Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkina bishaanii dubartoota hedduu duubatti deebisaa jiru
Biyyoota baay’ee keessatti dubartoonniifi shamarran adda durummaan bishaan waraabuuf itti gaafatamummaa qabu. Kanneen bishaan barbaacha daandii dheeraa imalanis qodaan bishaan itti baatan, jarikaannii ykn ubboon sa'aatiiwwaniif dugdarra tura.
Keessattuu Indiyaatti barbaachisummaan bishaan dhugaatii dubartoota duubatti deebisee guddina dinagdee gufachiisaa jira jedhu ogeeyyiin.
''Tokkoffaa, dubartoonni hojii manaa hunda hojjechuu waan qabaniif hojii kaffaltii qabu fudhachuu hin danda'an. Lammaffaa, hojii manaa erga hojjetaniin booda, hojii biraa argachuu yoo barbaadanis, baadiyyaa Indiyaa keessatti hojiin dubartootaaf kaffaltii kennitu gahaa miti," jedhu Yunivarsiitii Ashokaa Delhiitti kutaa dinagdee kan hoogganan Prof Ashuwinii Deeshpandee.
Gatiin hojii dubartoonni kaffaltii malee hojjetanii dinagdee Indiyaa keessatti guddaadha.
Dhaabbanni miti mootummaa Misooma Idil-addunyaa jedhamu akka tilmaametti dubartoonni Indiyaa waggaatti guyyoota hojii miiliyoona 150 bishaan fiduuf dabarsu.
Dubartoonni yeroo kana hojii kaffaltii qabu irratti dabarsuu yoo danda’an maallaqaan of danda’uu akka danda’an ogeessonni ni dubbatu, kunis dinagdee biyyattii guddisuu danda’a.
Mootummaan Indiyaa bu’uuraalee bishaanii guutuu biyyattiitti fooyyessuuf yeroo hunda hojjechaa akka jiru dubbata.
Amajjii bara 2024tti manneen baadiyyaa dhibbeentaa 74’f bishaan ujummoo akka galchan ibseera.
“Boombaa bannaan bishaan keessaa ya’an… abjuu natti fakkaate… umuriikoo waggaa shan irraa kaasee bishaan alaa waraabaa ture,'' jetti Mangaal Kaadikee.
Garuu ammallee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman bishaan bombaa argachaa jin jiran.
Ganda Aakii giddu galeessa Hindiyaa kutaa Amaravaatii keessatti, itti gaafatamtuun gandicha Indirayaani Javarkaar guyyaa ishee harka caalu bishaan barbaaduu fi waraabuun dabarsiti.
“Asitti ganni baay’ee goggogaa waan ta’eef guyyaa hunda yaada tokkoon hirribaa ka’a: har’a bishaan eessaa argadha kan jedhu” jetti.
Indirayaaniin hojii lama qabdi: tokkoffaa maatii isheef bishaan barbaaduufi waraabuu, lammaffaa immoo ganda isheef taankeroota bishaanii qindeessuu.
"Hojiin lamaanuu guyyaa guyyaan ulfaataa dhufeera," jetti.
Burbaaden bishaan bombaa argachuun isheef ammallee abjuu fagoo ta'uu dubbatti.
“Dubartoonni ofii isaanii yeroo daa'imman ta'anitti jalqabu. Baaldi xiqqoo itti kennanii, waan baachuu dandeessan fidaa jedhaniin. Sana booda hanga duututti bishaan waraandi," jetti.
Burbaaden waggaa guutuu mataa ishee irratti qodaa qabattee kiiloo meetira hedduu deemuun bishaan waraabdi.
Gaafa tokkollee boqotee hin beektu. Bishaan fiduu irraa haftee yeroo boqonnaa yoo qabaatte maal goota jennee gaafanne.
Cimsitee yaaddee sirbuu akka jaallattu dubbatti. Garuu sirboonni ishees waa'ee bishaanii dubbatu.
"Radu nako bala mi pannyala jate," jettee nuuf sirbiti. Hiikni isaas: "Mucaakoo hin boo'in bishaan fiduuf deema," jechuudha.