Gatiin boba’aa akka dabalu ykn hir’atu wanti taasisu maal? Eenyu murteessa?

Madda suuraa, Getty Images
Bara darbe baatii Ebla keessa biyyoonni addunyaa boba’aa adda durummaan biyya alaatti ergan kora taa’anii ture.
Ajandaan mariisaaniis gatii jikkita boba’aa irratti hir’achuu akka qabaaturratti kan xiyyeeffate ture.
Gatiin boba’aa yeroo ammaa kan baroota saddeettan darbaniin hunda kan caaluudha.
Biyyoonni boba’aa biyya alaatii galchuun fayyadamanis, biyyoonni boba’aa oomishuun alatti ergan (Opec+) akka omishasaanii dabalaniif kadhataniiru.
Haata’u malee, biyyoonni boba’aa omishan gurguddoonni kadhannaa kanaaf kan gurra kennan hin fakkaatan.
Siriiyyuu hanga boba’aa guyyaan oomishamuu barmeelii miiliyoona lamaan hir’isuuf waliigalan.
Raashiyaa dabalate miseensoonni biyyoonni boba’aa oomishanii gatii boba’aa dabaluuf tarkaanfii fudhataa jiru.
Bara darbe keessa gatii boba’aa hanga tokko kan hir’atee ture yoo ta’u, Raashiyaan Yukireen weeraruun wal qabatee gatiin ol ka’e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaa addunyaa irratti boba’aan hin qulqulloofne meeqaan haa gurguramu jedhanii murteessuuf marii gaggeessu.
Biyyoota marii kana keessatti argaman keessaa 13 Baha Giddu-galeessaafi Afriikaatti argamu.
Opec+ dura wayita bara 1960mota keessaa Opec hundeeffamu, kaayyoonsaa gabaa boba’aa addunyaa karaa qabachiisuuf ture. Har’a garuu boba’aan addunyaa parsantaan 30 kan oomishamu biyyoota miseensa Opec kenneeniin.
Sawud Arabiyaan guyyaatti boba’aa barmeelii miiliyoona 10 oomishuudhaan dursaa jirti. Bara 2016tti gatiin jikkita boba’aa addunyaarratti baayyee gadi bu’ee ture.
Yeroo kanattis Opec biyyoota boba’aa oomishan kan biraa 10 waliin walitti makamuun Opec+ kan hundeesse.
Miseensoonni waldaa kanaatiis boba’aa hin qulqulloofne addunyaa harka 40 oomishu.
Insititiyuutii Annisaa keessa kan hojjattu Keetii Dowuuriin ‘‘Opec+ gabaa tasgabbeessuuf jecha fedhiifi dhiyeessitii wal simsiisa’’ jetti.
‘‘Fedhiin boba’aa yoo gadi bu’uu, dhiyeessitiin boba’aa akka hir’atu taasifamuun gatiin dabalama’’ jechuun ibsiti.
Oomisha boba’aa baayyee dhiyeessuun gatii gadi buusuun akka danda’amus ni kaafti.
Oomishni boba’aa maaliif akka hir’atu murtaa’e?
Miseensoonni waldaa omishitoota boba’aa wagga lamaan dura Ostiriyaa Veenaa keessatti wal arguun, Hagayya darbe irraa kaasee hanga boba’aa guyyaatti omishamuu barmeeliin miiliyoona lamaan akka hir’atuuf walii galan. Kanaanis omishni guyyaasaanii barmeela miiliyoona 42 gadi akka ta’u murteessan.
Murteen kunis Onkoolooleessaa bara 2022 kana irraa qabee hojiirra oola. Kanaanis hanga boba’aa hir’ifamuu waliigalatti omisha boba’aa harka lama kan qabatu yoo ta’u, kan eegamuun oliidhas jedhameera.
Kunis miseensoonni omishitoota boba’aa erg abara 2020 asiitti hir’isa omisha boba’aa irratti taasisan isa olaanaadha jedhameera.
Yeroo weerarri koronaa mudatee tureetti biyyoonni miseensoota walaa omishitooti boba’aa hirisni taasisan isa olaanaa ture jedhameera.
