarkaanfichis qaama yaalii baayyina namoota waggaa waggaadhaan karaa Chaanaalitin UK seenan hirrisuuf taasifamuuti.
Baqattoonni bara 2018tti gara UK seenan 300 yoo ta'an bara 2022tti ammoo gara 45,000tti ol guddatan.
Karoora UK kanarratti yaada akka kennaniif kan BBC gaafataman Aadde Teenaanti, ''Baayyee yaaddofneera. Kunis namoota karaa al-idileetiin seenaniif UK keessatti carraa koolugaltummaa gaafachuu cufuudha jedhan.
''Akka ifatti waliigaltee baqattummaa cabsuu ta'etti amanna. Namoonni ragaa gahaa qaban mataansaanii carraa iyyachuu akka hin taasifneef ni danqa.''
Seerri Baqattootaa jalqaba bara 1951 irratti waliigalame, kan eenyu koolugaltummaa argachuu akka qabuu fi dirqama biyyoota waliigalticha mallatteessan baqattoota ittisuuf qaban kan tarreesseedha.
Aadde Teenaanti akka jedhaniitti UKn ‘‘ aadaa namoomaa bara dheeraa’’ kan qabdu yoo ta’u, dhimmi baqattootaa kunis karaa to’atamaa ta'eefi sirna bulchiinsaa fooyya’aan furamu kan danda’udha.
‘‘Sirni baqattummaa akka hojiirra oolfamu taasisuudha’’ jettee jirti.
Akkasumas ‘‘Adeemsi koolugaltummaa saffiisaa, gahumsa kan qabuufi haqa qabeessii hojiirra akka ooluu taasisaa.
‘‘Namoonni koolugaltummaa argachuuf ulaagaa kan hin gunnee yoo ta’an deebiisaatii gara biyyasaaniitti ergaa. Yoo kan argachu qaban ta’e ammo adeemsicha saffisaan raawwadhaatii ummatatti makaa.’’
Akkasumas Miseensi Paarlaamaa warra Paartii Konsarvaatiivii Riichaardi Giraahaam wayita Newsnight’tti dubbataniitti, imaammanni mootummaa kunis kan ‘‘murtoodhaan, gara laafummaa fi haala madaalawaa ta’ee’’ hojjiirra oolafamu ta’unsaa xinxalamuu qabaata jedhan.