Maanguddoon US cabbii keessatti danqamanii turan torbee booda lubbuun argaman

Madda suuraa, CHRISTIAN JOURET
Kiristiyaan Jooret akaakkayyuunsaa isa guddise, Jeeriin, lubbuun hin oolu ta'a jedhee yaadda'ee ture.
Manguddoon ganna 81 kun, Big Paayin, Kaaliforniyaa irraa gara haadha warraa isaanii Nevaadaa jiranitti imaluuf, erga konkolaachisuun manaa bahaan booda utuu mana hin gahiin torban tokko darbe.
Dhuma irratti, guyyaa ja’a booda manguuddoon hojjetaa Nasa turan kun cabbii keessaa lubbuun baraaraman.
Hanga kanas kan turuu danda'an buskuutii muraasa konkolaataa isaanii keessa ture nyaachuuniidha.
“Wanti hundi ajaa’ibadha,” jechuun Kiristiyaan BBC’tti hime.
“Namni jireenya isaa keessatti waan seenaaf hafu hojjeteeru, kan kana caalaalle hojjachuu danda’u, dhumarratti konkolaataa isaa keessatti danqamee sababa qorraan du’a jennee yaaduun baay'ee nutti cimee ture.”
Jeerii Jooret kan danqaman, bubbee waqxii gannaa ji’a kana Kaaliforniyaa rukutee jiruufi kaaba bulchiinsichaa, bakka konkolaataan isaanii itti danqamee turetti cabbii hanga 90cm’tti ol tuulamee bu’ee ture keessatti turaniiti.
Bulchiinsa kana keessatti yeroo bubbee kanaatti yoo xiqqaate namootni 13 lubbuun isaanii darbeera.
Angaa’oti akka jedhanitti du’i sababa haala qilleensaan ta’uu isaa mirkanaa’e kana nama tokko yoo ta’u, kan hafan saddeet ammoo qilleensa qorraa hamaan wal qabachuu danda’a kan jedhu qoratamaa jira.

Madda suuraa, INYO COUNTY SHERIFF'S OFFICE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guraandhala 24 irratti, Jeeriin imala sa’aatii afur itti fudhatu erga eegalanii daqiiqaa 30’f erga konkolaachisanii booda tasa konkolaataan isaanii cabbii tuulame keessatti danqame.
Maanguddoon ganna 81 kun garuu utuu hin rifatiin, waa’ee lubbuun turuu irratti, haadha warraa isaanii Shaaron waliin wanta qophii TV irratti argan hojiirra olchuu isaanii mucaan mucaa isaanii Kiristiyaan himeera.
Jeeriin, uffata haphii uffatanii waan tureef huccuu adda addaa konkolaataa isaanii keessatti argatan ofitti dabalanii uffatani.
Ogeessi herreegaa kun baatirii konkolaataa isaanii guyyaa sadii fi walakkaaf kan turfachuu danda’an, konkolaataa isaanii yeroo yeroon dhaamsaa waan turaniifidha.
Bishaaniif ammoo, foddaa isaanii gadi buusuun cabbii nyaachaa, nyaataaf ammoo nyaata muraasa konkolaataa isaanii keessatti hafe fayyadamaa turan.
“Lubbuun kan ture cabbii, korosaantii fi biskuutii fayyadamaadha,” jedha Kiristaan waa’ee akaakayyuu isaanii yemmuu dubbatu.
Guyyaa sa’a booda Bitootessa 9 irratti, dhuma irratti helikooptaroonni lubbuu Jeerii barbaaduu danda’aniiru.
Hospitaala erga geeffaman booda, Jeeriin fayyaa guutuun turuu isaanii narsoonni ajaa’ibsifatanii turani.
Bilbilaan akaakkayyuun isaa “gammachuun iyyaa ture,” jechuun Kiristiyaan himeera.
“Anillee baay'een boo’e. Wanta akkanaa hangam akka salphisnee ilaallu hanga ammaatti hin hubbanneen ture.”















