Wal dhabdee hariiroo soddootaa gidduu jiru hammeessan maal?

Hariiroon maatii abba manaa fi haadha manaa (soddootaa) gidduu jiru wanta kabaja, gammachuu fi jaalala fiduu danda’udha. Hariiroo kanaan namootni maatii guutuu haaraa argatu, sanaanis gargaarsa bal’aa argatu.
Namootni hedduun soddoota isaanii ni jibbina jedhanii yaadanii miti kan gaa’elatti seenani.
Ta’us garuu hariiroon jaalalleewwaniifi amaatii ykn abbiyyuu isaanii gidduu jiru waan rakkisaa ta’uu mala.
Hariiroo amaatii ykn abbiyyuu waliin qabaachuu qaban tokko adda baasuun rakkisaa kan ta’eeru gariin sababa seerri ifatti kaa’ame waan hin jirreefidha.
Fakkeenyaaf, namootni amaatii fi abbiyuu isaanitti hangam dhiyaatanii akka jiraachuu qaban, hangam turanii akka isaan arguu qabanii fi itti gaafatamummaa akkamii akka qabaachuu qaban ifatti waan beekamu miti.
Niw Zilaand, Yunivarsitii Kanterburiitti piroofesara kan taate Gireechan Peerii, maatii lamaan gidduu hubannoo fi ilaalchi wal fakkaataa ta’e jiraachuu dhiisuu mala jetti.
Bara durii, ammas hawaasaa tokko tokko keessatti, maatiin ijoolleen isaanii eenyu waliin akka gaa’ela dhabbatan murteessu. Cidha booda ammoo, intalli maatii abbaa manaashee wajjiin jiraatti.
Akka dubartii hangafaa maatii sanaatti hadhi abbaa manaa ykn amaatiin, hojii mana keessaa irratti aangoo qabdi;kanaanis hadha manaa caalaa aangoo murtee murteessuu fi sadarkaa hawaasaa ni qabaatti.
“Naannoo mirkanaa’aa hin taanedha sababiin isaa hadhi manaa haaraa kun maatii ishee kan isheef of eeggatanii fi kunuunsan irraa adda baatee jirti,” jetti Peeriin.
“Haala isaa irratti hundaa’ee, naannoo cimaa, to’annoon itti baayyatuu fi waldhabdeen heddummate ta’uu danda’a.”
Har’a, waligalteen bakka jireenyaa akkanaa badaa baramaa miti, ta’us istaatistikiin amantaa dubartii fi amaatiin ishee dhiiroota miseensa maatiichaa caalaa akka waldhaban ni yaadama.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon US bara 2022 tokko akka agarsiisutti, dhiirotii fi dubartoonni lamaanuu harmee ofii isaanii caalaa amaatii isaani waliin akka waldhaban himaniiru.
Haadhooliinis intala isaanii caalaa hadha manaa ilma isaanii waliin akka wal dhaban himaniiru.
Yunivarsitii Kambirijii, Kolleejii Niwinhaamitti qayyabachiisaa olaanaa fi ogeessa xiinsammuu kan ta’e Teerii Apteer, wagga 20 oliif qorannoo gaggeesseen, dubartoonni %60 ta’an hariiroon amaatii ykn sayyuu isaanii waliin qaban dhiphuu fi gadda yeroo dheeraa akka itti uume hubateeera.
Hadha manaa fi miseensota dubaraa abbaa manaashee gidduutti waldhabdee wantoota dabalan keessaa tokko daa’imni dhalachuu fi dhibbaa inni dubartoota irratti qabaatu yoo ta’u, kunimmoo waldhabdee kan dura jiru dachaan akka dabalu gochuu danda’a.
Namootni hedduun waldhabdeen isaan soddoota isaanii wajjiin qaban erga mucaan isaanii jalqabaa dhalatee booda akka hammaate himu.
Yeroo mucaan dhalatu, haadhi haaraa fi amaatiin yeroo kaan caalaa wal arguu malu.
Amaatiin mucaan mucaa ishee haalaa tokkoon akka guddatu barbaaddi ta’a, haadhi ammoo mucaashee haala biraan guddisuu barbaaddi ta’a, kunimmoo waldhabdee uumuu mala.
Yeroo ayyaanaa/kabajaa

Soddoonni hundi akka yeroon darbaa deemetti, yeroo yerootti waldhabdeen uumamuu mala.
Yeroon itti waldhabdeen maatii lamaan gidduutti uumamu inni guddaan yeroo ayyanaa amantaa fi guyyaa kabajaadha.
Piroofessarri qorannoo Kominiikeeshinii Yunivarsitii Varjiiniyaa, Melanii Boot Batarfiild, yeroo ayyaanaatti waldhabdeen uumamu miidhaan isaa kan yeroo dheeraaf turu ta’uu danda’a jetti.
Yeroo ayyaanaatti maatiin lamaanuu baayyatanii, bakka tokkotti walitti walitti sassaabamu.
“Bayyatanii walitti sassaabamuun firootaa waliin lolli akka uumamu gochuu danda’a, aarii kessaa wanta dubbatan deebifachuun hin danda’amu, akkasumas haasaa maleeyyu amalli badaa ykn wal cufuun ilaalcha yeroo dheeraaf turu uumuu mala,” jechuun ibsiteetti.
Dabalataan ammoo, guyyaan ayyanaa yeroo itti maatiiwwan aadaa fi shaakala baran itti taasisanidha. Ta’us garuu aadaan maatii lamanii adda adda ta’uu danda’a, kanaaf yeroo aadaan maatii keenyaa fi kan soddootaa adda adda ta’u waldhabdeen uumamu mala.
Peeriin akka jettutti, wantooti waldhabdee uuman biroon jiru, kanneen akka maallaqa hagamii baasuu, yeroo hangamii wajjiin dabarsuu, akkamiin ijoollee guddisu, maallaqni maalirra oola, maallaqa liqeeffachuumoo dhisuu fi wantoota biroo irratti adda addummaan ilaalchaa jiraachuu mala.
Bakka walii kennuun, waldhabdee hir’isa
Yeroo abbaa manaa fi haati manaa of danda’anii jirachuuf maallaqa ga’aa hin qabaannetti, akkoo fi akaakaan itti gaafatamummaa ijoollee kunuunsuu dabalataa qabachuu malu.
Ga’eessonnis itti gaafatamummaa maatiin isaanii yeroo dulloomanii kunuunsuu ni qabaatu.
Ta’us yeroo ammaa jaalalleewwan of danda’anii jiraachuun isaanii baramaa waan dhufeef, maatii bal’aa irraa fagatanii jiraatu, akkasumas yeroo fedhii isaanitti wal argu.
“Jaalalleewwan of danda’anii jirachuu dandeenyaan, yeroo kamatti akka gargaarsa barbaadan filachuu ni danda’u, sana booda carraan waldhabdee uumamuu xiqqaachaa deema,” jetti Peeriin.
Namoota tokko tokkoof hariiroon soddoota isaanii wajjiin jiru rakkisaa ta’us, hariiroo garii fi miidhagaa ta’e kan qabaatan akka jiranis beekamaadha.












