Ajjeechaa Joorji Filooyidiin poolisoonni duraanii lama hafan hidhaan adabaman

Madda suuraa, FILE PHOTO VIA REUTERS
Poolisoonni duraanii Minayaappolis lama Joorji Filooyid yeroo to'annoo jala oole gargaarsa godhan himata mirga siivilii federaalaa jalatti himatamuun adabbiin irratti darbe.
Namni J Aleeksaander Ku'engi fi Too Taayoo jedhaman ji'a Guraandhalaa keessa mirga siivilii nama gurraacha hidhannaa hin qabnee sarbuun himataman.
Poolisoonni duraanii kunneen kunuunsa gochuu fi ykn ammoo gidduugaluu dhabuu isaaniin himatamaniiru.
Ku'eengi hidhaa waggoota sadiin yoo adabamu, Taayoon ammoo hidhaa ji'oota 42 tahu irratti darbe.
Ajjeechaan Joorji Filooyid nama daandiirra tureen waraabame akka adunyaatti fincila kaaseera.
Daqiiqota sagal tahaniif poolisiin Deerik Chuuvan jedhamu morma Joorji Filooyid irra jilbeenfachuun yoo turu, Ku'eengi ammoo miila isaa qabeeraaf. Taayon ammoo namootni daandii irraa mormaa turan akka irraa hin qabne ittisaa ture.
Deerik Chuuvan yakka ajjeechaan ji'a Waxabajjii keessa adabbiin irratti muramuun mana hidhaa keessa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisoonni bakkicha turan Taayoo ganna 36, Ku'engi 28 fi poolisii sadaffaan Toomaas K Leen ganna 39 tahe, ''tahe jedhanii deeggarsa yaalaa [J Filooyid] akka hin arganne godhaniiru'' jedhamuun himatamaniiru. Leen torban darbe waggaa lamaa fi walakkaan akka adabamu irratti murtaa'e. Leen si'a lama poolisii morma Filooyid irra jilbeenfate Chuuvan gara cinaatti akka naanna'uu fi afuura baafachuu akka danda'u yeroo gaafatu dhagahama. Poolisoonni lameen Ku'engii fi Taayoon yeroo murtiin isaan irratti darbu homaa hin dubbanne. Garuu Taayoon yeroo hidhaan irratti darbe ''lammaffaa dhalachuun qaba ture'' jedhee dubbate. ''Yeroon gara mana hidhaa sanatti deemaa ture macaafa Qulqulluu fuudheen abaarsa kana hundaaf deebiin isaa maal akka tahe barbaadaan ture. Garuu hin arganne'' jedhe. Jaalalleen Filooyid guyyaa sana homaa diddaa hin agarsiifne ture. Calliseema sodaatee ture jette. Taayoon gara mana hidhaa yeroo deemus ''atis mana hidhaa dhiphoo sana keessatti yeroo sodaan sitti dhagahamu, Filooyiditti maaltu akka dhagahamaa ture yaadadhu,'' jette.












