Poolaand Waagnar sodaachuun daangaashee gama Belaaruus cimsite

Maxxanfame

Gareen mindeeffamtootaa Raashiyaa- Waagnar rakkoo mudate nagaan furuuf jecha gara Belaaruus akka imalan taasifamuunsaanii Poolaandi waa’ee ollaashee akka yaaddooftu taasise.

Daangaan dura utubaawwan muraasaafi mukeen irra dhaabbatee ture silayyuu gara dallaa dheeraa sibilaan hojjatameetti jijjiiramuun, kaameeraa fi ibsaawwan itti tolfamaniiru.

Kunis waggaa lamaan as erga Belaaruus baqattoonni akka daangaa qaxxaamuruun gara Poolaandi seenan taasifteen as.

Poolaand gochaa kana balaaleeffattee jirti.

Walgahii Nato torban kana Lithuniyaa keessatti taa’amuun duras mootummaan Poolaand humnootiin Waagnar rakkoolee caalaa akka uumaniif itti fayyadamuu danda’amu jechuun akeekkachiise.

Kanaafuu of eeggannoo cimsuuf jecha qondaaltota dabalataa dhibbaatamaan lakkaa’aman gara daangaa baha biyyattii irratti bobbaasaa jira.

‘‘Yaaddoo olaanaan ollaan keenya Belaaruus gutummaatti kan hin amanamneedha,’’ jedhan Mikaal Buraa qondaalli eegdota daangaa yoo ibsan.

Wayita ammaatti raammoowwan hamoo dirree qamadiitiin alatti haalli hundi tasgabbaa’aadha jedhan.

"Haala umamuu malu kamiifuu qophii ta’u qabna. Tarii Waanganar rakkoo ta’uu mala, haata’u malee maaliif gara sana akka deeman ykn maaliif qophaa’aa akka jiran eenyumtuu hin beeku.’’

Erga hogganaan Waagnar Yevgeny Piriigoozhin fi mindeeffamtoonni isaa waliin ta’uun magaala kibba Raashiyaa Rostov irraa gara Mooskootti imalanii turanii amma torban lama ta’eera.

Carraan finciltoota kanneenii ammallee amansiisaa miti.

Waliigalteen gareen kun akka gara Maaskootti hin imalle taasise, Waaganar akka dhorkamuufi loltoonni isaa ammoo dursaa isaanii waliin gara Belaaruus akka imalaniif ture.

Haata’u malee dahoon dunkaana gurguddaa ala Minskii, tari ikan isaaniif qophaa’e, qullaa kan dhaabbatuufi miseensi Waaganar kamuu keessaa hin mul’atu.

Siriiyyuu, pirezidanti Puutiin karaa dubaatiin Raashiyaa waraanan jedhee haa balaaleeffatu malee, gareen kun ammalleen biyyattii keessatti hojiirra akka jiran mallattooleen ni mul’atu.

‘‘Eeyyeen, ammalleen mideessaa kan jiru yoo ta’u wanti hunduu akkuma duraati,’’ jechuun ture gabaasaan BBC mindeessaa Waaganar maqaa dhiiraa fayyadamu tokkorraa deebii sagalee torban kana keessaa kan argate.

Itti aansuunis qajeelfama barreeffamaa attamiin akka buufata leenjii mindeeffamtootaa dhiheenya Koraasnodaar kan kibba Raashiyaatti argamu itti argatu ergeef.

‘‘Buufata sakatta’insaarratti… attamiin akka buufata leenjii Waagnar argattu loltoota gaafadhu,’’ jedha ergaan qaqabe.

‘‘Buufata sakkata’iinsaa lammaffaarratti, Anatoliin si erguufi mallatteessuuf akka dhaqxe itti himi.’’

Fincila Waxabajjii keessa tureen booda qunnamtiiwwan Waagnar Raashiyaa guutuutti karaa intarneetiin ammalleen banaadha.

Namoonni dhimma kanarratti BBCn dubbise hundi ammalleen hojjataa akka jiran himan.

Amma garuu bilbilli isaanii yoo itti bilbilamu adda cita ykn gara ergaa sagaleetti nama geessa.

Haata’u malee quunnamtiinsaanii karaa intarneetii ammalleen hajjataa jira.

‘‘Akka mindeeffamaa Waagnar haaraatti waan qaama dhiqannaaf na barbaachisu fi uffata jalaa, nagahee fayyina qulqulluu fi araada qoricha sammuu hadoochaa irra bilisa ta’u akkan qabadhu natti himan. Isaan booda eessatti akkan ramadamu itti gaafatamaan koo akka murteessu natti hime. Tarii Yukireeniittin ergamaa jedhee gaafannaan na jalaa dide,’’ jedha gaazexxeessaan BBC akka nama mindeeffamuutti itti dubbataa ture.

Waagnar osoo gonkumaa achiin bahu baatee lammiileen Belaaruus baayyeen hin jibban.

Namoonni intarneetii gubbaatti haasa’an ‘‘loltoota yakkamtootaa’’ kan mana hidhaarraa akka mindeeffaman himaman kanarratti yaaddoo qaban ibsatu.

‘‘Attamiin waan gaarii hojjachuu danda’u?’’ Vaalerii Saakhaashochyk, ajajaan loltuu duraaniifi mormituun Belaaruus biyya biraatti argaman.

Garuu yoo waa’ee mindeeffamtoonni gara Mooskootti imaluu baatii darbee dubbatu ijasaatu ifaa ture.

‘‘Addunyaa guutuun Raashiyaa akka biyya jabduu fi cimtuutti iaalaa ture. Amma sun hundi duwwaa ta’uu agarre,’’ jedhu waa’ee deebii Kiremliin fincilichaaf kennite qeequudhaan.

‘‘Sirni waliigalaa kan tortoredha…Belaaruusitti ammo kan caalu jedheen yaada.’’

Waagnar Belaaruus dhaqanis, yaaddoofi akeekkachiifni Poolaand kan fedhii siyaasaa biyya keessaatiif jecha akka yaaddoo nageenyaatti dhiyaatuudha jedhu mormitoonni biyyatti ammoo.

‘‘Eegdonni daangaa wanti gochu danda’an homtuu hin jiru, waliinis hin gitan,’’ jechuun falma Piyotrii Lukaasiewikz miseensi garee xinxaltoota siyaasa Poolaandi.

"Garuu akka messhaa siyaasaatti Waagnar akka yaaddoo hamaatti dhiyeessuun ni danda’ama. Maal akka ta’u walumaan haa ilaallu,’’ jedhan.

Haata’u malee, mootummaan filannoo fulduratti gaggeeffamuuf barbaachisummaa nageenyaa isaa cimfachuuf akkasiin ‘booha’ jedhan.

Qarqara baha daangaa Poolaandiin eegdoonni daangaa eegumsa isaanii cimsaniiru.