Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ameerikaan dolaara miliyoona 300 Iraaniif kennuuf jedhamuu Tiraamp waakkate

Ameerikaa fi iraan erga waliigalteerra gahanii booda Ameerikaa fi michoonnishee maallaqa guddaa Iraan deebisanii ijaaruuf oolu ni kennu jedhamuu Pirezidant Tiraamp waakkateera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Kaataar waliigaltee Iraanii fi Ameerikaa of eeggannoo fi abdiin ilaalti' - Kaataar

    Waligaltee nagaa waraana Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru dhaabuu keessatti qooda fudhachaa kan jirtu Kaataar waliigalteen kun Giddu-galeessa Bahaaf nageenya fiduu danda'a jettee akka amantu ibsite.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Maajid Al-Ansaarii yaada miidiyaaf kennaniin, Dohaan waliigaltee kana irratti "of-eeggannoodhaan akka ilaaltuu fi abdii irraa qabdu" ibsaniiru.

    "Mallatteeffamuun waliigaltee kanaa, sagantaa niwukilaraa fi dhimmoota biroo irratti mariiwwan itti aananii taasifamanii fi nageenya naannichaa gara sadarkaa itti aanutti ceesisuuf ni fayyada," jedhan.

    Kaataar marii kana keessatti "garee jaarsummaa Paakiistaaniin durfamu keessatti" hirmaachuu ishee Al-Ansaariin mirkaneessaniiru.

    Waliigalteen kun Ulaan Hormuuz akka banamuuf haala kan mijeessuus jedhan. "Kaataar dabalatee, biyyootni boba'aa addunyaaf akka dhiyeessan dandeessisa," jedhaniiru.

  2. Waa'ee waliigaltee US-Iraan odeeffannoowwan wal-dhiitan bahaa jiru

    US fi Iraan gidduutti waliigalteen wal-hubannoo mallattaa'un alatti qabiyyeen waliigaltichaa ifatti hin ibsamn.

    Jimaata dhufu yeroo qaaman wal-arguun mallatteessan qabiyyeensaa uummataaf akka ifa ta'u Tiraamp dubbate.

    Dilbata darbe waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallattaa'uun erga ibsamee as qondaalota Washingtanifi Tehraan irraa odeeffannoo wal-dhiitutu dhagahamaa jira.

    Iraan maal jette?

    US maallaqa gadi qabame gadi lakkisti, qoqqobbii ni kaasti: Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Iraan kan ta'an Ismaa'el Baghaei kaleessa akka jedhanitti, US Iraan waraanan miidhamte deebistee ijaarufi qoqqobbii diinagdee keessee turte kaasuuf waadaa galteetti.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisees qondaalli Iraan kun ibsa kennaniin, Iraanifi Omaan dooniwwan daldalaa ulaa kana keessa akka darbaniif waliin ta'uun nageenya ni to'atu.

    Waa'ee Libaanos: "Libaanosifi waraanni Libaanositti gaggeeffamuu xumura godhachuun ijoo waliigaltee kanaati," jecchuun Israa'el Libaanositti waraana dhaabdee akka achii baatu US gochuu akka qabdu dubbatan Ismaa'el Baaghaei.

    US hoo maal jette?

    US deeggarsa maallaqaa ni gooti, qoqqobbii diinagdee ni kaasti kan jedhu "qoosaadha" jedhe Tiraamp. Iraan waliigalteerra akka geessuf US fandii investimentii Iraaniif kennuuf waliigalteetti jechuun gabaasaleen erga bahanii boodadha Tiraamp kan waakkate.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisee Tiraamp Dilbata darbe ibsa kenneen, waliigalteen wal-hubannoo qaaman wal-arguun erga mallattaa'ee booda guutummaan akka banamu ibse. Garuummoo ulaa kana eenyu akka to'atu ilaalchisee odeeffannoo bal'aan Tiraamp kenne hin jiru.

    Libaanos: Qondaalli olaanan US tokko kaleessa akka ibsanitti, loltoonni Israa'el Libaanos keessaa bahuun qaama waliigaltee US-Iraan miti.

  3. Waliigalteen Iraan Netaaniyaahuuf dhiphuu siyaasaa itti taha

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaa ministira mummee Israa'eliif dhiphina siyaasaa, bu'uuraalee dalagaa siyaasaa Beenjaamiin Netaaniyaahuu diiguun burjaajii dhimma nageenyaa haaraatti isa baaseera.

    Akkamiin namni Washingitanitti siyaasa hasaasu, namoota siyaasaa Ameerikaa irratti dhiibbaa jabaa qabu moggaatti baafamee michuu isaa ijoo US'n addabaabaayiitti arrabfama?

    Akkamittiin namni Iraan biyya yaaddoo imaammata nageenyaa Israa'el taate morkachuun booda Iraaniin inumaa ejjennoo jabaa jedhamurratti dhiisee waraana dhaaba?

