Taatoon beekamaan Kanaadaa haadhasaa ajjeese hidhaa umurii guutuun adabame

Madda suuraa, Reuters
Taatoon beekamaan Kanaadaa Ryan Grantham haadhasaa ajjeesuudhaan himatamee hidhaan umrii guutuu itti murtaa'e.
Haadhasaa Barbaraa waayit jedhamtu waggaa lama dura ajjeesuu manni murtee ibseera.
Dargaggeessi umrii waggaa 24 kun diraamaa ijoollee ol-adeemtotaaf walitti fufiinsaan dhihaatu kan maqaa 'Riivardeel' jedhamuun beekamu irratti taatoo Joofrii Oogastiin jedhamuun hojjetaa ture.
Adabbii kana kan murteesse mana murtii Biritish Kolombiyaa kan magaalaa Vaankuvar keessatti argamu yoo ta'u, murtee kan darbes Roobii darbe ture.
Taatoon kun haadhasaa ajjeesuu amaneera. Namni kun Ministira Muummee Kanaadaa Jastin Tiruudoo ajjeesuufis yaalaa akka ture abbaan alangaa ibse.
Haatisaa mana jireenyaashee Vaankuver keessatti argamutti osoo piyaanoo taphattuu duubaan itti dhukaasee ajjeesuu namni kun amaneera.
''Duubaan itti dhukaaseen mataashee rukute. Kan dhukaase ana akka ta'e beektee turte,'' jechuun bilbilasaarratti viidiyoodhaan waraabeera taatoon kun.
Erga haadhasaa ajjeesee booda biiraa hedduu dhugee, qoricha sammuu hadoochu fudhatee akkasumas shugguxii sadi, wantoota dhuka'an kan manatti hojjete, waan bosona keessa turuuf isa barbaachisuu fi kaartaa gara mana jireenyaa Jastin Tiruudootti geessu konkolaataasaa keessatti qabatee argameera.
Haata'u malee manasaarraa xiqqooma akka imaleen- naannoo kiilomeetira 200 akka konkolaachiseen ofirraa deebi'ee waajjira poolisii Vaankuver deemee ''haadhakoo ajjeeseera,'' jechuun harka kennate.
Harka kennachuun dura gara Laayasin geet biriij yookiin ammoo gara Yuuniversitii Saayiman Firaasar deemee ajjeechaa jumlaa raawwachuuf akka tures poolisiitti himeera.
Yuuniversitiin Saayiman Firaasar iddoo taatoon kun duraan itti barateedha.
Ijoollummaasaarraa kaasee taatummaan kan beekamu Ryan Grathman bara 2019 ''Riivardeel'' irratti hojjetaa ture, fiilmii walitti fufiinsaan dhiyaatu ''Supernatural" fi ''Diary of a Wimpy Kid'' jedhaman irrattis hirmaateera.












