Morkii Iran fi Iran: Tapha jalqabaa Waancaa Addunyaa Iraan UStti taphatte maaltu mudate?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Tikeetii irratti, tartiiba taphaa keessatti taphi kun Iraan fi Niwu Ziilaand waliin, dirreen ala akkasumas teessoo daawwattootaa irratti garuu falmii Iraanota gidduutti taasifamu ture.

Qondaalonni garee kubbaa miillaa Iraan kubbaan miillaa uummatoota gidduutti tokkummaa kan cimsu ta'uu akka qabu irra deddeebiin ibsaa turan.

Garuu wayita gareen Iraan Waancaa Addunyaa kanarratti tapha gulantaa taphatu miirri mullate waan tokkummaa calaqqisiisu miti.

Istaadiyeemii Loos Anjalasiin ala miirri ture gara siyaasaatti geeddarameera.

Kumaatamni alaabaa Iraan mirmirsu. Alaabaa mirimirfaman keessaa bal'inaan kan mul'atu alaabaa bara warraaqsaa dura ture, kan Leencaa fi Biiftuu ofirraa qabudha.

Kanneen lammummaa Iraan fi Ameerikaa qaban hedduuf alaabaan kun mallattoo diddaa bulchiinsa Iraan amma aangoorra jiruuti.

FIFAn alaabaan kun mallattoo siyaasaati jechuun staadiyeemii keessa akka hin seenne dhorkeera.

Garuu dhorkaan kaa'mus dirree keessattis mula'teera, uffata ykn qomee irrattis tolfatanii kan galan jiru.

Dhibbaan kan lakkaa'aman istaadiyemiin alatti hiriira mormii gaggeessaniiru.

Murtee FIFA irratti akkasumas gareen biyyaalessaa uummata Iraan caalaa Rippaabilika Islaamaa kan bakka bu'eedha jechuun mormii dhiheessan.

''Gareen Mullaa garee kiyya miti,'' dhaadannoo jedhu dhageessise namni hiriira irra ture tokko.

Namni biraa ammoo ''Iraan keessatti jijjiramni mootummaa haa dhufu,'' jedhe.

Akkasumatti gara faaruu alaabaa bara warraaqsaa dura ture faarfachuutti seenan.

Sagaleen weelluu fi faaruu alaabaa kun miira dirree keessaa faaruu gootummaa kubbaa miillaa daran geeddare.

''Kanan as dhufeef Iraan deeggaruuf malee mootummaa tumsuuf miti''

Dirree kubbaa miillaan alatti dhaadannoon mormii mootummaa fi garee kubbaa miillaa Iraan dhagahamaa ture.

Istaadiyemii keessatti taphattootaaf deeggarsa taasifamutu mul'ata.

Wayita Iraan osoo Niwu Ziilaand goolii 2 fi 0 dhaan dursituu duubaa kaatee gooli lama walqixa xumurtu deeggartoonni Istaadiyeemii keessa turan weedduu fi ililleen gammachuusaanii ibsan, taphattoota jajjabeessan.

Bakka daawwattoonni taa'anirraa alaabaan Iraan ni mul'ata. Fageenyarraa yoo ilaallu waan walfakkaatan fakkaatu, garuu wayita itti dhihaatanii ilaalan adda adda.

Kaansaanii alaabaa mootummaa Rippaablika Islaamaa Iraan qabatu. Kaan alaabaa duraanii kan Leencaa fi Biiftuu ofirraa qabu qabatu.

Garuu hunduu halluu alaabaa Iraan qabu.

Taphattoota Iraan kanatu isaan mudate- walfalmii Iraan fi Iraan.

Lammummaa Iraan fi Ameerikaa kan qabduu fi waggoota kudhaniif US kan jiraatte Samaneh ''haalli jiru akkaan walxaxaadha. Kanan as jiru Iraan deeggaruuf malee mootummaa Iraan deeggaruuf miti,'' jette.

Biyyashee baayyee yaaduu kan ibsite dubartiin kun, wayita faaruun alaabaa Iraan faarfatamu akka imimmaan buustee boosse ibsite.

''Abbaan kiyya as jira, haati kiyya garuu sababa dhorkaa Pirezidant Tiraamp kaa'eef gara US imaluu hin dandeenye, Iraan keessatti danqamtee hafte. Yeroo hunda waa'eenshee na yaaddessa. Gara Iraan deemee ishee daawwachuuf ammoo nan sodaadhe,'' jette.

Hanga taphichi xumuramutti walfalmiin jiru ifatti mul'ataa ture.

