Raafama siyaasaa TPLF waggaa 50 hanga qoqqodinsa har'aatti

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

TPLF yeroo hoggansa isaa olaanoo gidduutti wal qoqqoodinsi mudatetti kora isaa waliigalaa 14ffaa Galma Sama’ataat keessatti gaggeessaa jira.

Galma kana keessatti korri TPLF yoo gaggeeffamu kan jalqabaa tahuu baatus kan ammaa garuu adda kan isa godhu raafama hoggantootaa hammaate keessatti keessummeessuu isaati.

‘’TPLF oolchuu’’ dhaadannoo jedhuun kan gaggeeffamaa jiru korri kun hoggansi isaa bakka lamatti qoodameeti. Garee Dr Dabretsiyoon G/Mikaa’el hogganuu fi garee Obbo Getaachoo Raddaa bulchaa yeroofii naannichaa jala jiran gidduutti wal dhabdee guddaan mudateera.

Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni Koree Gidduugaleessaa 17, irra caalaan bakka buutonni Kibbaa fi Kibba Bahaa aanolee Tigiraay aakkasumas Komishiniin To’annoo paartichaa fi kutaaleen bulchiinsaa magaalaa maqalee akka hin hirmaanne himameera.

TPLF raafama hoggansaa akkasii keessa yeroo galu kan jalqabaa isaa tahuu baatus waraanaan booda kun mudachuun isaa paartichi rakkoo hamaa keessa galuu isaa agarsiisa.

Gammoojjii Dadabiit hanga Araat Kiilootti tarsiimoo jedhu yeroo diriirsee socho’aa turee jalqabee rakkoo wal fakkaataa keessa darbeera.

Hoggantoonni duraanii TPLF BBC’n dubbise sababni rakkoo kanaa ‘’ilaalcha siyaasaa paartichi hordofu irraa kan maddu’’ tahuu ibsan.

Isaan keessaa tokko kan tahan Obbo Gabruu Asiraat yoo tahan, kun rakkoo bulchiinsaa qofa osoo hin taane adeemsi paartichi hordofu iftoomina dhabuu, hariiroo siyaasaa taasisuuf itti gaafatamummaa fudhachuu dhabuun madda rakkooti jedhan.

Paartichi ‘’michummaa fi diinummaa siyaasaa’’ irratti kan hundaa’e waan taheef rakkoo kanaaf saaxilamuu himu.

‘’Ilaalcha siyaasaa isaa hanga hin jijjiirretti paartichi [TPLF] ni fooyya’a jedhee hin eegu kan jedhan Obbo Gabruun kanaaf kan isa gahe ammoo ilaalcha siyaasaa paartichi hordofu tahuu ibsaniiru.

Qondaalli duraanii paartichaa Aadde Araggaash Adaanee TPLF’n hidhee kan kaa’e ilaalcha siyaasaa hordofudha jedhan.

‘’Firaa fi diina jedhee adda baasa. Fira ykn michuukooti kan jedhu hanga danda’ametti ofitti hammatee deema, diina kan jedhe ammoo rukutamuu qaba jedhee amana,'' jedhan.

Raafama TPLF mudate kan jalqabaa: 1967

Bara 1967 yeroo qabsoo hidhannoo gaggeessuuf harki kobbee qabate gara qawwee dhukaasuutti yeroo deemu diina hedduu waliin wal waraanaa turaniiru.

Isaan keessaa mootummaa Dargii qofa osoo hin taane paartileen kaanis turaniiru. Waggaa jalqabaa TPLF dhaabota qabsoof bahan biroo waliin wal waraanaa ture.

Hundeeffama TPLF Piyaasaatti jalqabde irraa osoo hin fagaatiin Kiiloo Afur kan gale TPLF qabsoo hidhanno waggoota 17 booda ture.

Dhaabota siyaasaa sabaa fi sablammoota kaan keessaa bahan waliin tahuun waggoota 27 tahaniif Itoophiyaa gaggeesseera.

Walabummaa fi daangaa biyyattii kabachiisuu irratti shoora olaanaa taphateera.

Waggoota jalqabaa TPLF irratti rakkoo alaa qofa osoo hin taane keessoo isaatti rakkoo hedduuf saaxilameera.

Dr Mulugeetaa Gabrehiwoot kitaaba isaanii “Laying the past to rest’’ jedhu keessatti rakkoo jalqabaa TPLF mudate ‘’Raafama Dadabit’’ jechuun ibsaniiru.

Rakkoon jalqabaa qabsoo kanatti makamuuf qonnaan bultoota gidduugala biyyaattii gara gammoojjiitti bu’anii fi barattoota qabsootti makaman gidduutti kan mudate ture.

