Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidhamni Deklaan Raayis hammam hamaadha?
Taphataa haaraan Arsenaal Deklaan Raayis tapha Arsenaal dirree isaa irratti Tootenhaam waliin taphate irratti miidhamee dirree keessaa bahe.
Raayis erga Arsenaal galee taphoota Piriimer Liigii hundayyuu jalqabarra hiriiruun taphateera.
Haa tahu malee tapha Tootenhaam waliin taasisan irratti booqnnaa irratti jijjiiramee bahe. Qorannoo amma taasifameefiin miidhamni Raayis guddaa akka hin taane ibsame.
Taphatichi dugda isaarra kan miidhame yoo tahu, miidhama yeroo dheeraaf tapha irraa isa fageessu miti jedhe kilabni isaa.
Leenjisaan Arsenaal, Arteettaan, Deklaan Raayis dugda isaa dhukkubnaan akka jijjiiran himuun ''yeroo dheeraa kan isa tursiisu miti'' jedhan.
Haa tahu malee, tapha Karabawoo Kaappii (Carabao Cup) boru Arsenaal Bireentifoordi waliin qabuuf akka hin dhaqqabne himaniiru.
Paawondii miliyoona 100n West Haam irraa Arsenaal kan gale Raayis, tapha torban dhufaa jiru kana Barnimaawoz waliin qabuuf ni dhaqqaba.
Arsenaal taphoota jaha taphatee qabxii afuriin Maan Siitii irraa duubatti hafuun sadarkaa shanaffaa irra jira.
Bara darbe waancaa Karabawoo Kaappii (Carabao Cup) kan mo’ate Maanchister Yuunaayitid har’a Kiristaal Paalaas waliin dirree isaa irratti taphata.
Maanchister dorgommii Piriimer Liigiin jalqabbii gaarii agarsiisuu baatus, torban darbe keessa Barnilee mo’achuun isaanii haamilee isaanii kaasuuf gargaara.
Barnileen tapha Piriimer Liigii tokkoyyuu osoo hin mo’atiin jira. Gareen Viinsent Koompaanii har’a saalfoordi waliin morkata.
Akkuma Barnilee tapha tokkoyyuu osoo hin mo’atiin kan jiru Luuton Taawon ammoo kilaba Eksiter [Exeter] jedhamu morkata.
Wolvis bara kana gara Shaampiyoonshiippii Ingilizitti kan guddate Ispiich Taawon morkata.
Kun Kanaan osoo jiruu taphataan gatii paawondii miliyoona 80 caaluun Boorushiyaa Doortimondi irraa Maanchister Yuunaayitid gale Jedon Saanchoon garee taphattootaa irraa akka dhorkametti jira.
Saanchoon erga leenjisaa isaa Erik Ten Haag qeeqee dhiifama gaafachuu didee qofaatti dhuunfaan akka shaakala hojjetu godhame.
Ten Haag tapha Arsenaal 3 fi 1’n Maanchisteriin mo'ate irratti Saanchoon kan hin filatamneef shaakala irratti gahumsa gaarii waan hin agarsiifneef jedhanii ture.
Sana hordofee Saanchoon qabata na godhatu malee an yeroo hundaan jabaadhee shaakala hojjetaa ture jedhe.