Wayita Niwu Ziilaand goolii jalqabaa galchuun dursuu eegaltu Iraanonni mormitoota mootummaa ta'an alaabaa Leencaa fi Biiftuu ofirraa qabu olkaasuun gammachuu ibsatan.

Istaadiyeemiin alatti siyaasatu kubbaa miillaa caalaa xiyyeeffannaa argate.

Kanneen hiriira mormii ba'an keessaa kan ta'e Niinii waliigaltee waraana dhaabuu US fi Iraan gidduutti irra ga'ame irratti wayita yaada kennu ''waliigaltee miti kan nuti barbaannu,'' jedhe.

''Uummata Iraan jijjiirama sirnaatu malaaf. Daandii magaalaa Tehraan irratti uummanni qalamaa jira.''

Uffata ykn qomee suuraa Leencaa fi Biiftuu ofirraa qabu kan uffata namni Farima jedhamu ammoo ''waan Amajjiirraa eegalee mudate kubbaa miillaan dagachuu hin dandeeyu, gareen kun mootummaa Iraan malee uummata Iraan bakka hin bu'u, '' jedhe.

Taphattoonni Iraan haala kanaan ibsamuutti mufataniiru, akka maqa balleessiitti fudhatan.

Tapha dura jifataan garee taphattoota Iraan Mahdii Taremi taphattoonisaanii biyya keessattis biyya alaattis uummata Iraan hunda bakka bu'uun taphatu jedhe.

Siyaasa kamuu keessaa qooda akka hin qabne ibse.

Deeggartoonni gariin yaada kana qabatanii gara istaadiyemii seenan.

Biyya inni keessatti kooluugale, Ameerikaa, fi biyya dhalootasaa, Iraan, gidduutti mudaamni cimus, lammiin Iraan fi Ameerikaa Musxafaa jedhamu kubbaan miillaa uummata tokkoomsuu qaba jedhee akka amanu dubbate.

''Kubbaan miillaa waa'ee hiriyummaati, waa'ee walitti hidhamiinsa aadaati. Siyaasa itti makuun hin ta'u,'' jedhe wayita gara istaadiyemii seenaa ture.

Puurmand Saan Diyeegoo irraa ka'ee Meeksikoo iddoo leenjii garee biyyaalessaa Iraan Tijuwaanaa jedhamutti imale.

Dorgommii Waancaa Addunyaa duraan turan lameen- kan Raashiyaa fi Qataar qopheessan irratti argamee daawwateera.

Qaamnisaa hundi uffannaa halluu alaabaa Iraaniin kan faayame namni kun, taphattoonni siyaasa keessaa hin qaban yaada jedhu kenne.

''Taphattoonni kunneen uummata Iraan bakka bu'anii waltajjii addunyaarratti dhihaatan. As ga'anii akkamiin akka as ga'uun danda'amuu fi ga'umsa qaban mul'isan. Hariiroo obbolummaa fi duudhaa dhala namaa agarsiisan,'' jechuun garee kana saade.

Lammummaa Ameerikaa fi Iraan kan qabdu Elikaan, dhimma kana wayita yaaddu keessishee akka gubatu dubbatte.

Waggootaaf garee kubbaa miillaa, mootummaa biyya bulchurraa adda baastee ilaaluuf yaaluu himte.

Abbaanshee bara 2020 du'uu kan kaaste dubartiin kun, wayita inni lubbuun jiru tapha dorgommii Waancaa Addunyaa waliin daawwachaa akka turan ibsite.

Hiriira mormii kana durallee hirmaannaan Waancaa Addunyaa Iraan siyaasatti geeddaramee ture.

Bulchiinsi Tiraamp wayita US seenuu dhorku iddoo silaa qubachuu qaban dhiisanii Arizona irraa gara Meeksikoo, Tijuwaan godaanan.

Kana jechuun taphattoonni kunneen Meeksikoo keessa jiraataa US deemanii taphatanii ba'an jechuudha.

Waraana dhaabuu ilaalchisee walhubannoon US fi Iraan amma irra ga'uu ibsan muddama hamaaf yaadda'uu hambiseera, garuu ammallee dhiphinni hin gafne.

Taphattoonni Iraan haala kana hunda keessatti kubbaa qofarratti xiyyeeffatanii taphachuun mataansaa ciminasaanii mul'isa.

Istaadiyemii sanaa ala waan jiru namni arge, kubbaa miillaa fi siyaasa adda baasuuf ni rakkata.

Gareen kubbaa miillaa Iraan tapha taphatan hundarratti miira uummata Iraan tokkoomsu mul'isuu barbaadu.

Garuu tapha isaanii jalqabaa kanarratti wanti mul'ate Iraanonni ammallee hagam qoqqoodamanii akka jiran agarsiisa.