Tilmaama Suuton: Taphi akkaan eegamu kan Liiverpuul fi Tootanhaam, milkiin kan Liiverpuul, taphooti kaan hoo?

Maxxanfame

Piriimiyer Liigiin Ingilizii kan bara kanaa torbee torbaffaa qabateera. Taphoota ja'an darban irratti Maanchistar Siitii, Liiverpuul fi Tootanhaam hin mo'amne.

Liiverpuul fi Tootanhaam Sambata taphatu. Kilaboonni lameen dorgommii mo'amuu dhabuu cimsanii itti fufuu, yookiin tokkoonsaanii mo'anii mirgaan galuuf falmatu.

Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suuton tapha Liiverpuul fi Tootanhaam dabalatee taphoota Sambataa fi Dilbata taphataman akkanaan tilmaameera.

Taphoota Sambataa

Taphoota Sambata gaggeeffaman keessaa akkuma kan Liiverpuul fi Tootanhaam, kan Aston Viilaa fi Biraayitan waliin taphatanis akkaan eegama.

Tapha Aston Viilaa fi Biraayitan tilmaamuun ni ulfaata jedha Suuton. Taphi kun dirree Aston Viilaa irratti waan taphatamuuf dhiibbaan Biraayitan irratti cima.

Ammoo Biraayitan bara kana tooftaan taphaa fi dirreen ala taphachuun waan gadi isa qabu hin fakkaatu.

Kilaboonni lameenuu goolii ni lakkoofsisu. Of fooyyessuurratti cichee hojjetaa kan jiru Aston Viilaan qabxii argatee bahuuf qabsaa'a.

Haala kanaan taphi kun goolii 2 fi 2n walqixa xumurama jechuun tilmaame Suuton.

Tapha Liiverpuul fi Tootanhaam tilmaamuunis akkuma kana ulfaataadha. Tootanhaam erga leenjisaa Ange Poostekoogluu jala galee qabxii ajaayibsiisaa galmeessaa jira.

Tapha torbee darbe Arsenaal irratti agarsiisan Liiverpuul irrattis ni agarsiisu jedhamee eegama.

Tapha kana tilmaamuun ulfaatus gooliin hedduun galuun waan hin oolle. Gama Tootanhaamiin dursaan garechaa Son sadarkaa fooyya'aarra jiraachuun abdii itti horeera, gama Liiverpuuliin ammoo Darwiin Nuuneez baayyee sodaachisa.

Walumaa galatti taphoota darban walitti qabnee yoo xiinxallu Liiverpuul goolii 3 fi 2n mo'achuun mirgaan gala jedha Suuton.

Tapha Arsenaal fi Boornimaz taphatan irratti tilmaama injifannoo Arsenaaliif kenne Suuton.

Adeemsi Boornimaz amansiisaa miti. Leenjisaa jijjiiranis hagas mara fooyya'iinsa hin agarsiifne.

Arsenaal Bukaayoo Saakaa dabalatee taphattoonni jalaa miidhamuun isa yaaddesseera. Haata'u malee taphicha akkuma ta'e ta'anii ni mo'atu. Arsenaal 1 fi 0 dhaan mo'ata jedhe Suuton.

Tapha Woolvis fi Chaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin waliin taphatan irratti Woolvis hagas mara Siitiitti qormaata hin taatu jedhe Suuton.

Jifataan Siitii Erliing Haaland tapha kanaaf of qusachuuf jedheeti kan inni tapha Waancaa Kaarabaawoo Niwukasil waliin taphatan irraa hafe.

Tapha sanaan Niwukasil Siitii mo'achuun dorgommii keessaa baase.

Siitiin miidhamaan taphattoota hedduu dhabeera, keessaahuu tapha yeroo darbe Nootiinghaam Foorast waliin taphatan irratti taphataan gidduu Roodriin kaardii diimaan ba'eera, kun baayyee isaan miidha.

Garuu fuuldura irratti Haaland fi Juuliyaan Alvaarez qindoominaan yoo taphatan baayyee cimuu danda'u.

Haala kanaan Siitiin goolii hedduu 3 fi 0 dhaan mo'achuu danda'a jechuun tilmaame Suuton.

Maanchistar Yunaayitid taphoota sadi walitti aansee erga mo'amee booda tapha torbee darbeerratti Barnilii mo'achuun afuura fudhate.

Kun leenjisaa Yunaayitid Eriik Teen Haagiif boqonnaa sammuu guddaa ture.

Tapha waancaa Kaarabaawoo irratti ammoo Kiristaal Paalaas mo'ataniiru, kun warra Yunaatidiif injifannoo guddaadha.

Amma kilaboonni lameen wal arguuf jedhu, marsaa kana garuu tooftaa haaraan galuun walitti cimuu danda'u.

Warri Paalaas haaloo ba'uuf falmatu, garuu dirree Maanchistar Yunaayitid irratti waan ta'eef garaagarummaa goolii dhiphaanis ta'u mo'amuunsaa waan hin oolle.

Akka tilmaama Suuton kanaatti Yunaayitid 2 fi 1n mo'ata.

Taphoota kaaniin Evartan Luutaniin 2 fi 0n, Niwukasil ammoo Barnilii goolii hedduu 4 fi 0 dhaan, akkasumas West Haam Sheefiild Yunaayitidiin 2 fi 0n akka mo'atan tilmaame Suuton.

Taphoota Dilbataa

Dilbata ammoo kilaboonni afur ni taphatu. Fulhaam dirree isaarratti Chelsii keessummeessa. Notiinghaam Foorast ammoo gara dirree Bireentifoord imaluun waliin taphata.

Bireentifoordi tapha torbee darbe Evartan waliin taphatan irratti raawwiinsaanii gadi bu'aa ture.

Akka gaarii deemaa kan jiru Nootinghaam Foorast dirree isaarratti hin mo'amne.

Ta'us hagas mara cimoo miti. Kanaaf kilaboonni lameen goolii tokko walqixa xumuruun qabxii qooddatanii ba'u jechuun tilmaame Suuton.

Warri Chelsii ammoo carraa goolii ni uumu, garuu goolii hin galchan. Waancaa kaarabaawoo irratti Biraayitan mo'atanis garuu amansiisaa hin turre.

Tapha kanarratti goolii hedduu arguu dhiisuu dandeenya, ta'us Fulhaam dirreesaa irratti 1 fi 0n mo'achuu danda'a jedha tilmaamni Suuton.