Mootummaan Naayijeeriyaa haleellaa qilleensaa dogoggoraan hirmaattota festivaala amantiirratti raawwateen 85 du'uu ibse

Madda suuraa, AFP
Haleellaa qilleensaa humni waraanaa Naayijeeriyaa kaaba-lixa biyyattiitti raawwataniin hirmaattota festivaala amantiif ba'an keessaa yoo xiqqaate 85 ajjeefamuu abbaan taayitaa bulchiinsa balaa tasaa naannawa kanaa ibse.
Haleellaan kun kan yaadame ''shorokeessitoota'' fi ''lootee seentota'' naannawa kana keessa socho'aniif ta'uu kan ibsan bulchaan naannawa kanaa Ubaa Saanii, uummanni nagaan ''dogoggora uumameen ajjeefaman,'' jedhan.
Namoonni hedduun ammoo madaa'anii hospitaala naannawa sanaatti yaalamaa jiru.
Haleellaa kanarratti humni waraanaa hanga yoonaa yaada hin kennine.
Aanga'aan naannawa kanaa Saamu'eel Aruwaa garuu qondaalli waraanaa Maj VU Okoro akkana jechuun haala ture ibsaniiru jedhan: ''Humni waraanaa Naayijeeriyaa shororkeessitoota haleeluuf bobbii idileerra turan. Garuu osoo hin beekiin fi hin hubatiin hawaasa nagaarratti haleellaa raawwate.''
Bulchaan naannawa kanaa Ubaa Saanii, hawaasa iddoo Tundun Biri jedhamurraa sirna amantiif walitti qabaman irratti haleellaa suukanneessaan kun akkamiin akka raawwate akka qoratamu ajajuu ibsan.
Bulchiinsi Biyyaalessaa Balaa Tasaa magaalaa guddoo biyyattii Abujaa keessa jiru, ''waajjirri kaaba biyyattii jiru qondaaltota naannoorraa ragaa argachuun hanga ammaa reenfi namoota 85 ta'uu awwaalamuu nuuf gabaaseera, barbaachi namoota miidhamanii ammas itti fufeera,'' jechuun ibsa baase.
Namoonni ajjeefaman kunneen hedduunsaanii daa'imman, dubartootaa fi jaarrolee ta'uus ibse bulchiinsi yeroo balaa kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni waan achitti mudate ijaan arge tokko haleellaan yeroo lama mudate jedhe.
''Jalqaba xiyyaarri waraanaa galmarra boombii buuse. Boombiin sun galmicha barbadeesse, namoota keenya fixe. Daa'immanii fi dubartoonni hedduudha,'' jedhe.
''Boombii lammaffaan ammoo nuti warra namoota haleellaa boombii jalqabaan miidhaman kaasuu deemne irratti darbatame. Maatii kiyya keessaa namoota 34 dhabne. 66 ammoo miidhamanii amma hospitaala jiru.''
Dubartiin erga haleellaan raawwatee booda waan bakka sana ture argite reenfi namaa hedduun lafarra akka ture BBCtti himte.
''Dubartoonni gariin akkuma daa'immansaanii baatanii jiranitti du'anii lafarra turan. Daa'imman hedduun haadhasaanii waliin yoo du'an kan biraa hafanis jiru,'' jette dubartiin kun.
Humni waraanaa Naayijeeriyaa kanaan duras osoo garee shororkeessitootaa haleeluu lammiilee nagaa hedduu ajjeesuun himatamaa ture.
Bara 2021 haleellaa humni waraanaa Naayijeeriyaa kaaba-baha biyyattiitti qilleensarraan raawwateen namoonni qurxummii kiyyeessaa turan 20 caalan ajjeefamaniiru.
Erga bara 2017 haala kanaan haleellaa dogoggoraaan mudateen lammiileen nagaa Naayijeeriyaa 300 caalan ajjeefamaniiru.