Yeroo sanattis oomisha boba’aa guyyaatti barmeela miiliyoona sagalii ola hir’isuuf murteessanii ture.
Murteen sunis kan dabarfame gatii boba’aa dabaluuf ture. Yeroo sanatti gatii boba’aa kan irra ture doolaara 122 irraa gara doolaara 90 gadi bu’ee ture.
Oomisha boba’aa hirisuuf murteen yoo dabarfamu gatiin isaa ni dabala. Yoo gatiin boba’aa dabalu ammoo addunyaa guutuu irratti qaala’iinsa uuma.
Ameerikaan waldaa omishitoota boba’aa akka omisha hin hir’ifneef gaafattee jirti. Gatiin boba’aa gadaanaa yoo ta’e galiin Raashiyaan argattus ni hir’ata jechuudha.
Waayit Hawus murtee waldaa biyyoota omishitoota boba’aa kanas ‘‘murtee haalaa yeroo dheeraa xiyyeeffannaa keessa hin galchine’’ jechuun qeeqe.
Hagayya darbe pirezidantiin Ameerikaa gara Sawud Arabiyaatti imaluun ilma mootii Mohaammad Biin Saalmaan waliin dhiyeessitiin omisha boba’aa akka dabaluuf gaafatanii ture.
Haata’u malee, gaaffiin isaanii kun fudhatama hin arganne.
Haaluma walfakkaatuun Ministirri Mummee duraanii Yunaayitid Kingdam Booriis Joonsanis Sawud Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireets omisha boba’aa akka dabalaniif gaaffii dhiyeessanilleen hin milkoofneef.
Gatiin boba’aa maaliif dabale?
Waggaa laman dura wayita kooviidi mudatetti biyyoonnis karrasaanii wayita cufataniitti, jikiti boba’aa kan bitu dhabuun gatiinsaa garmalee gadi bu’ee ture.
‘‘Omishitoonni boba’aa omisha saanii gurgurachuuf warra bitaniif maallaqa kennaa turan. Omishtoonnis bakka omish itti kuusan dhabanii ture’’ jetti Keetii Dowuriin kan Insititiyutii Annisaa keessaa hojjttu.
Waldaan biyyoota boba’aa omishaniif hanga boba’aa guyyaatti omishamuu barmeela miiliyoona kudhaniin hir’isuuf kan murteessanis gatii kana ol kaasuuf ture.
Isaan boodas fedhiin boba’aa wal jalaan dabalaa waan adeemeef suuta suutaan omisha dabalaa dhufan.
Raashiyaan wayita Yukireen weerartetti ammoo agtiin jikita boba’aa barmeelaatti doolaara 100 ta’e.
Qoqqobbaawwan idil-adunyaa Raashiyaa irra kaa’ame ammoo omisha boba’aa irratti dhiibbaa taasisa jedhamuun yaadda’amaa jira.
Gatiin boba’aa gadi bu’aa jiru akka ka’uuf waldaan biyyoota omishitoota boba’aa omishasaanii hir’isuuf murteessuun dhagahameera.
Raashiyaafi oomisha bobbaashee
Jikkiti boba’aa Raashiyaa barmeeliidhaan yeroon itti doolaara 30 olitti gurgurame hin turre. Dhuma Fulbaanaatti doolaara 20tti gadi bu’ee ture.
Biyyoota lixaa Raashiyaa irra qoqophhii kaa’an waliin kan walii hin taane Indiyaa fi Chaayinaan ammaan tanas oomisha boba’aa Raashiyaa gara wallaakkaa ta’u bitaa jiru.
Kanaanis Raashiyaan biyya Chaayinaaf boba’aa olaanaa dhiyeessitu taatee jirti. Kanaan dura Chaayinaan irra jiraa boba’aa Saawud Arabiyaa irraa bitaa turte.
Bitooteessa keessa Chaayinaa fi Indiyaan hangi boba’aa Raashiyaa irraa bitan, kan biyyoota miseensoota Gamtaa Awuroopaa 27 ol caalaa.
Kanaanis baatii Onkolaaleessaattis, Gamtaan Awurooppaa oomisha jikkita boba’aa Raashiyaa irratti qoqophaa kaa’uuf karoorfateera.












