Daa’imni osoo hin gahiin ji'a shaniifi walakkaatti dhalatte haala hin baramneen lubbuun oolte

Madda suuraa, RACHEL STONEHOUSE
Daa’imni osoo guyyaan dahumsaa ishee hin gahiin baatii 5fi walakkaatti dhalattee fi carraan lubbuun turuu ishee 10% qofa jedhamte turte, amma garuu du’a ooltee cimaa jiraachu maatiinshee himan.
Daa’mni maqaan Imojiin jedhamtee kunis wayita Fulbaana 6 darbe irratti UK'tti hospitaala Singilton jedhamutti dhalattuutti giraama 515 qofa ulfaatti ture.
Daa’imni tunis amma umurii dheerachuun guyyoota 132 hospitaala keessa erga turte booda daa’ima umuriin baatii jahaa ta'un, warrishee gara manasaaniitti fudhatanii galaniiru.
Haati daa’imaa Raachel Istohaawus dubartii ganna 28 yoo taatu, ''Imojiin wanta baayyee kan nutilleen jireenya keenya keessatti keessa hin darbee ol ta’e keessa darbite lubbuun oolte,’’ jette.
Addunyaarratti daa’imni osoo guyyaan isaa hin gahiin dhalate daa'ima Kurtiz Zi-Keez yoo ta’u, innis torban 21 fi guyyaa tokkotti USAtti dhalate. Kana jechuun guyyaa 11’n Imojiin dursee dhalate.
Raacheel jalqaba osoo bishaan bubbee hin dhangala'in dura dhiiga waan ofirratti agarteef, gara hospitaala ‘Princess of Wales’ jedhamu imalte.
Sana booda ambulaansiin hospitaala Singilton jedhamu hiriyaa ishee waliin geeffamte.
Raacheel yeroo sana waan ture yeroo ibsitus, ''garmalee sodaachisaa ture,’’ jette.
''Dhukkubbinsaa baayyee cimaa ure... aniifi mucaan koo lubbuun akka hafnu waanan barbaadeef, dhukkubicha keessa afura baafachuuf yaalaan ture.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imojiin battaluma Raachel hospitaala geessen daqiqaa muraasa keessatti dhalatte.
Sana booda borsaa waan akka gadameessan fakkeeffame hojjatameen inkubeetara keessa kaa’amte.
Raachel daa’iman ishee xiqqoo kutaa da’uumsaan booda hordoffiin ogeeyyiin itti taasifamu geeffamte.
Raachel yeroo sanatti ''daa’imni kun garaakoo keessa turuu qabdi turte, garuu akkas miti'' jette akka yaadde yaaddatte himte.
Daa’imni kun guyyoota hospitaala yeroo turte gufu hedduu ishee mudate darbite
Daa’iman kana rakkoo fayya dhiigni wayita saffisaan gara onneetti yaa’u mudatu (heart murmur), somba keessatti dhiguu (pulmonary haemorrhag) fi rakkoo dhiigaan walqabatu biroon ishee mudate ture.
Raachel fi abbaan warraa ishee torban 13tti dhiyaatu Imojiin waliin hospitaala turaniiru, dhiphinaa da’umsaan boodarratti gorsa ogeeyyiis argataniru.
Amajjii 15, 2023 Imojiin hospitaala Princess of Wales, iddoo hordoffiin ogeeyyii itti dhiyeenya taasifamu geeffamte turte-Achuma keessa guyyota dabalataa 34 turte.
''Jireenyakoo keessatti yeroo sodaachisaa ture, garuu ogeeyyii fayyaa gaarii ta’anii fi maatii na cina ture,’’ jette.
Imoojiin hospitaalaa gara manatti geeffamteetti. Haa ta’u malee, ammas deeggarsa hargansuu- Oksijiinitu ishee barbaachisa.
Raachel akka jettutti, hakiimoonni haala qaamni Imojii irra jirutti gammadoodha, rakkoo qaroo ykn dhageettii hin qabdu jette.
Raachel sababa otoo hin ciniinsuun ishee qabeef hin beektu, garuu ammas ciniinsuun walfakkaatu fuulduratti ishee mudachuu akka danda’u itti himaniiru.

Madda suuraa, RACHEL STONEHOUSE