  4. "Haleellaan Israa'el Libaanos irratti raawwattu waliigaltee Ameerikaa waliin taasifame cabsuudha," Iraan

    Iraan kanaan booda haleellaa Israa'el Libaanosirratti raawwattu kamiyyu waliigaltee Ameerikaa waliin taasifamu cabsuudha jechuun akeekkachiifte.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Arraagchii akka jedhetti, waliigalteerra yeroo ga'ametti gama tokkoon Iraan fi Hezboollaa, gama kaaniin ammoo Ameerikaa fi Israa'el ta'eeti jechuun haleellaa Israa'el gaggeessitu akka dhaabbatuuf hubachiiseera.

    Abbaas Arraagchii dhimmamee kan dubbate, "waraanni Libaanos keessa jiru dhaabbachuun dhaabbachuu waraanichaa waliigalaarraa adda baafamee kan ilaalamu miti, waraanni dhaabbachuun dabalataan weerarri dhaabbachuu kan hammatudha," jedheera.

    Akkaataa kanaan, "kanaan booda weerarri Israa'el daangaa Libaanos keessatti kan itti fufu taanaan waliigaltee irra gahame diiguudha jennee ilaalla gama keenyaan," jedhe Abbaas Arraagchii.

    dubbiin ministira dhimma alaa Iraan kun kan dhaga'ame, Israa'el "shororkeessitoota" gara loltootashee Libaanos Kibbaa keessa jiranitti dhiyaachaa jiru jetterratti haleellaa gaggeessuushee erga beeksifteen boodadha.

    Gareen Hezboolaa Libaanos gama isaatiin haleellaa Israa'el gaggeessiteef misaa'elootaa furguggisuu fi diroonota bobbaasuun deebii kennuu himeera.

    Ameerikaa fi Iraan waliigalteerra gahuun isaanii erga ibsamee booda Israa'el "naannawaa nageenyaa" kan jettu kutaa bulchiinsa Libaaos keessa hunoonnishee akka turan beeksifteetti.

    Aanga'oonni mootummaa Israa'el baayyeen waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifame kana mormaniiru.

  5. Tiraamp Jimaata dursee qabxiilee waliigaltee US fi Iraan ifoomsuu danda'a- Vaans

    Doonaald Tiraamp qabxiilee waliigaltee waraana dhaabuu US fi Iraan irra ga'an keessatti hammataman Jimaata dura ifoomsuu akka danda'u Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'e JD Vaansi dubbate.

    Waliigalteen wal hubannoo kun Jimaata Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u Iraan ibsitee turte. Tiraamp garuu waliigalteen mallattaa'eera jedhe.

    Vaansi Waliigalteen Walhubannoo US fi Iraan ''fuula tokkoo fi walakkaa,'' ta'uu fi ''waan waliigalaa kan qabate'' ta'uu ibse.

    Aanga'oonni olaanoo Ameerikaas qabxiilee waliigaltee kanaarratti yaada kennaa jiru.

    Fakkeenyaaf Jimaatuma wayita waliigalteen Jenevaatti mallattaa'u Ulaan Hormuuz akka banamu yaada kennaa jiru.

    Haata'u malee duraan wayita biyyoonni lameen waliigalteerra ga'uun ibsamu, uggurri ulaa kanaan walqabatee jiru kamuu guyyoota 30 keessatti akka ka'utu eeramee ture.

    Yaadonni kunneen wayita Tiraamp kora G7 Faransaayitti hirmaatu dhagahaman.

  6. Ameerikaan dolaara miliyoona 300 Iraaniif kennuuf jedhamuu Tiraamp waakkate

    Ameerikaa fi iraan erga waliigalteerra gahanii booda Ameerikaa fi michoonnishee maallaqa guddaa Iraan deebisanii ijaaruuf oolu ni kennu jedhamuu Pirezidant Tiraamp waakkateera.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaarratti akka ibsetti, Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa gonkumaa akka hin qabaanne waliigalteerra ga'amuu eeruun, haata'u malee, Ameerikaan Iraaniif gabaasaaleen Ameerikaan Iraaniif dolaara miliyoona 300 kennuuf waliigalteetti jedhamu wakkateera.

    "Ameerikaan Iraaniif dolaara miliyoona 300 kaffaluuf jedhamee kan dubbatame oduu sobaa Dimokiraatota warra doofaan himamaa jiru," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti katabe Tiraamp.

    Ibsti tokkoo tokkoo sanadii Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf irratti waliigalaniiru jedhamuufi Tiraamp mallatteessan inni ijoon ifa hin taane. Haata'u malee, qabiyyee waliigaltee gama Iraan fi Ameerikaan bahaa jiran irratti garaa garummaan mul'achaa jiru.

    Biyyoonni lachuu fageenyarra taa'anii karaa elektiroonikaa kan isaan gaaherratti kan mallatteessan sanadii walhubannoo guutummana guutuutti kan fudhatan yoo ta'u, waliigalteen inni dhumaa Jimaata Siwiizerlaanditti karaa bakka bu'oota isaaniitiin ni mallattaa'a jedhamee eegama.

  7. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Toora oduu kallattiin oduu isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Kanneen jedhaniifi kaan argattu.

    Nu hordofaa