Uggurri sochii Oromiyaatti labsame fashaluu, tarkaanfii 'madaalu' fudhachaa jiraachuu Mootummaan ibse

Maxxanfame

Mootummaan naannoo Oromiyaa uggurri sochii naannicha keessatti labsamee ture ''qindoomina uummataa fi mootummaan fashalaa'eera'' jedhe.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaleef kennaniin qaamni ''garee shororkeessaa Shanee'' ittiin jedhan uummata miidhuuf jecha waamicha uggura sochii labsee akka ture dubbataniiru.

''Gareen shororkeessaa Shanee jedhamu gocha badii isaa yeroo dheeraaf raawwachaa ture itti fufuun uummanni akka miidhamuuf Naannoo Oromiyaa keessatti uggura gabaafi geejjibaa labsus qindoomina hawaasaafi mootummaan taasisaniin fashalaa’era'' jechuu isaanii ibsi Biiroo Kominikeeshinii Mootummaan Naannoo Oromiyaa himee jira.

Hogganaan waajirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa waayee uggura gabaafi geejibaa kana kan dubbatan gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa fi haala yeroo ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennan keessatti.

Qaamni ''garee shororkeessaa Shanee'' ittiin jedhan ''amma duras uummanni xaa'oofi sanyii yeroon argatee oomisha hin oomishanne taasisaa ture'' jedhaniiru.

''Yeroo ammaa kanas, sochii geejjibaafi gabaa ugguruu, sochiin investimentii akka gufatu taasisuu, namoonni dhukkubsatan gara mana yaalaa dhaqanii akka hin yaalamne taasisuu, barattoonni gara mana barnootaa akka hin dhaqne gochuun uummata Oromoo dukkanatti deebisuu, tajaajilli mootummaa akka gufatu taasisuun uummataa shororkeessaa jiru'' jehdanuuru jedha Biiroon Kominikeeshinii naannichaa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Itoophiyaa ABO-Shanee jehcuun paarlaamaatti garee shororkeessaa ta'ee akka farajjamu taasise karaa miidiyaalee hawaaasaa isaa waayee uggura sochii kanaa ifatti waan jedhe hin qabu.

Haata'u malee, kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti torban darberraa kaasuun uggurri gabaafi geejibaa gaggeefamaa akka ture BBCn jiraattotarraaa iyyaafatee ture.

Miidiyaaleen biyya keessaa tokko tokko ammoo konkolaattotni geejiba uummataaf oolan uggura kana cabsuu isaaniif hidhattootaan gubamuu gabaasaalee himan baasaniiru.

Mootummaan Federaalaafi WBO dhibdee gidduu isaanii jiru karaa nagaa furuuf Tanzaaniyaatti marroo lamaaf iddoo bakka buutootni dhaabbilee idil-addunyaa jiranitti marii gaggeessanii turanis, dhukaasa dhaabufis ta'e rakkoo jiru nagaan xumuruuf waliigalteerra osoo hin gahiin hafaniiru.

Mariin marsaa lammataa ji'oota muraasa dura gaggefame abdii guddaan eegamus milkii malee goolabamuu hordofee bakka adda addaatti lolli qaamolee nageenyaa mootummaafi hidhattoota WBO gidduuttii gaggeefamu itti fufeera.

''Mareefi marabbaan nagaa buusuuf balballi araaraa bana ta’uu himaniiru'' kan jedhu ibsi mootummaa Oromiyaa, ''humna didee Oromiyaa diiguuf aggaammii taasisuufi uummata shororkeessu irratti tarkaanfii aggaammicha madaalu fudhachaa jiraachuus dubbataniiru'' jedha ibsichi.

Mootummaan sochiin kun fashaluu haa ibsu malee BBCn sochii geejibaa gara idileetti deebi'urratti ammatti ofiin hin mirkaneessine.

Kutaalee Oromiya adda addaa keessatti lolli WBO fi qaamolee nageenyaa mootummaa erga eegalee waggaa shaniif adeema.

Kana gidduutti uummatni qaama qawwee hidhate lamaan gidduutti ajjeefamaa fi dararaa arga akka jiru irra deddeebiin himata.