Dubartoonni lama qullaa lafarra harkifamuufi gareen gudeedamuun dheekkamsa kaase

Maxxanfame

Viidiyoon dubartoonni lama qullaa isaanii dirqiin daandii gubbaa akka adeeman yeroo taasifamu mul'isu Hindii guddoo mufachiise.

Kanneen kana godhan namoota bulchiinsa kaaba baha biyyattii keessa gareen sosso’anidha.

Akka poolisiin ibsetti, dubartoonni kunneen dirqamaan gareen gudeedamaniiru.

Poolisiin himannaa gudeeddiin jumlaan raawwate banuun nami tokko akka to’atame ibseera.

Gaafa Kamisaa sagantaan parlaamaa magaalaa Delhii keessa taasifame miseensota mana maree dhimmicharratti mari’achuu fedhaniin adda citeera.

Ministirri Muummee biyyattii Naarendiraa Moodii taateen kuni ‘’Hindii qaanesse’’ jechuun ibsani.

‘’Yakkamaan tokkoyyuu,’’ osoo hin adabamiin hin hafu jechuun himan.

‘’Wanti ijoollee dubaraa Maanipur qunname dhiifamni hin taasifamuuf,’’ jechuun dubbatan.

Hokkorri bulchiinsa kanatti ka’e ji’a lama ta’eera. Modiin waa’ee taatee kanaa yoo dubbatan garuu kan jalqabaati.

Hoogganaan Olaanaa haqa biyyattii DY Chaandiraachud gama isaaniin waan raawwateen ‘’jeeqamuu’’ ibsani.

Mootummaan shakkamtootarratti tarkaanfii hordofu mana murtii akka beeksisu dhaaman. ‘’Yoo isin tarkaanfii fudhachuu baattan nuti fudhanna,’’ jedhan.

Akeekkachiisa: Barreeffamni kun namoota tokko tokko miira tuqee aarsuu danda'a.

Poolisiin akka jedhetti, miidhaan dubartoota irratti raawwatame kun Caamsaa 4 ture garuu kan inni mata-duree oduu ta'e ammoo Kamisa erga viidiyoon isaa miidiyaa hawaasaarratti gadhiifamee akka malee qoqqoodameeti.

Mootummaan federaalaa kampaanotamiidiyaa hawaasaa hunda viidyoo kana fuula isaaniirra akka haqaniif gaafateera.

Viidiyoon rifaasisaa dubartoota lamaa kun ballinaan jalqaba kan qoodame Roobii, Adoolessa 19 ture.

Viidiyoon kun osoo dhiironni gurumuudhaan ta'anii dubartoota kanneen lamaan asiifi achi bubbtaa, akka malleefi bakka hin malle qaqqabaa dirreetti baasanii isaan darbatan agarsiisa.

Fooramiin Gaggeessitoota Gosaa Uummata-ganamaa (ITLF) ibsa baaseen, gochi suukanneessaa kun kan raawwatame aanaa Kangpokpi jedhamu keessatti ganda argamtutti dubartoota gosa uummata Kuki-Zo irraa ta'an irrattidha jedheera.

Fooramiin kun ibsa isaa kanaan dubartoonni kunneen gareenis gudeedamaniiru jedheera.

'Wanti akksii Indiyaa ammayaa keessatti mudachuu hin malu'

Geetaa Pandee, BBC News, Delhii irraa akkas jechuun gabaase:

Qaamonni dubartootaa yeroo hokkaraafi walitti bu'insaatti dirree waraanaa ta'uun baayyee barameera. Dirqamaan gudeeduuniifi saal-qunnamtiif miidhaa irraan ga'uun akka tooftaa ittiin dubartoota adabuutti garagaara.

Miidhaan saal-qunnamtii dubartoota Kuukii jedhamnii Maaniipuur keessatti raawwate kun fakkeenya yeroo dhiyooti.

Viidiyoon akka agarsiisutti, dubartoonni osoo harqanii boo'a, waywaachaafi warri isaan miidhaa jiran akka garaa laafaniif jala gangalachaa kadhatan yeroo ilaalan nama jeeqa.

Wanti kun erga raawwatamee ji'a lamaa ol ta'us erga taateen kun poolisiitti gabaafamee reefuu amma nama tokko qofa to'annoo jala oolchuun, aanga'oonni yakkamtoota to'atanii adabbii malu taasisu kan jidhurratti garaa nama hin gahu. Dhiironni gocha kana yeroo raawwatan viidiyoorratti ifatti mul'atu ture. Osoo garaadhaan dhimmanii to'achuun barbaachisuu ifatti mul'atu.

Mormiin viidiyoon kun gadhiifamuu hordofee Indiyaa keessatti dhalate kun garuu yakkawwan suukanneessoo akkasii ija duraa dhokatan saaxilaa jira.

Dubartoota miidhaan irra gahe kana jajjabeessuu dadhabuun biyyattiis gaaffii kaaseera. Kun ammoo MM biyyattii Mr Moodii walitti bu'insa sabaa Manipuur raasaa jiru ilaalchisee akka akka ibsa baasu dirqisiiseera.

Manipuur keessatti nagaan hanga tokko akka deebiyuuf, keessumaa uummata lakkoofsaa xiqqaa ta'an Kuukiin akka mootummaarraa abdii godhatan gochuuf namoota gocha fokkuu kana raawwatan atattamana seeratti dhiyeessuun haqa fiduuf aanga'oonni amma dhiibbaa jala jiru.

Uummanni guutummaa biyyattiirraa wanti akkasii Inidyaa ammayyaa kana keessatti uumamuu hin malu jechaa jiru.