Tigraayitti lammiilen nagaan rakkoo hamaa keessa jiru - HRW 

Tigraayitti lammiilee buqqa'an

Madda suuraa, HRW

Maxxanfame

Waraanaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi humnoota Ertiraa finciltoota naannoo Tigraay waliin gaggeessaa jiraniin wal qabatee lammilee nagaan naannichatti rakkoo hamaa keessa jiraachuu Dhaabbanni Humaan Raayits Waach (HRW) beekisise.  

Dhaabbatichi ibsa Onkoloolessa 18, 2022 baasen, haleellaa qilleensa irraa gaggeeffamuun hojjattota gargaarsa namoomaa dabalatee lammiilee nagaan du’uu fi miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa magaala Shiree to’achuu beeksisus sana dura yeroo dheeraaf naannoo magaalattiitti haleellaan gaggeeffame dhalattoota Tigraay bakka biraa irraa achi qubatan, ammas naannawa sanaa akka buqqa’an taasisuu isaa dubbatu Gaanfa Afrikaatti Daayireektarri Dhaabbata Humaan Raayits Wach kan ta’an Latishiyaa Baadar.

Odeeffannoo naannicha irraa argadhe jedheen dhaabbatichi, haleellaa humnoonni mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraa gaggeessan lammiilee nagaaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne kan qaqqabsiise yoo ta’u, qabeenyi heddu barbadaa’ee namoonni hedduun qe’eesaanii irraa buqaa’uuf dirqamaniiru.

Humnoonni mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraa kanaan dura yeroo magaalota Tigraay qabatanitti haleellan isaan raawwatanii turaniin, namoota amma magaala Shiree fi iddoowwan biroo keessa jiraniif yaaddoo keessa galcheera jedha ibsi dhaabbatichaa.

Gama biraan ammoo humnoonni Tigraayis yeroo ji’a Hagayyaa keessa waraanni yeroo eegalee kaasee naannoo Amaaraa keessatti lammiilee nagaa ajjeesuu fi magaala Qobboo keessatti qabeenya saamuu isaanii ibsa dhaabbanni Humaan Raayits Wach (HRW).

“Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, US, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaan Afrikaa miidhan akka hin qaqqabneef waamichi isaan taasisan qaamolee wal waraan irratti dhiibbaa baay’ee hin finne,” jedha ibsi dhaabbatichaa kun.

“Gamtaan Awurooppaa fi US addunyaa irratti mootummoota heddu irra qoqqobbii kaa’u, garuu kana Itoophiyaa irratti hin raawwanne.”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Waraanni Itoophiyaa, humnoonni naannoo fi humnoonni Tigraay yakka waraanaa qabatamaa ta’e raawwatanis US hanga ammaa Ertiraa qofaa irra qoqqobbii keesse,” jedha ibsi dhaabbata Hiyumaan Raayitis Wach.

Lammiilee nagaa rakkoo keessa jiran baraaruf US, Gamtaan Awurooppa fi Manni Maree Nageenyaa tarkaanfiwwan akka qoqqobbii fi dhorka meeshaalee waraanaa fudhachuu akka qabu dhaame dhaabbatichi.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'a Hagayyaa keessa irra deebin eegale hammaatee akkuma itti fufetti jira.

Qaamoleen wal-waraanan waraana dhaabanii mariin dhimma isaanii akka fixataniif hawaasni idil-addunyaa yeroo garaa garaatti waamicha taasisuu hin dhiifne. Haa ta'u garuu hanga ammaa qaamoleen wal waraanan waraanan waraana dhaabuf walii hin galle.

Humnoonni Tigraay waraanni akka dhaabbatuuf hawaasa idil-addunyaatif waamicha dhiyeessus, mootummaan Itoophiyaa buufataalee xayyaara fi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessa jiran to'achuun qaba jechuun haleellaa Ertiraa waliin ta'uun gaggeessu itti fufee jira.

Onkoloolessa 18, 2022 ammoo mootummaan magaalota naannoo Tigraay kanneen akka Shiree, Koramii fi Allaamaaxaa deebisee to'achuu beeksise.

Barreessaa Olanaan UN Antooniyoo Gutareez ibsa Onkoloolessa 17, 2022 kennaniin haalli Itoophihyaa keessa jiru sadarkaa yaaddessaa irra jiraachu fi waraanni hatattamaan akka dhaabbatu waamicha taasisan.