Hundeessitoota TPLF keessaa tokko kan tahan Dr Aragawwii Barihee waraqaa qorannoo PhD isaaniif barreessan irratti‘’qonnaan bultoonni yeroo jalqabaaf barattoota waliin yeroo wal argan barattoonni qabsoo hidhannoof gahumsa kan hin qabne, hojii waraqaan hojjetamu qofa kan hojjechuu danda’an, qabsoo hidhannoo dandamachuu kan hin dandeenye godhanii ilaaluu’’ irraa kan madde ture jedhan.

Qonnaan bultoonni kunneen gara qabsoo hidhannootti kan makaman, hundeessitoota TPLF keessaa tokko kan tahan Sihul [Gassasee] Ayyaalee irraa amantaa qaban irraa kan ka’e tahuu Dr Mulugeetaan kitaaba isaanii keessatti eeraniiru.

Sihul Ayyaalee TPLF osoo hin hundeeffamiin dura warra paartii Dhaabbata Sochii Saba Tigiraay jedhu warra hundeessan keessaa tokko tahus ibsaniiru.

TPLF erga hundaa’ees dhaabicha gara wagga tokkoof tahuuf gaggeessaniiru.

Qonnaan bultoota qabsootti makamaniif ‘’gaggeessaan isaa olii hin jiru’’ ture jedhan Dr Aragaawwiin qorannoo isaanii keessatti.

Raafamni siyaasaa jalqabaa TPLF kan mudate sababa wal dhabdee qonnaan bultoota kanneen waliin tureen jedhan.

Hoggansa Sihul balaa irra buusuu kan hubatan qonnaan bultoonni Tigiraay qabsoo isaaniis balaa biraaf kan saaxilu tahuu hubataniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen hoggansa Sihul Ayyaalee dadhabsiisaa jiru jechuun hoggantoota tokko tokko haleeluuf shira xaxuu isaanii Dr Mulugeetaan kitaaba isaanii keessatti ibsaniiru.

Dr Aragawwi Barihee gama isaaniin TPLF buufata waraanaa isaa gammoojii Dadabiit gara gidduugala biyyaatti naanneessuuf yoo jedhu qonnaan bultoonni naannooo Dadabiit dhufan mormaniiru jedhan.

Murtee kan booda qonnaan bultoonni kunneen shira xaxuu irratti xiyyyeeffatan jedhan.

Shira isaanii keessaa tokko barattoonni kolleejjii irraa gara mooraa qabsootti makaman hoggantoota TPLF akka ajjeesan gochuu ture.

Garuu yaadni isaanii kun osoo hin milkaa’iin hafe. Yaalii isaanii fashalaa’ee kana booda hoggansi hirriba rafe hin jiru. ''Eenyu eenyuun amana?'' jedhu.

Bariituusaa jeequmsa dhaabichaa isa jalqabaa kana furuuf TPLF yaa'ii ariifachiisaa waame, qabsaa'onni ofis isa kaanis ceepha'an.

Dr Aragaawwiin ''guyyaan wayita goolabamuuf jedhu qotee bultootni waraana keessa jiran hireen lammataa akka kennamuuf murtaa'e'' jechuun yaadatu. Dr Mulugeetaan garuu kanneen akka turan hayyamameef warra onneerraa ceephoo buufate akka ta'e kitaaba isaanii keessatti eeraniiru.

Madda dhibdee kanaa kan ta'an garuu dhaabicha keessaa akka moggaafaman ta'uu Dr Mulugeetaan.

Aanga'aan naannoo Tigraay duraanii Obbo Gabruu Asraat kitaaba isaanii ''walabummaafi Dimookrasii Itoophiyaatti'' jedhu keessatti jeequmsi dhaabaa bara 1967 mudate kun ''awuraajjaawwiinat jedhamee mogga'eera'' jedhan.

''Hinfishfishii'' isa lammataa bara 1969

Obbo Gabruu Asraat akka jedhanitti dhibdeen keessoo TPLF bara 1969 mudate jabaa ta'uu yoo himan barri sun ''kan qormaataan guutedha'' jedhu.

Dr Mulugeetaan gama isaaniin ''waraanni ji'oota 10f EDU waliin godhame duutiifi dararaan dhalate hammaatee TPLFn fiixee kufaatiin isa gaheera'' jechuun barreessan.

Waraana EDU waliin godhame irratti TPLF hoogganoota waraanaa hedduufi qabsa'oota baayyee dhabe. Lixa Tigraayitti lafa qabatee tures dhabeera. Miidhamni qaqqabe dandeettii hooggansaarratti qeeqa jabas kaasee ture jedhu.

TPLF waraanaan walqabatee miidhamni irra gahuufi moormiin keessoo miidhaa irraan gahuus dubbatu.

