'Herregaan yoo ilaalle ammallee hin dhumne, garuu waan danda'amu miti'-Arteta

Taphattoota Arsenaal gaddan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Arsenaal dirree isaa Eemireets irratti Biraayitaniin 3-0 injifatamuun carraa shaampiyoonaa ta'uu Arsenaal dukkaneesseera. Herregaan yoo ilaalamu garuu ammallee Siitiin abbaa geebaa ta'uun hin mirkanoofne, qaawwa xiqqaatu jira.

Taphoota liigichaa darban torba keessa qabxiilee jiran 21 keessaa sagal qofa kan argate Arsenaal Siitiin injifatamuun isaa falmii shaampiyoonummaarratti iddoo murteessaa yoo ta'u, Dilbata kaleessaa Biraayitaniin injifatamuun ammoo warri Arsenaal shampiyoonummaarraa abdii akka kutatan godheera.

Taphattootni Arsenaal xumura tapha kanaarratti gariin dhaabatanii gama ilaalaa, kaanis taa'anii lafa ilaalaa injifannoo warri Biraaytan dirree isaaniirratti argataniin yoo gammadan taajjabaniiru.

Taphni Dilbataa Arsenaaliif carraa dhumaa ture. Garuu ammoo ammallee qaawwi xiqqaan hafte, Maanchistar Siitiin taphoota sadan dhufan mara injifatamee Arsenaal taphoota hafan injifachuudha.

Dilbata kaleessaa Arsenaal boqonnaa booda gooliiwwan Biraayitan sadii keessummeesse. Injifannoon Biraayitan hirmaannaa dorgommii Awurooppaa bara dhufuu argachuuf hiree uumeera.

Amma Arsenaal Maanchistar Siitii, kan liigicha dursuun qabxii afuriin boodatti fagaatanii argamu. Taphni isaan hafee jirus lama qofa. Gareen Peep Gaardiyoolaa tapha sadii harkaa qaba.

Siitiin Dilbata dhufu dirree isaa Etihaaditti Chelsii keessummeessee kan injifatu yoo ta'e liigicha walitti aansee yeroo sadaffaaf injifachuu isaa mirkaneeffata.

Dursaan taphattoota Arsenaal Maartiin Odegaard ''Amma akka malee ulfaataa ta'a, dhugaa dubbachuu qabna. Fudhachuun ni ulfaata'' jechuun taphaan booda Sky Sports'tti dubbate.

''Ammatti miira gaarii miti kan jiru. Keessumaa boqonnaa booda haalli itti taphanne. Dhugaa dubbachuuf maaltu akka ta'e hin beeku.''

''Amma abdiin homtuu akka hin jirre nutti dhagahama.''

'Gahumsa agarsiifneef dhiifama'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha Dilbataa irratti Arsenaal boqonnaa dura gaarii ture. Taphataan duraanii Biraayitan Tiroosaard Arsenaaliif yaalii gooliitti dhiyaatte tokko yaalee ture. Boqonnaa booda garuu Julio Enciso boqonnaa booda daqiiqaa jaha akkuma taphataniin addaan goolii jalqabaa Biraaytan lakkoofsise.

Deniz Undav lammeessee jennaan hireen Arsenaal dukkanaa'aa adeeme. Booda daqiiqaa dabalaa keessatti gahumsa garaii kan agarsiise Pervis Estupinan goolii sadaffaa maddaa Arsenaalitti ashaboo taate galche.

Gooliin sadaffaan yeroo galtu deeggartootni Arsenaal hedduun dirree gadhiisanii bahaniiru. Abdiin erga bara 2004 harka Arsenaalitti Waancaa Liigichaa arguuf qaban dhaamuutti gaddaniiru.

Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteta ''gahumsa boqonnaa booda agarsiifneef dhiifama gaafachuu qabna. Fudhatama kan qabu miti'' jedhe.

Herreega isaa yoo hojjette ammas waan danda'amuudha, garuu ammoo waayee isaa yaaduun waan ta'u miti. Gahumsa boqonnaan boodaafi bu'aa qabxii dhufe irratti deebinee yaaduu, maaliif ta'e jechuun yaada irratti kennuu wayya.''

Torbanootni darban Arsenaaliif ulfaatoo turan

Deeggartoota Arsenaal dirree dhiisanii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Dilbata guyyaa Maanchistar Siitiin bashannanee Evertaniin 3-0'n Goodison Park irratti injifatee liigicha keessatti taphoota 11 osoo hin injifatiin imaluu mirkaneesse.

Kun ammoo taphattoota Arsenaal tapha kana duuba tapha ofii taphatan irratti dhiibbaa xiinsammuu uumeera jedha dursaa taphattoota Yunaayitid duraanii kan ture Gaarii Neevil.

Kanuma. Akka yaadaatti silaa dhiibbaan kan cimus Siitii irratti ture. Isaan kanarra aananii, taphattoota Arsenaal irra dhiibbaa uuman.''

''Torbanootni muraasni darban Arsanaalitti ulfaataniiru. Yeroo kaanis yeroon kun Arsenaaliif ni cima, ammas keessa bahuu hin dandeenye.''

Arsenaal ji'a Eeblaa kan eegale Leeds 4-1'n injifatee, liigicha garaagartummaa qabxii saddeetiin dursuun ture. Jiini sun garuu faallaa ta'ee xumurame. Goolii 4-1'n Maanchistar Siitiin injifatame. Siitiinis hiree liigicha dursuu argate.

Ji'a sana keessa qabxii hedduu dhabe. Liivarpuul, Weestihaam fi Saawuzhaamptoon waliin qixxee bahe.

Taphataan duraanii Arsenaal Paatriik Viyeeraa yeroo ulfaataa akkasiitti gaggeessaa baayyee qabaachuutu irra jira jedha.

Odegaard akka gaggeessaa isaaniiti kan jedhu Viyeeraan haala gaariin taphataa yeroo hin jirre nama jabaatee duubaan isaan lolee jabeessu fedhu jedha. Qaamaaniis jajjaboo ta'uun fayidaa qabaachuu dubbata.

Yeroo boqonnaa dhufa ajiru kanatti Arteta'n kanarratti hojjehcuu qaba amantaa jedhus qaba.

Arsenaal amma hirmaannaa Chaampiyoons Liigii argateera. Garuu ammoo cimina akka Siitiin fa'aa dorgommii kana gubbaatti agarsiisan hin qabu kan jedhu, taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitiid Rooy Kiin, taphattoota jajjaboo garee kanatti dabaluun akka barbaachisu hima.