Manni murtii itti aantuu pirezidaantii Arjentiinaatti hidhaa waggaa jahaa mure

Kiristiinaa Fernaandez

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Manni Murtii Arjentiinaa pirezidaantii itti aantuu biyyattii malaammaltummaan himataman Kiristiinaa Fernaandez irratti hidhaa wagga jahaa murteesse. 

Fernaandez dubartii ganna 69 yoo tahan, ‘’yakka bulchiinsa burjaajjessuu’’ jedhuun himataman.

Kunis kontiraata hojii uummataa hiriyyaa isaaniif kennuudhaani.

Haa tahu malee, adabbii hidhaa irratti darbe kana mana hidhaa seenanii waan hidhaman miti.

Sababa hojii fi aangoo isaanii irraa kan ka’e mirga himatamuu dhabuu waan qabaniif ol iyyannoo yeroo dheeraa fudhatu akka dhiyeeffatan eegama.

Umurii guutuu hojii mootummaa kaan irraa kan dhorkaman yoo tahu, hamma adeemsi ol iyyannichaa xumuramutti garuu aangoo itti aantuu pirezidaantummaa irra jiraniin itti fufu.

Abbootiin alangaa hidhaa qondaalli kun waggaa 12 akka adabaman barbaadu.

Fernaandez himanni irratti dhiyaate kun fedhii siyaasaa irraa kan maddedha malee yakka hin qabu jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga murteen kun irratti darbees miidhamtuu ‘’murtee maafiyaa’’ [judicial mafia] tahuu isaanii dubbachuu AP’n gabaaseera.

 Murtee kana dursuun abbootii alangaa himata sobaa fi raga sobaa irratti dhiyeessuun himaniiru.

Seenaa Arjentiinaa keessatti itti aanaan pirezidaantii aangoo irra osoo jiruu malaammaltummaan yoo himatamu kun kan jalqabaati.

Abbootiin alangaa Fernaandez yeroo pirezidaantiiArjentiinaa tahuun hojjetaa turan bara 2007 hanga 2015tti michummaa seera maleessa tahe uumaniiru jedhan.

Matta’aa fudhachuudhaan kontiraata hojii uummataa hiriyyaa isaaniif akka kennamu godhaniiru jedhan.

Abbaan qabeenyaa kaampaanii ijaarsaa, nama malaammaltummaa Kanaan faayidaa argataniiru jedhaman Lazaaroo Baa’ez, hidhaa waggaa jahaan akka adabaman murtaa’eera.

Daddabarsa maallaqaan himatamuun bara darbes hidhaan waggaa 12 irratti darbeera.

 Namootni torba gara biraas waliin himatamanii hidhaan wagga sadii fi walakkaa hanga jahaa gahu itti murameera.

Sadii ammo bilisaan gadhiifamuun tokko ammoo himanni isaa adda citeera.

Abbaan alangaa himaticha dhiyeessan Diyeegoo Luusiyaanoo, ‘’oppireeshinii malaammaltummaa isa guddaa biyyattii keessatti beekamu’’ jedhan.

Pirojektiiwwan mootummaa hedduun jalqabaman hin xumuramne.

Malaammaltummaan kun mootummaan yoo xiqqaate doolaara biliyoona tokko akka dhabu taasiseera jedhan.

Fernaandez ammoo himata irratti dhiyaate kana hundaa haalan.

Fernaandez anama siyaasaa jaalatamtuu yoo taatu, deeggartootni ishee hedduun naannoo mana jireenyaa ishee deemuun deeggarsa isaanii agarsiisaniiru.

Garuu mormitootni ishees daandiitti bahanii mormii dhageessisaa turan.

Fulbaana 1 bara 2022 namni tokko meeshaa waraanaa baafachuuf yaalii ajjeechaa yeroo irratti raawwate to’annoo jala ooleera.