Poolisiin UK maatii nama wagga 70 dura dogongoraan fannifamee ajjeefamee dhiifama gaafate

Ajjeechaan dogongoraa akaakayyuu keenyaa jireenya abbaakoo balleesse

Madda suuraa, Kirsty and her children

Maxxanfame

Yunaayitid Kingidamiittii lammii Somaalee dogongoraan murteen du’aa irratti darbuun ajjeefamee irratti waggaa 70 booda poolisiin maatii nama ajjeefamee dhiifama gaafate.

Namtichi lammii Somaaliiyaa fi UK qabu fi maqaan isaa Maahimuud Maataan jedhamu, daldaltuu suuqii Kaaridiif keessatti argamu tokko kan taatee, Liilii Voolpoorti suuqii ishee keessatti ajjeesstee jirta jedhamuun ture bara 1952tti faniifamee kan ajjeefame.

Namni kunis hojjataa galaanaa duraanii ture jedhameera.

Murteen yakkaa kunis bara 1988tti mana murtee ol iyyannootti kan dhiyaate ta’ulleen, komishiniin murtee dhimma yakka sana xinxalu ni diige.

Haata’u malee, amma waggaa 70 booda poolisiin kibba Weelsi murteen dogongora qabaachu amanuun dhiifama gaafate.

‘‘Murteen kun kan yeroo waliin deemu. Sanyummaa, loogii fi jibbi cimaan sirna haqa yakkaa dabalatee, hawaasa guutuu keessatti babalate ture,’’ jechuun ture itti gaafatmaan poolisii Jeeramii Voon kan dubbatan.

Maahimuud Maataan

Madda suuraa, Mahimud Mattan

‘‘Maahimud Maataan sababii himannaa hin taaneetiin, saaxilamaa dhabiinsa haqaa akka ture shakkii omaatuu hin qabaatu. Poolisiinis qaamuma kanaati,’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Miidhaa fi dararama sukkaneessaa nama kana irratti waggoota 70 dura raawwatameen, maatii isaafi kanneen sababii kanaatiin miidhaman hunda, miidhaa barootaaf qaqabeef poolisii bakka bu’uun dhiifama gaafachuun sirriifi waanuma ta’u qabuudha’’ jechuun dubbatan.

Haatii warraa Maahimuud Maataan, Laawuraa fi ijoolleen isaa sadii Deeviid, Omaar fi Eediin, namni dogongoraan ajjeefame kun yakka ajjeechaa kana irraa bilisa akka jedhamuuf waggoota 46’f qabsoo bara dheeraa taasisaa turan.

Amma maatiinsaa hundi kan du’an yoo ta’u, yeroo ammaa wayita poolisiin dhiifama gaafachu ilaalchisee ijoollee isaa keessaa tokko kan taate, intalli isaa tokko Taaniyaa Maataan‘‘ haqni kan hir’ate’’ jechuun haalicha waamte jirti.

‘‘Namoonni kallattiidhaan dhimma Kanaan miidhaman nu waliin ta’u dhabusaaniitti dhiifamichi baayyee tureera. Lubbuun hin jiran. Waggoota kana hunda booda jechan ni gaddina jedhu dhageenyeera’’ jechuun ture Taaniyaa Maataan kan dhimmicharratti yaada kennite.