Barressituun beekamtuu gaa’eelashee hiikuuf BBC gargaarsa gaaffatte

Madda suuraa, Getty Images
Artistoonni yeroo hedduu gaaffiifi deebii irratti waa’ee jireenya jaalalaa isaanii haasa’uu hin fedhan.
Barreessituun beekamtuu Eemilii St Joon Maandel garuu waa’ee jireenya ga’eelaa ishee baayyee haasa’uu barbaaddi.
Dhuma torban darbee irratti, Emiliin miidiyaa hawaassummaa irratti odeeffannoon waa’ee ga’eela ishee fuula marsariitii Wikipedia irra kaa’amee jiru akka sirreessamuuf gargaarsa gaafatteetti.
Marsariitiin fayyadamtootaan sirreeffamuu danda’u akka isheen heerumtee jirtuu hima, ta’us garuu isheen abbaa warraa ishee waliin Sadaasa keessa wal hiikteetti.
Ta’us garuu yeroo barreessituun lammii Kanaadaa kun odeeffannoo ga’eela ishee kana marsariiticha irratti sirreefachuuf yemmuu yaaltu, gufuun ihee mudateera.
“Edaa Wikipedia’n waa’ee jireenya ofiikeetii ogeettii akka hin taane yaada. Maddi lammaaffaan si barbaachisa,” jechuun BBC’tti himteetti.
Gaffiifi deebiin yeroo hedduu akka sagantaa miidiyichaatti gaggeeffama.
Kanaafidha isheenis midiyaa hawaasummaa irratti barreessuun, gaazexeessitoonni wa’ee dhimma gaa’elaashee irratti gaaffiifi deebii ni gaafatu jettee kan eegde.
BBC’n fi miidiyaan Slate ishee gargaaruuf gammadoo turan.
Amma, fuula Wikipedia ishee irratti wanti hundi sirraa’eera.
Bara 2012tti barreeaan Filiip Root haala wal fakkataan, waa’ee seenaa dhugaa kitaaba isaaf bu’ura ta’e irratti odeeffannoon dogoggoraa waan tureef, xalayaa banaa Wikipedia’f barreessuun miidiyaan New Yorker maxxanseera.
Eemiliin akkuma kitaabota ishee kaanii kan jireenya dhuunfaa ishee irratti barreesituutti, mudannoon kunis tarii kitaabatti jjjiramuu danda’a.
Kana duras kitaaba ishee Station Eleven jedhamu keessatti taatoo tokko mudaannoo jireenyaa addaa tokko itrratti barreesssite.