''Haala amma dura mul'atee hin beekneen loltootni akka addicha ganan godheera'' jedhu Dr Mulugeetaan.

Obbo Gabruu Asraatis ''gaafatama kennuu, imaammata baasuufi odeeffannoo argachuurratti gaaffilee hedduun ka'aniiru'' jedhu.

Akkuma isa jalqabaa aanga'oonni TPLF walgahii waamanii dhibdee furuuf yaalan. Walgahiin kun bakka duraan leenjii loltootaa ture naannoo Baadimmeetti gaggeefame.

Walgahii kana irratti loltootni gaaffiin kaasan wal-qoodinsa, sirni abbaa irrummaa hooggansaa, aadaa dimookraatawaa hin taane, loogiifi seeraafi qajeelfama raawwachuu dhabuun walqabata.

TPLF rakkoo kana keessaa bahuuf shangoo waraanaa waamuu Obbo Gabruun ni yaadatu. Qorannoonis gaggeefameera.

Adeemsi dhaabbatichi rakkoo hooggansaa fi miseensota gidduu dhalate itti fure hariiroo keessoo dhaabichaa jijjiiruu Dr Mulugeetaan ni himu.

Dabaluunis ''adeemis ture sun hooggansi dhaabichaa abbootii aangoo olaanaa morkataa hin qabnee ta'u kan agarsiisedha'' jedhan. Gaafatamummaa hooggansaa kaasuun du'aan nama gahuu akka danda'u akeekeera jedhu.

Hundeeffama TPLF waggoota 10 boodas walqoodinsi dhaabicha mudatee ture.

Wayita hundeeffama Liigii Markisiist Leeninist Tigraay aangootti muuduufi aangoorraa kaasuun raawwatameera.

Aanga'oota gaaffiin irratti ka'e Aragaawwii Bariheefi Gidey Zere'aay turan.

Aregaawwii Barihee dhimma ilaalcha dhaabaa irratti Politi Biiroo morkachaa turanii booda keessaa akka bahan godhamaniiru.

Gaaffiin bara sanii inni guddaan ilaalcha dhaabaarratti kan hundaa'e akkasumas gaaffiin aangoos kan irratti ka'e akka ture Obbo Gabaruun ni himu.

Rakkoo keessoo bara 1993

TPLF gammoojjii bahee masaraa mootummaa yoo galus rakkoon keessoo isa hunkuruu hin dhiifne.

Sabaafi sablammiilee waliin ta'uun biyya bulchuu erga eegalee waggaa 12 booda dhaabichi rakkoo keessoo biraa keessa gale.

Dr Medihaanee Taaddesee fi Joon Yaang barruu qopheessan tokko keessatti jeequmsa TPLF'f ka'umsi waraana Eertiraa waliin tureedha'' jedhan.

Hanga waraanni Itiyoo-Eertiraa eegalutti hooggansa TPLF gidduutti dhibdeen ifatti mul'atu hin turre.

Obbo Gabruun ejjennoo koree hojii raawwachiiftuu yoo dubbatan ''galmi waraana Itoophiyaa Asmaraa akka ta'u waliigalteerra gahameera'' jedhu.

Murteen gara hanga Asmaraatti adeemuu kun booda dhibdee hooggansa TPLF gidduutti dhalateef sababa ta'eera jedhu.

Murtee kana irratti Koreen Giddugaleessaa TPLF "cimsee wal falme" jedhan Obbo Gabruun.

Bu'uurri falmii kanaas "Shaabiyaa haleeluuf hanga Asmaraatti fulla’uun sirrii miti, biyya weeraruu waan ta'eef" jechuun ibsu.

Miseensonni Koree Giddugaleessaa kaanis kaayyoon waraana sanaa waraana Ertiraa balleessuuf malee Ertiraa deebisne qabachuuf miti jechuun falman.

Garaagarummaan yaadaa bara waraanaa eegale kun bal’atee erga waraanni xumuramee booda ifoome.

Yeroo sanatti "Waraanni Ertiraa waliin ture akkamiin xumurame?"

Waraanni kun maaliif dhaabbate? Kaayyoon waraanaa galma ga’ee? Ittisni keenya milkaa'ee?" gaaffilee jedhanirratti garaagarummaan dhalachuu Obbo Gabruun BBCtti himan.

Obbo Gabruun, hoggansi dhaabichaa dhimma isaan gaafachisu dhiisanii dhimma Boonapaartizimii kan [waraana waliin wal hin qabanne] kaasan jedhan.

Dhimmi waraanaa haasa’u dhiisanii ajandaa biraa bakka buusan.

Miseensonni koree giddugaleessaa dhimma kanatti baayyee aaran ni adabaman" jedhan.

Barreefama waa'ee Bonapartism ilaallatu kan dhiyeessan MM Itoophiyaa yeroo sana Obboo Mallas Zenaawwii turan.

