Itoophiyaan warqii shanaffaa dorgommii tarkaanfiin gonfatte

Madda suuraa, EAF
Itoophiyaan Taphoota Afrikaa biyya Gaanaa keessatti adeemsifamaa jiruun dorgommii tarkaanfiin har'a mo'atte dabalatee warqii shanaffaa gonfatteetti.
Dorgommii 20km kanaan Misgaanaa Waaqumaa yoo injifatu, fageenyuma wal fakkaataa dubartootaan Sintaayyehu Maasiree lammaffaa xumuruun meetii argatte.
Kanaanis, Itoophiyaa dorgommii hanga Sambataa itti fufuun meetii bishikileetiin argame dabalatee walumaagala medaaliyaa saddeetiin gahatteetti.
Kibxata galgala 800m dubartootaan Tsiggee Dhugumaa akkuma eegamte warqii biyyaaf argamsiisteetti.
Kunis torban muraasa keessa warqii lammataa injifattedha.
Torban lama dura Shaampiyoonaa Atileetiksii Manakeessaarratti fageenyuma kanaan yeroo jalqabaaf Itoophiyaaf warqii argamsiisteetti.
Gama kaaniin, dorgommii Gaanaatti itti fufeen 10,000m dhiiraaniis Itoophiyaaf qabxiin bareeda galmaa’eera.
Nibrat Malaakiifi Gammachuu Diidhaa morkii jabaa taasisuun warqiifi meetii argatan.
Keessumaa akkaataan dorgommii itti xumuran bara Qananiisaafi Hayilee fa'i kan yaadachiise ture.
Morkiiwwan Taphoota Afrikaa torban lama dura eegalan xumura torban kanaa xumuramu.
Atileetiksiin ala Itoophiyaan dorgommii bishkileetiin meetii argatteetti. Medaaliyaa kanas Kiyyaa Jamaal Rogooraatu galmeesse.
Magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatee kan guddate Kiyyaan dhihoo dorgommii bishikileetii Tuur Da Ruuwaandaarratti hirmaatee ture.
Kiyyaa waggaa lamaan dura qormaata seensa yunivarsitii fudhatee qabxii olaanaa Yunivarsitii Gondar isa galchu argatee ture.
Ta’us, barumsa dhiisee bishikileetii dorgomuu filachuu isaa BBC’tti himee ture.

Madda suuraa, EAF
Itoophiyaan hanga ammaa medaaliyaa saddeet argachuun kaleessa sadarkaa 18ffaa isa turterraa gara 10ffaatti foyyeessiteetti.
Itoophiyaan atileetiksiin ala darbannaa diskasii dabalatee hirmaatteetti.
Taphoonni Guutuu Afrikaa 13ffaa gosoota ispoortii 23’n dorgomtoota hirmaachisa.
Kanneen keessaa muraasni wal’aansoo, baadimeentan, buunyaa, kubbaa kaachoo, kirikeetii, kubbaa miilaa, kaaraatee, bishaan daakkii, teenisiifi goosota ispoortii kaanin dorgomama.












