Martin Luutar Kiing Jr: Seenaa US keessatti nama fakkeenya ta'e garuu ammallee sirnaan hin hubatamne

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Seenaa US keessatti gameessi akka fakkeenyaatti ka'u Martin Luutar Kiing Jr bara 1961 BBC waliin gaaffii fi deebii wayita taasisetti akkas jedhe:

''Gabaabaadhumatti hojiin kiyya Ameerikaan yaada ajaayibaa akka qabduu fi sanaafis jiraachuu akka qabdu itti himuudha.''

Falmaa mirga dhala namaa kana ilaalchisee jettee jettee hedduutu jira, garuu seenaa dhugaan nama kanaa maali? Maaliif sirriitti hin hubatamne?

Lubi amantii Dr Martin Luutan Kiing Jr ''namni tokko osoo qormaata barbaachisu keessa hin darbin ga'ee fakkeenyummaa fudhachuu hin danda'u. Fakeenyummaan salphaa miti,'' jechuun sagantaan fuulaa fi fuulatti BBC waliin taasiseen keessatti ibsee ture.

Sagantaan sun Face to Face jedhama.

Gaaffii fi deebiin sun warraaqsa mirga dhala namaaf taasifamu keessatti taateewwan murteessoo ta'an lama gidduutti gaggeeffame.

Erga lagannaan otoobisiiwwan Montgomery Kiingiin durfamu guyyoota 381f gaggeeffamee waggaa ja'a booda waraabame.

Kiing fi namoonni inni dursu lagannaa kana erga Roozaa Paark otoobisii keessatti nama adii jalaa ka'uu diddeeti.

Taateen kun erga Martin Luutar Kiing Jr haasaa mata duree ''An Mul'atan qaba (I Have a Dream)'' jedhuun beekamu Waashingitan DC keessatti taasisee waggaa lama booda mudate.

Martin Luutar Kiing Jr jaarraa 20ffaa gara giddugaleessaa keessa falmaa mirga dhala namaaf taasifamu keessatti nama fakkeenya turedha.

Looreetiin badhaasa nageenyaa argachuun fakkeenya ta'e kun seenaa Ameerikaa keessatti nama osoo pirezidantii ta'ee biyya hin bulchin guyyaan dhalootasaa yaadannoo biyyaalessaa keessa galedha.

Bakka akkaan qoollifatamtuu taate Atlaantaa, Joorjiyaa keessatti Amajjii 15, 1929 kan dhalate Martin Luutar Kiing Jr, jalqaba maqaansaa Mikeel jedhamee moggaafamee ture.

Abbaansaa Luba Mikeel Kiing waan tureef maqaan kun moggaafameef.

Namni kun mana amantii Atlaantaatti argamu Ebenezer Baptist Church jedhamutti paastarii ture.

Garuu guyyaa tokko osoo gara Jarmaniitti imaluu abbaansaa, Kiing Sr, miira maqaa ilmasaa kana akka jijjiiru isa taasise keessa seene.

Kunis duree rifoormii pirotestaantii keessatti gaggeeffame hordofuun ta'uutu himama.

Mana amantiitti kan guddatee fi ''haala daangeffame'' keessatti kan guddate Kiing Jr umriisaa waggaa 15tti kolleejjii Morehouse jedhamu seene.

Booda ammoo toora maatiinsaa irra turanitti galuun paastarii ta'e.

Barnoota amantiin mana barnootaa amantii Crozer Theological Seminary irraa digirii argate.

Yeroo booda Kiing Jr Yunivarsitii Bostan irraa barnoota amantii- Systematic Theology jedhamuun doktireetii isaa argate.

''Akkamiin akkan gara bulchiinsaatti dhufee fi falmaa mirga dhala namaa ta'e naaf hin galu,'' jedhe Kiing.

Duudhaan Martin Luutar Kiing Jr xaxaa siyaasaa Ameerikaa keessatti ga'ee olaanaa qaba.

Haasaan isaa- An Mul'atan qaba (I Have a Dream) jedhullee kan Ameerikaatti beekama.

Ameerikaanonni yaada gabbataa akka qabanii fi ittis jiraachuu akka qaban itti himuun hojiisaa ijoo ta'uu kan himu Martin Luutar Kiing, ''rakkoon of ta'uu kun yoo lammiileen Ameerikaa hedduun irratti hojjetan qofa furama,'' jedhe.

''Sababa sanyummaa fi bifaan qoqqoodiinsa namoota gidduu jiru yoo haqame rakkoon of ta'uurratti jiru furama.''

Garuu hanga ammaa rakkoon kun Ameerikaa keessa jira.

Martin Luutar Kiing Jr gaaffii fi deebii bara 1961 BBC waliin taasise keessatti ''lammiileen Ameerikaa [gurraachonni Ameerikaa] hedduun ammallee rakkoo diinagdee fi hawaasummaa keessattuu qoollifatamuudhaan walqabatee jiruun wal'aansoo qabaa jiru,'' jedhe.

Har'a intallisaa Dr Barniis Kiing qormaata abbaanshee taasisaa turetti waliigalti.

Duudhaatti amanti. Duudhaan maatii, kan ishee fi mul'ati qabsoo karaa nagaa sammuushee keessaa bakka guddaa qabaachuu BBCtti himte.

Haadha seeraa fi ministira taatee akka hojjettuuf kan ishee kakaasu ykn kan daandii saaqeef qabsoo abbaashee ta'uu himte.