Obbo Mallas yeroo sana dura taa’aa TPLF fi ADUWAI turan.

Obbo Mallas barreeffama sana keessatti hoggansa TPLF saamichaan himatan.

Yaadni Obbo Mallas Zenawwii barreeffama isaanii keessatti dhiheessan koree giddu galeessaa TPLF’n sagalee caalmaan raggaa’e ture.

Sana booda miseensonni sagalee mormii kennan Koree Giddugaleessaa keessa bahuun , waldhabdee kana furuuf yaa’iin waligalaa akka waamamuu fi koree yakka malaammaltummaa hoggansa TPLF qoratu akka hundaa’u gaafatan.

Garuu murtoon kun mormanii fi dhaabicha dhimma walitti fide isa xumura ture.

Rakkoon jaarmiyaa kun hoggantoota olaanoo dhaabbatichaa Siyye Abirihaa, Gabruu Asraat, Araggaash Adanee fi Tawoldee Waldemaariyaam, fa’aa dhaaba TPLF fi aangoo mootummaarraa akka ari’aman taasise.

"Seenaa waggaa 50 keessatti qormaata cimaa" jedhame

TPLF seenaa waggaa 50 keessatti "qormaata cimaa" jedhu mudachuu Waxabajjii darbe beeksisee ture.

TPLF maddi rakkoo kanaa inni guddaan gareen walqooduu, naannummaa, farra dimookiraasii fi malaammaltummaa warra kaabinee fi hoggantoota dhaabichaa biratti mul’atu akka ta'e ibse.

Dura taa'aan dhaabbatichaa Dr Dabretsiyoon Gabra Mikaa'elii fi dura taa'aa ittaanaa paartichaa Obbo Geetachoo Raddaa gartuu adda addaarra hiriiran.

Obbo Geetachoon af-gaaffii Damtsi Waaynee waliin taasisanirratti; Rakkoon bu’uuraa dhaabbatichaa yeroo ammaa aangoo akka ta’e ibsan.

Kora TPLF 14ffaarratti akka hin hirmaanne kan himan Obbo Geetaachoon, korichi rakkoon siyaasaa hoggansa dhaabichaa giddu jirurratti akka xiyyeeffatuun amanaa jedhan.

Obbo Geetachoon "yaada yeroo waliin wal-simnu maddisiisuu hin dandeenye" jechuun TPLF qeeqan.

Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el kora dhaabichaa tibbana taa’ama jirurratti "garee ykn ajandaan hamaan nu keessatti dagaage dhaabichaa sadarkaa hammaataatti ceesise" jedhan.

Rakkoo kanaaf falli "kora taa’udha" jedhan.

Obbo Gabruun akka jedhanitti, gartuun hoggantoota TPLF Dr. Dabretsiiyoon waliin hiriiran kora kanaan hoggantoota murtaa’an aangoorraa kaasuu barbaadu jedhan.

Obbo Geetaachoonis guyyuma warri kora TPLF gaggeessan kun hoggantoota isaan morman aangoorraa buusuuf kaayyeffatan jedhan.

Aadde Araggaash, hoggantoota paartichaa giddutti qoodinsaa fi muddamni amma dhalate bal’aadha jedhan.

Rakkoo bara 1993 dhaabicha muudate booda; "hoggansi baay'ee laafeera" jechuun, haala amma paartichi keessa jiruun alatti, waraanni waggaa lamaaf Tigraay ture rakkoo amma jiru itti akka hammeessu Aadde Araggaash himaniiru.

Obbo Gabruu fi Aadde Araggaash BBC'tti akka himanitti, TPLF rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee tooftaa duraan barameen furuuf yaala jedhu.

Yaadni Aadde Araggaash dhiyeessite ibsa ji’oota muraasa dura baase keessatti eerameera.

Rakkoon TPLF amma mudate tooftaa rakkoon kanaan duraa hiikuuf yaalameen furmaata argachuu akka dandeenye hoggantoonni duraani dhaabichaa dubbataniiru.

Obbo Gabruun, “Jijjirraan aangoo ni jiraata. Gareen tokko rukutamee, inni kaan ammoo cimee akka bahu shakkii hin qabu’’ jedhan.

Aadde Araggaash shakka jedhanitti "kora amma kaan hoggantoonni jijjiiramuu danda'u" jedhan.

‘’Namni tokko aangoorraa bu’ee kan biraa muudamuu danda’a; uummata Tigraay fi rakkoo amma jiruuf garuu furmaata ni fida jedhee hin amanu’’ jedhan.

"A qoqqoodinsi paartichaa keessatti ittifufetti rakkoon muddamni ittu caalu mala" jechuun BBC'tti himan.