Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa caccabee hojjettoota Booying dabalatee namoonni saddet du'an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Kaalifoorniyaa Kibbaatti xiyyaarri humna qilleensaa Ameerikaa B-52 Booombar caccabee hojjetoota Booying lama dabalatee namoonni saddet du'uun isaanii ibsame.

Xiyyaarri waraanaa kun Wiixata sakatta'insa idilee osoo taasisaa jiruu ture balaan kun kan mudate.

Koloneel Jams Hayiis, "har'a buufata humna qilleensaa Ediwaardis keessatti taateen gaddisiisaan mudateera. Ameerikaanota jajjaboo saddeet dhabneerra. Loltoonni, lammileen nagaa fi namoonni mootummaan kontiraata itti kenne keessatti argamu," jedhe.

Buufanni humna qilleensichaa akka jedhetti, gabaasaleen sadarkaa jalqabaa balaa kanarraa " ooluun akka hin danda'amne" agarsiiseera.

Namoonni du'an maatii isaaniif erga ibsamee booda ummataaf ifa ta'a.

Miidhaan balaan xiyyaaraa kun qaqqabsiise humna qilleensichaarratti qofa akka ta'u gochuun danda'amuus ibsameera.

Xiyyaarri waraanaa B-52 jedhame kun sirna to'annoo humna qilleensaatiif deeggarsa kennaa akka turee fi balali'uu jalqabee osoo baayyee hin turiin caccabuun isaa ibsameera.

Ka'umsi balaa kanaa kan ibsamu qorannoowwan taasifamanii booda ta'uunis ibsameera. Kunis guyyoota 30 fudhachuu danda'a. Qorannoon dabalataa ammoo hanga ji'a ja'aa akka fudhatu Koloneel Jams Hayis dubbateera.

Booying ibsa baaseen hojjetoonni isaa lama namoota xiyyaara waraanaa kana keessa turan keessatti argamuu beeksiseera.

BBCn odeeffannoo dabalataa Booying irraa argachuuf yaale hin milkoofne.

Bulchaan Isteetii Kaalifoorniyaa Gaaviin Nuusam balaan kun "gaddisiisaadha" jechuun maatii namoota du'aniifi hojjetoota humna qilleensichaaf jajjabina hawweera.

Humni qilleensaa Ameerikaa xiyyaarota waraanaa B-52 baroota 1950 irraa kaasee itti fayadamaa jira.

Bakki waraanni xiyyaarri waraanaa kun itti caccabe aaraan haguugamee yoo mul'atu suuraan agarsiisan bahaniiru.

Ameerikaan waraana xiyyaaraa kana Iraan keessatti bakkawwan filataman haleeluuf itti gargaaramti

Xiyyaarri kun meetira kuma 15,000 lafarraa ol ka'ee balali'uu kan danda'u yoo ta'u, boombiiwwan dhibbaan lakka'aman fi kiruuz misaa'eloota 32 fe'atee deemuu danda'a.

Balaliirra osoo jiruu boba'aa waan guuttatuuf bakka bal'aa irratti xiyyeeffatee haleeluu danda'a.