'Walitti bu’insa daangaa Naannoo Oromiyaafi Somaaleen buqqaatonni jaha ajjeefaman' - KMNI

Maxxanfame

Humnoota nageenyaa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti walitti bu'insa dhalateen lubbuun namootaa darbeefi miidhaa qaamaa qaqqabeen yaadda'uu Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Oromiyaa beeksise.

Daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleettii iddoo argamtu Baabbileetti A.L.I Fulbaana 07, 2016tti humnoota nageenyaa naannoolee lamaan gidduutti walitti bu'insa uumameen buqqaattonni biyya keessaa achi buufatanfi jiraattota irratti miidhaan qaqqabuu koomisninichi beeksiseera.

Walitti bu'insa humnoota naannolee gidduutti uumameen buufata buqqaatotaa biyya keessaa Qolojjii keessa namoonni jiraatan, ''yoo xiqqaate ja'a ajjeefamaniiru akkasumas namoonni baayyeen immoo madaa'aniiru,'' jechuun namooti nagaa naannichaa biroos lubbuun darbuufi miidhaan qaamaa qaqqabuu koomishinichi ibseera.

Miidiyaaleen biyya keessaa namoonni lubbuun darbe ''kudhanii ol tahuu'' gabaasaa turan.

Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti koomishinara itti-aantuu kan tahan Raakeeb Mallasa walitti bu'insa kanaan namoonni kana dura qe'ee isaaniirra buqqa'anii waggootaaf buufata buqqaatotaa keessa haala rakkisaa tahe keessa turan ''buqqaatonni biyya keessaa du'aafi miidhama qaamaaf saxilamun isaanii yaaddessaa dha,'' jedhaniru.

Walitti bu'insa torban lama dura qaqqabe kana koomishinichi miidhamtoota, hojjettoota buufata buqqaatotaa Qolojii, ogeessota fayyaafi humnoota nageenyaa dubbisuun odeeffannoo argachuu himeera.

Daangaa naannolee kanaatti waan mudate ilaachisee mootummaan federaalaas tahee kan naannolee lamaanii hamma yoonaa waan jedhan hin jiru.

Koomishinichi walitti bu'insa kana ilaalchisuun ibsa Fulbaana 21, 2016 A.L.Itti baaseen walitti bu'insichi kara nagaan akka hiikamu waamicha dhiyeesseera.

Dabalataan naannoleen walitti bu'insa kanaaf xiyyeeffannoo kennuun hojii jiraattotaafi buqqaatotaaf furmaata waaraa kennuuf akka hojjetan, miidhamtoonni akka beenyaa argatan akkasumas waan irraa eegamu gochuurraa hanqachuun humnoonni namoota nagaa irratti miidhaan akka qaqqabu taasisan irratti qorannoon taasifamee itti gaafatamumaan kennamuu qaba jedheera.

Haa tahu malee koomishinichi walitti bu'insa lubbuu namoota nagaa galaafate kanaaf sababiin maal akka ture hin ibsine.

Koonishinariin itti-aantuu koomishinichaa Raakeeb humnooti nageenyaa yeroo walitti bu'insi uumamutti namoota nagaa irratti miidhaan akka hin qaqqabneef eegumsa gochuu qabu ture jedhan.

Daangaa Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti yeroo garagaraatti walitti bu'insi kan mudatu yoo tahu, jiraattotaan dabalataan humnooti nageenyaa harka keessaa qabaachuu gabaafamaa tureera.

Waggaa shaniin dura daangaa naannolee lamaantti walitti bu'nsa uumamee tureen namoonni kumaa dhbbaan lakkaa'aman buqqa'anii rakkoon namoomaa olaanaa mudatee ture.