''Dhala namaa fi namummaa qajeellootti hubachuu irratti dandeettii addaa qaba. Dubbii qalbii namaa cabsee seenuu fi gara milkaa'inaatti nama oofu dhiheessuun fakkeenyummaa nama qabudha,'' jechuun abbaashee ibsite.

Barniis Kiing intala Martin Luutar Kiing Jr ishee dhumaati.

Amma jaarmiyaa tola ooltummaa giddugala Kiing, kan haatishee Koreta Iskoot Kiing jedhamtu hundeessitee fi kaayyoonsaa barnoota babal'isuu ta'e dirsiti.

Daa'ima ta'ee ''addunyaa kanarratti hojii gargaarsa namummaa irratti guyyaa tokko akka dursu nan beekan ture,'' jette Barniis.

Wayita abbaanshee Memphis, Tennessee keessatti ajjeefamu Barniis Kiing umriinshee waggaa shan.

Hayyuun sooshiyooloojii Dr Haajaar Yazdiha duudhaa Martin Luutar Kiing yaadachuun seenaa siyaasaa Ameerikaa keessatti ''akka meeshaa siyaasaa humna qabeessaatti'' ilaalama.

Hayyuun kun duudhaa Martin Luutar Kiing irrattis kitaaba mata dureensaa The Struggle for the People's King: How Politics Transforms the Memory of the Civil Rights Movement jedhu barreesseera.

Kitaabni kun duudhaan Martin Luutar Kiing waggoota 40f akkamiin gar-malee akka hubatamee fi karaa dabaan akka hojiirra oole xiinxala.

Jechoota Kiing dubbate keessaa fuudhanii akka waan faallaa Pirezidantii duraanii Baraak Obaamaa ta'eefaatti mul'isuun akka ture kitaaba kana keessatti akka fakkeenyaatti eerameera.

''Akkaataan nuti itti waan darbe seenessinu eenyu akka goota turee fi eenyu akka hamaa ture nu hubachiisuu keessatti qooda guddaa qaba,'' jedhe Dr Haajaar Yazdiha.

Barniis bara 2023 sirna yaadannoo abaashee irratti haasaa ykn dubbii Kiing taasise keessaa kukkutanii dabaaf itti fayyadamuun balaa inni baatu irratti akeekkachiisa dubbatte.

Qabsoo karaa nagaa abbaanshee irratti wareegame kan namoota hedduuf hin hubatamne ''qo'achuu fi waan baayee keessaa baasuurratti'' xiyyeeffattee akka hojjettu himte.

''Abbaan kiyya sirriitti hin hubatamne. Sababni isaa ammoo waa'eesaa waan muraasa qo'anne,'' jette Barniis Kiing.

Balaa mallattoo ykn fakkeenya ta'uun qabu

Namni tokko sochii itti fufuun taasifamu tokko keessatti mallattoo yoo ta'e carraan seenaansaa jijjiiramuu ni bal'ata.

Rakkoon akkanaa nama fakkeenya ta'e ni mudata jedhe Dr Haajaar Yazdiha.

''Siyaasni seenaa keessa deebi'uun hojjetamu miidhaansaa seenaa darbe akka hin hubanne gochuu qofa miti. Waan ammaas akka hin hubanne mirkaneessuu of keessaa qaba.''

Barniis Kiing fi Dr Haajar Yazdiha lameen isaaniiyyuu sirna barnootaa US keessatti seenaan Martin Luutar Kiing akkaataan itti ibsame dogoggorsaa ta'uu akeekaniiru.

Keessattuu akkaataan warraaqsi mirga namootaa kitaaba barnootaa keessatti itti ibsame sirrii akka hin taane kaasan.

Hanga yeroo dhihootti dubbiin Martin Luutar Kiing akka waan US keessatti barnootatti gufuu ta'eetti ibsamaa ture.

Kanarraa ka'uun kitaabni waa'ee isaarratti barreeffamellee dhorkameera.

''Rakkoon walitti fufaadha. Barnootarratti ejjennoon inni qabu wayita ibsamu,'' jette Barniis Kiing.

''Bakka kanarratti xiyyeeffannee mari'achuu, irratti walfalmuu qabna jedheen yaada.''

Namni seenaa US keessatti akkaan beekamaa ta'ee fi seenaansaa yoomuu yaadatamu qixa sirrii ta'een hubatamuu dhabuun balaa hamaadha jedhe Dr Haajaar Yazdihaa.

Martin Luutar Kiing humna waraanaan qabsoo nagaa cabsuu, hiyyummaa fi sanyummaan qooduu irratti duulaa ture kan jedhu Dr Haajaar Yazdihaa, kunneen sadan ''nyaapha hawaasaati,'' jechuun waama.

''Duudhaa bara sochii mirga siivilii ture hordofuun barbaada. Sababni isaa hojichi gareen tokko kaanirratti akka ka'u, yookiin murni tokko olaantummaa aangoo qabatee isa kaan hacuucuu kan deeggaru waan hin taaneef,'' jedhe hayyuun sooshiyooloojii kun.

Kanneen waa'ee Kiing qo'atanii hubataniif ''qabsoon hadhooftuu fi yeroo dheertuu fudhatte garuu bu'aanshee mi'aawu'' ammallee kan loluufii qabaniidha.

''An intalasaati. Waan inni dubbataa ture keessatti of arguuf anis qoramuu akkan qabun hubadha,'' jedhe Barniis Kiing.