Naannoo Amaaraa Mer'aawiitti namoonni 50 ajjeefamuu warri ijaan argan himan

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa godina Goojjama Kaabaa, magaalaa Mer'aawwiitti A L I Wiixata 20, 2016 haleellaa gaggeeffameen namoonni 50 ol ajjeefamuu maatii, jiraattonniifi namoonni ijaan argan BBCtti himan.

Magaalaa guddoo naannichaa, Baahir Daar irraa kiiloomeetira 35 faggaattee kan argamtu magaalaa Mer'aawwiitti lola raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduu ture hordofee haleellaa jiraattotarratti raawwatame jedhameen namoonni baayyeen du'uu himan jiraattonni BBCn dubbise.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waajirri damee Baahir Daar magaalaa Mer'aawwiitti haleellaa namoota nagaarratti raawwatamuu maddeen garagaraarraa akkuma isa qaqqabeen hordoffiifi qorannoo taasisaa jiraachuus BBCf ibseera.

Taatee kana hordofee guyyoota darban maddeen hospitaalaa dabalatee BBCn namoota shan kan dubbise yoo ta'u, ajjeechaan kun kan raawwatame namoota nagaa mana isaanii keessa jiraniifi daandiirratti argaman irratti ta'uu ibsaniiru.

A L I Amajji Wiixata 20, 2016 haleellaan kun osoo hin raawwatamiin xiqqoo dursee ganama sa'aatii 12 irraa kaasee raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduu "waraanni cimaan" akka ture kan himan jiraattonni, isa hordofee ammoo namoonni 50 hanga 100 ta'an "ajjeefamaniiru," jedhu.

Haleellaan kun kan raawwatame nannoo sa'aatii shanii erga hidhattoonni Faannoo magaalattii gadhiisanii bahuu hordofee "raayyaan ittisa biyyaa manarra deemanii, akkasumas namoota karaarratti argatan ajjeesuu," kan dubbatan namoonni ijaan argan, haleellaan kun hanga halkan sa'aatii tokkootti ture jedhan.

Obboleessi isaa hojii guyyaan jiraataa kan tureefi abbaa ijoollee afurii ta'uu jiraataan himu, "jalqaba mana kiyya dhufanii sakatta'anii 'ani nama bataskaanaati' ittiin jennaan bahanii deeman. Itti aansanii mana obboleessa kiyya deemanii fudhatani deeman," jedha.

"Nama tokko safara keenyatti ajjeesanii gatan, " kan jedhu jiraataan kun obboleessa isaafi namoota kaan walummatti 13 kan ta'an walitti qabanii aspaaltiirra geessanii ajjeesuu hubachuu dubbata.

Ogeessi fayyaa tokko namoonni 13 aspaaltii qarqaratti ajjeefamuu isaanii akka beeku BBCf mirkaneessuun, walumaagalatti magaalattii keessatti guyyaa sana namoonni 85 ajjeefamuu isaanii dubbata.

Namni biraan akka maqaan isaa hin eeramne barbaadus, obboleessi isaa quxisuun manaa fudhatamee akka ajjeefame dubbata.

Obboleessa isaatiin alattis guyyaa sana daandirratti reeffa namootaa 50 ta'u arguu hima.

Namni ijaan arge biraan awwaala namoota baayyeerratti argamuu himuun, lakkoofsi namoota du'ee 100 ol jedha.

Raayyaa ittisa biyyaa magaalattii keessa bakka lama buufatee jiru keessaa warra gamoo bulchiinsa magaalaa keessa turanirratti hidhattoonni Faannoo haleellaa tasaa Wixata raawwataniif deebii kennuuf "tarkaanfiin haaloo bahuuf" fudhatame ajjeefamuu namoota baayyeetiif sababa ta'eera jedhan jiraattoonni.

"Faannoo bulchitaniittu, akka nu haleelan kan godhe isinidha, Faannoo nyaachiftu," jechuun "dhaadachaa" turan kan jedhu jiraataan manni isaa sakatta'ame tokko, "du'uurra bubbuluu wayya" jennee callisne jechuun haleellaan ture haaloo bahuuf akka ture ibsa.

Waraana raayyaa ittisaafi hidhattoota Faannoo gidduutti tureen bataskaanonni lama naannawaa sana jiran "meeshaan miidhaan irra gaheera" kan jedhame yoo ta'u, qabeenyaan dhuunfaafi baajaajiiwwan 15 ta'an akka gubatan taasifamuu jiraattonni dabalanii himaniiru.

Haleellaan kun erga raawwatamee guyyoota shan kan guute yoo ta'u, magaalattiin ammallee calliftee jirti kan jedhan jiraattoonni, baankiiwwaniifi manneen daldalaa cufaa waan ta'aniif "sochiin hin jiru" jedhaniiru.

Bulchiinsawwan naannichaafi godinichaarraa, akkasumas komaand Postii bakka sanaarraa taatee kanarratti deebii argachuudhaaf yaalii BBCn taasise hin milkoofne.