Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaraxni waliigalaa Chaayinaarra kaahame 145% ta'a jedhe Waayit Haawus
Waayit Haawus hammi qaraxaa omishaalee Chaayinaarraa gara UStti galanirra kaahame 145% ta'uu mirkaneesse.
Roobii darbe pirezidantiin biyyattii Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaa isaanii Truth irratti yaada qoodaniin qaraxni Chaayinaarra kaahame gara 125% gahuu beeksisanii ture.
Waayit Haawus ibsa haaraa baaseen pirezidantichi qaraxa amma dura omishaalee Chaayinaarratti kaahamee ture 20% dagachuu tuquun waliigalatti qaraxni omishaalee Chaayinaarraa galan irra kaahame 145% ta'uu beeksise.
Kunimmoo hanga tilmaameefi eegameen ol ta'uu agarsiiseera.
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa biyyoota irra kaa'an olaanaa yeroon hojiirra olmaasaa guyyoota 90f akka harkiifatu gochuudhaan garuu waraanni daldalaa Chaayinaa waliin taasifamaa jiru daran hammaateera.
Jijjiirama imaammataa guddaa ta'een, qaranni biyyoota michoota daldalaa Ameerikaa tilmaamaan gara 60 ta'an irra kaa'ame erga hojiirra oolfamuu jalqabee sa'aatii muraasa booda dhaabsisan.
Tiraamp mariin itti fufee waan jiruuf, biyyoonni hundi "qaraxa wal fakkaataa gadaanaa ta'e %10" akka kanfalaniif hayyamamu dubbatan.
Yeroodhuma murtee kana dabarsaniitti ammoo , Chaayinaa kabaja nu dhowwatte jedhaniin irratti ammoo qaraxa kaa'anii turan gara %125tti ol guddisan.
Tiraamp Chaayinaa irraa qaraxa kan dabalan sababii Beejiing meeshaalee Ameerikaan irraa galfaman irratti qaraxa %84 akka kaffaltu taasisuun erga haaloo baatee boodadha jechuun himate.
Biyyoonni lamaan waraanaa daldalaa kana keessa kan seenan erga Tiraamp oomishaalee gara Ameerikaa seenan hunda irratti qaraxa kaa'uudhaan, sirna daldala addunyaa keessatti waggoota darban kudhaniif haala argame hin beekneen jijjirama erga taasisaniin torbaniin boodadha.
Murtee Tiraamp torban darbeetiin oomishaalee biyyoota hundarraa gara Ameerikaa seenan hunda irratti qaraxa gadaanaa parsantaa 10 akka kaa'an beeksiisan.
Waayiti Hawuus ''balleessitoota adda bahaniidha'' biyyoota jedheeniifi kan Tiraamp ammoo hojii daldalaa haqa qabeessaa hin taane irratti bobba'aniiru jedhan irratti ammoo qaraxa olaanaa ka'an.
Biyyoota tarree kana keessatti hammataman keessaa biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa 27, Veetinaam fi Afriikaan Kibbaa kan argaman yoo ta'u, biyyoota kanneen irrattis qaranni parsanataa 11 hanga 100 gahu irra kaa'ameera.
Murtee Tiraamp kana hordofee torban darbe jeequmsi gabaa umamee ture.
Haala kasaaraa maallaqa tiriliyoonaan lakkaa'amu hordofsiise kanaanis namoonni baayyeen aksiiyoonii ykn gahee qaban gurguraniiru.
Lammiileen Ameerikaa gatiin shaqaxaa ni qaala'a yaaddoo jedhu keessa kan seenan yoo ta'u, xinxaltoonni ammoo kufaatiin diinagdee mudachuuf carraan dabalaa jiraachu dubbatu.
Sa'aatiin booda jijjiramni haaraan ifa wayita taasifameetti ammoo gabaaratti jijjiramni cimaan mul'ateera.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa ''Truth'' irratti ergaa qoodaniin, qaranni isaan kaa'an kunis biyyoota haaloo bahuunsaan tarkaanfii hin fudhatiin irratti hojiirra kan oolfamu guyyoota 90 booda akka ta'e beeksiisan.
Qaranni dabalataa Chaayinaarra kaa'ame garuu battalumatti hojiirra oolfamuu akka eegalu ibsan.
''Tibba tokkootti, tarii yeroo dhihootti Chaayinaan Ameerikaa fi biyyoota kaan yeroo itti dhiibbaa taasiftuu kanaan booda fudhatama kan hin qabne ta'usaanii ni yaadatti'' jedhan.
Itti gaafatamaan Ministera Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beeseenti, jijjiramni kaleessa taasifame sababii dhiibbaa kufaatii faayinaanis idil-addunyaatiin kan murtaa'e akka hin taane falman.
Gameessi miseensa dimokiraatii Chak Shuumar ammoo murteen kun Tiraamp ''gitintiraa fi booddeetti deebii'aa'' jiraachuu kan agarsiisuudha jedhan.
Tiraamp haasaa Waayit Hawusiitti taasisaniin, namoonni ''sodaataa waan jiraniif'' jijjiramni imaamata qaraxaa ''taasifamuu qabaata'' jedhan.
Pirezidantiichi, ''biyyoota deebii hin kenniine irratti qarannii hojiirra olmaansaa guyyoota 90n akka turu kanan taasise' yoo deebii haaloo bahuu raawwattan dachaa taasisuufan jedhen itti himeera'' jedhan.
''Chaayinaa irras kan goone kanumadha'' jedhan. ''Waan hundaa haala nan dinqisiisuun raawwatama'' jedhanii akka yaadan dubbatan.
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Shiipiing ''haala waliigalteerra gahuu itti danda'an irra ni gahu'' jedhanii akka yaadan dubbataniiru.
Chaayinaafi Ameerikaa jidduutti mudamni haaraan kan eegale erga Tiraamp toban darbe keessaa qaraxa haaraa beeksiisanii boodahda.
Tiraamp jalqaba waggaa kanaatti Chaayinaarra kaa'anii kan turan qaraxa parsantaa 20 irratti dabalataan parsantaa 34 beeksiisan.
Beejinji gala isheetiin oomishaalee Ameerikaa irraa gara biyyatti ergaman irratti qaraxa parsantaa 34 kaa'udhaan deebii kennite.
Tiraamp ammoo tarkaanfii haaloo bahumsaa Chaayinaa kanaaf deebii kennuudhaaf dabalataa qaraxa parsantaa 50 dabaluun %104 taasisan guyyaa Kibxata kaleessaa.
Murtee Tiraamp kanaan kan dubbatti hin deebiine Chaayinaa ammoo hanga dhumaatti waraanaa daldalaa kanaan akka qabsooftu dubbatte.
Haaluma kanaanis Tiraamp Chaayinaarra qaraxa parsantaa 104 kaa'anii sa'aatiiwwaniin booda Chaayinaan oomishaalee Ameerikaa irraa dhufan dabalataa %34 kaa'uudhaan %84 taasisuu beeksiifte.
Har'a ammoo Tiraamp qaraxa oomishoota Chaayinaa irraa gara Ameerikaa seenan irra kaa'an %125 taasisuu beeksiisun kan biyyoota kaan garuu guyyoota dhufan 90 %10 akka turuu labsan.