Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Jimaata dursee qabxiilee waliigaltee US fi Iraan ifoomsuu danda'a- Vaans
Doonaald Tiraamp qabxiilee waliigaltee waraana dhaabuu US fi Iraan irra ga'an keessatti hammataman Jimaata dura ifoomsuu akka danda'u Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'e JD Vaansi dubbate.
Waliigalteen wal hubannoo kun Jimaata Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u Iraan ibsitee turte. Tiraamp garuu waliigalteen mallattaa'eera jedhe.
Vaansi Waliigalteen Walhubannoo US fi Iraan ''fuula tokkoo fi walakkaa,'' ta'uu fi ''waan waliigalaa kan qabate'' ta'uu ibse.
Aanga'oonni olaanoo Ameerikaas qabxiilee waliigaltee kanaarratti yaada kennaa jiru.
Fakkeenyaaf Jimaatuma wayita waliigalteen Jenevaatti mallattaa'u Ulaan Hormuuz akka banamu yaada kennaa jiru.
Haata'u malee duraan wayita biyyoonni lameen waliigalteerra ga'uun ibsamu, uggurri ulaa kanaan walqabatee jiru kamuu guyyoota 30 keessatti akka ka'utu eeramee ture.
Yaadonni kunneen wayita Tiraamp kora G7 Faransaayitti hirmaatu dhagahaman.
Korri kun har'as kan itti fufu yoo ta'u sagantaa har'aa (Kibxata) irratti bakka hooggantoonni Masirii, Qataar fi Yunaayitid Arab Emireetis argamanitti dhimmi Iraan ni mari'atama.
Tiraamp Wiixata wayita Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin dubbatu ''waliigalteen hunduu mallattaa'eera,'' jechuun waa'ee walhubannoo US fi Iraan irra ga'anii ibse.
Aanga'oonni US waliigaltee kana Tiraamp, Vaansi fi Afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohammad Bager Gaalibaaf karaa elektiroonikii mallatteessuu himan.
Akkasaan jedhanitti dhimma sagantaa nukilaraa Iraan irratti mariin teeknikaa torbee kana keessa akka eegalamu eegama.
Ammoo Iraan irraa qoqqobbii kaasuu ykn qabeenyaashee ugguramee ture gadhiisuun biyyattiin ulaagaa waliigaltee kana keessatti eerame guutuu isheerratti hundaa'a jedhan.
Tiraamp duratti qabxiileen waliigaltee kanaa bal'inaan kan ibsaman erga sagantaan waliigaltee mallatteessuu Jimaata gaggeeffamee booda ta'uu ibsee ture.
JD Vaansi ammoo Tiraamp qabxiilee waliigaltee keessatti hammataman jedhaman kunneen Jimaata dura gadhiisuu danda'a jedhe.
Waliigalteen kun waanuma waliigalaa kan qabate ta'uu eeruun, dhimmoonni ijoon marii itti aanuun gaggeeffamu keessatti akka ka'an ibse qondaalli US kun.
Dokumantii kana keessatti Iraan ''nagaa fi tasgabbiif'' kutannoo agarsiisuu akka qabdu sarara jalqabaarratti eerameera kan jedhu Vaansi, ''kunis dhaabbilee shororkeessitootaa tumsuu dhaabuu'' dabalata jedhe.
''Hundaa ol ammoo meeshaalee waraanaa nukilaraa qabaachuu akka hin qabne qabatamaan mirkaneessuu qabu,'' jedhe.
Miseensonni G7 Tiraamp waliin waa'ee Iraan mari'achuuf fedhii olaanaa agarsiisaniiru.
UK fi Faransaay dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqamaniif eegumsa taasisuu keessatti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsan.
Tiraamp garuu US dooniiwwan nagaan akka Ulaa Hormuuz keessa darban gochuuf US ''deeggarsa guddaa barbaaddi'' jedhee akka hin amanne ibse.
Garuu ergama kana keessatti biyyoota kaanirraa tumsa argachuun waan badu miti jedhe.
Akkaataa waliigaltee kanaan dhukaasa dhaabuun guyyoota 60f itti fufa. Guyyoota kana keessatti biyyoonni lameen, US fi Iraan, mari'achuun waliigaltee dhumaarra ga'u jedhamee eegama.
Biyyoonni kunneen akka mari'atan haala mijeessaa kan jirtu Paakistaan ''waliigalteen kun dirree hundarratti hatattamaan oppireeshinii waraanaa dhaabuu dabalata,'' jette.
Qondaalonni US dhimmi Libaanos waliigaltee kana keessatti hammatamus, garuu Israa'el loltootashee baasuun akka haaldureetti hin dhihaanne jedhan.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu loltoonni isaa Libaanos, Gaazaa fi Sooriyaa keessa akka turan ibseera.