Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oppireeshinii nageenyaa Marsabitiin meeshaaleen waraanaa gurguddaan to'ataman
Keeniyaatti rakkoo nageenyaa bulchiinsa Marsabiit furuuf oppireeshinii nagaa kabachiisuu mootummaan gaggeessaa jiruun haga ammaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa dhibbatti lakka'aman to'annoo jala ooluu poolisiin beeksise.
Labsiin uggura sochii fi nagaa eegsisuun ji'a tokkoof labsame xumuramuuf guyyoonni muraasa wayita hafanitti, gareen nageenyaa qaamolee garagaraa irraa walitti babba'an, meeshaalee waraanaa gurguddaadha jedhaman to'annoo jala oolchuu isaanii himaniiru.
Ibsa poolisiin biyyattii fuula Twitter isaarratti baaseen, guyyaa Dilbataa meeshaalee waraanaa gurguddaa 'machine gun' jedhaman lama poolisiitti dabarsanii kennaniiru.
Meeshaaleen waraanaa bulchitoota ollaa Qirtaa Kormaafi Dirrib Gomboo jedhamaniin dabarfamanii kennaman, qawwee guddaa HK 21 jedhaman akka tahan ibsameera.
Mootummaan Keeniyaa rakkoo nageenyaa Kaawuntii Marsabiit furuuf poolisii dabalatee, humnoota addaa kumaatamatti lakka'aman bobbaaseera. Mootummaan biyyattii bulchiinsa kana keessa jibbiinsaa fi ajjeechaan hawaasa Booranaa fi Gabraa gidduu jiru hammaachuu isaatiin duula kana gaggeessuuf murteessuu hime.
Erga duulli addaa kun labsamee ji'a tokko guutuuf guyyoonni muraasni kan hafan oggaa tahu, mootummaan biyyattii daangaa sochii kaa'ameefi oppireeshinii labse dheeressuufi dhiisuun isaa waanti barame hinjiru.
Bulchiinsa Marsabiititti oppireeshinii 'Rejesha Amani' jedhamuun moggaafame kana kan gaggeessan Bennard Mbatha Caamsaa 28 ibsa kennaniin, haga guyyaa sanaatti meeshaaleen waraanaa 136 to'atamuu dubbatan.
Akka qondaala nageenyaa kanaatti qawween to'ataman kunniin, ''gariin kan fedhiin kennamaniifi kaan ammoo duula gaggeeffameen kan qabamanidha.''
Kana malees rasaasni gosa garagaraa kumaa ol tahu to'annoo jala oolus himan Aabba Mbatha.
''Meeshaaleen waraanaa to'anne shugguxii xixiqqoorraa qabee hanga maashin gaanii gurguddaa kanneen jiranidha,'' jedhan.
Oppireeshinii nageenyaa mootummaa Keeniyaa
Mootummaan biyyaalessaa Keeniyaa haala amma duraan hin baratamneen rakkoo nageenyaa kaawuntii Marsabit keessatti walitti aansuun adeemuufi lubbuufi qabeenya hedduu galaafatu to'achuuf jecha jalqaba ji'a Caamsaa eegalee daangaa sochiillee kaa'uu dabalatee oppireeshinii gaggeessaa jira. Labsiin kun ji'a tokkoof kan labsame oggaa tahu, hanga meeshaan waraanaa seeraan alaa rakkoo nageenyaaf sababa tahe naannicharraa dhabamutti itti fufuus danda'a jedhan Ministeerri Dhimmoota biyya keessaa Aabba Fireed Maatiyaangi. Kana malees poolisoonni achitti bobba'anii jiran, jiraattota sababa malee reebuufi dararuun himatamu. Bulchaan ardaa Sagantee-Jaldeessaa Aabba Soraa Kaateloo, ''[poolisoonni garanatti bobba'uun] wahiillee in furti, wayillee in yakkiti,'' jechuun miira walmakaan akka ilaalan BBCtti himan. ''Oppireshiniin waan dansaa miti, waan filannoo xumuraati,'' jechuun erga humni mootummaa achitti bobba'ee ajjeechaan akka dhaabbate himu.
Gama kaaniin garuu humni bobba'e kun saaamicha qabeenya hawaasaanis akka himatamu kaasan. ''Shiliingii 23,000 maati tokkorraa haatan... shiliingii 150,000 haadha tokkorraa fudhatan,'' jechuun dhimma kanas mootummaatti gabaasuu isaanii kaasan. Kana malees ''guyyaa onanaa dira keessatti nama dhaantee, nama caccabsite, jechuun magaalaa keessatti sochiin guutummaatti dhaabbatee, isaanillee dabalatee uummanni dhaanamaa akka ture kaasan. ''Nuyi mormaa oppireeshinaa hin qabnu... ammoo oppireeshina kana karaa aadaa guulatti tolchaa jennee warratti himne. Warrillee akkas tolchuu qaba.''