Fiigicha 5000m'n atileetonni Itoophiyaa medaaliyaa sadanuu injifatan

Atileetota Itoophiyaa

Madda suuraa, Africa Athletics United / Facebook

Maxxanfame

Atileetonni Itoophiyaa Taphoota Afrikaa [African Games] adeemsifamaa jiruun fiigicha 5000m’n injifachuun medaaliyaa sadanuu fudhatan.

Madiinaa Iisaa, Birtukaan Mollaafi Malkinaat Wudduutu wal duraa duubaan seenee mo’ate.

Dorgommii biyya Gaanaa, magaalaa Akiiraatti adeemsifamaa jiru kanarratti Itoophiyaan warqii biraas argatteetti.

Fiigicha 3000m gufachiisaan Saamu’el Fireew atileetota Keeniyaa Amoos Sereem fi Simoon Kiproop of duuba aansee injifate.

Atileetonni Itoophiyaa kaan; Abirahaam Simeefi Milkeessaa Fiqaaduu afraffaafi shanaffaan xumuran.

Morkiiwwan Taphoota Afrikaa torban lama dura eegalan hanga xumura torban kanaatti jechuunis, hanga Sambataatti itti fufuun gaggeeffamu.

Atileetiksiin ala Itoophiyaan dorgommii bishkileetiin meetii argatteetti. Medaaliyaa kanas Kiyyaa Jamaal Rogooraatu argamsiise.

Magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatee kan guddate Kiyyaan dhihoo dorgommii bishikileetii Tuur Da Ruuwaandaarratti hirmaatee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiyyaa waggaa lamaan dura qormaata seensa yunivarsitii fudhatee qabxii olaanaa Yunivarsitii Gondar isa galchu argatee ture.

Ta’us, barumsa dhiisee bishikileetii dorgomuu filachuu isaa BBC’tti himee ture.

Akkaatuma kanaan Itoophiyaan hanga ammaa medaaliyaa shan argachuun sadarkaa 18ffaarra teesseetti.

Waldorgommii gosoota ispoortii adda addaan adeemsifamaa jiru kana Masriitu medaaliyaa 158’n dursaa jira. Naayijeeriyaafi Afrikaan Kibbaa itti aanu.

Itoophiyaan atileetiksiin ala darbannaa diskasii dabalatee hirmaatteetti.

Guyyoota itti aanan dorgommii 800m atileet Tsiggee Dhugumaa irratti hirmaattu dabalatee dorgommiiwwan kaan Itoophiyaan medaaliyaa itti eegdu ni eegamu.

Tsiggeen dhihoo Shaampiyoonaa Atileetiksii Manakeessaa magaalaa Gilaasgootti dorgomame injifachuun warqii argattee turte.

Taphoonni Guutuu Afrikaa gosoota ispoortii 23’n dorgomtoota hirmaachisa.

Kanneen keessaa muraasni wal’aansoo, baadimeentan, buunyaa, kubbaa kaachoo, kirikeetii, kubbaa miilaa, kaaraatee, bishaan daakkii, teenisiifi goosota ispoortii kaanin dorgomama.