Maan Yuunaayitid vs Wolves, Falmii Tootenhaamii fi Aston Viilaa- Waan beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Bara kana Maanchister Yuunaayitidiif galchee hedduu lakkoofsisuun dursaa kan jiru Maarkes raashfoordi miidhama miila isaarra mudateen har’a taphachuu dhiisu mala.
Leenjisaan Yuunaayitid Erik Ten Haag ‘’baay’ee shakkisiisa’’ jechuun Raashfoordi tapha har’aaf gahuu isaa himan.
Taphataan sarara ittisaa Raafaa’el Vaaraan ammoo miidhama irraa bayyannateera. Iskoot Maak Toominee, Fiil Joonsi, Doonii Van de Biikii fi Liisaandiroo Maartineez kanneen hanga xumura dorgommii bara kanaatti hin deebinedha.
Woolvis miidhama taphataa haaraa homaa hin qabu. Leenjisaan Woolvis Julen Lopeteguun erga kufaatii irraa ooluu isaanii mirkaneessanii taphattoota carraa taphaa hin arganneef akka carraa kennan himaniiru.
Maanchister Yuunaayitid gara dhumaa kana walitti aansee qabxii gatuu isaa irraa kan ka’e hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu argachuun isaa yaaddoo keessa galeera.
Liiverpuul tapha caalmaa tokko taphatus qabxii tokkoon qofa caalamee sadarkaa shanaffaa irra jira. Niwkaastil, Maan Yuunaayitidii fi Liiverpuul tokkoo hanga afurii keessa galanii xumuruuf falmiin godhan salphaa hin tahu.
Maanchister taphoota arfan darban Woolvis waliin taasise irratti tokko qofa mo’achuun lama qixa bahee tokko mo’ameera.
Taphni biraa guddaan eegamu Aston Viilaa fi Tootenahaam gidduutti kan gaggeeffamudha.
Unaayi Imireen erga leenjisaa Aston Viilaa tahanii tapha Tootenahaam waliin taasisan 2 fi 0’n injifataniiru.
Garuu Aston Viilaan erga dirree isaa irratti Tootenahaamiin mo’atee waggootni kudhan darbaniiru. Kunis wagga haaraa bara 2008 irratti ture.
Har’a Astoon Viilaan yoo Tootenahaamiin mo’ate ammoo tapha marsaa lamaan wlaitti aansee mo’achuun seenaa bara 1995/96 galmeesse irra deebi’uu isaati.
Tootenaam bara kana leenjisaa isaa Antooniyoo Koontee hojii irraa gaggeesseera. Ergasii Kiristiyaan Isteelinii yeroof qacaran. Tapha muraasa erga taphatanii isas gaggeessuun taphataa duraanii Riyaan Maason hanga xumura bara kanaatti qacaran.
Aston Viilaan hirmaannaa Awurooppaa Liigii argachuuf har’a Tootenaahamiin mo’achuu dirqama itti taha.












